Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 71

Nu Raayyaa Yihowaa Ti!

Nu Raayyaa Yihowaa Ti!

(Yoʼel 2:7)

  1. 1. Nu raayyaa Yihowaa ti,

    Yesuusiin bulla.

    Seexanni nu mormuyyuu,

    Tokkummaan hiriirra.

    Garaadhaa tajaajilla,

    Hundaaf lallabna;

    Homaa hin sodaannu

    Kutatoo taana.

    (BUUSAA)

    Nu raayyaa Yihowaa ti,

    Kiristoos faana;

    Waaqni bulchuu akka

    Jalqabe himna.

  2. 2. Yihowaa tajaajilla,

    Dhaqnee barbaanna,

    Hoolota isaa badan,

    Gaddaaf booʼaa jiran.

    Deddeebinee dhaquudhaan

    Argannee soorra;

    Galma Walgaʼiitti

    Isaan affeerra.

    (BUUSAA)

    Nu raayyaa Yihowaa ti,

    Kiristoos faana;

    Waaqni bulchuu akka

    Jalqabe himna.

  3. 3. Nu raayyaa Yihowaa ti,

    Yesuus gaggeessaa.

    Guutummaatti hidhannee,

    Dhaabbanna karaasaa.

    Kan of eeggannu taʼus,

    Garraamii taana.

    Dhugaatti qabamna,

    Yeroo rakkinaa.

    (BUUSAA)

    Nu raayyaa Yihowaa ti,

    Kiristoos faana;

    Waaqni bulchuu akka

    Jalqabe himna.

(Dabalataan, Efe. 6:11, 14; Filp. 1:7; Film. 2 ilaali.)