Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 72

Dhugaa Mootummichaa Beeksisuu

Dhugaa Mootummichaa Beeksisuu

(Hojii Ergamootaa 20:20, 21)

  1. 1. Waaʼee daandii Kiristiyaanaa

    Beekumsa hin qabnu turre.

    Yihowaan ifa erge,

    Dhugaa Mootummichaa barre.

    Fedha Abbaa hubanneerra;

    Ajajasaa ni fudhanna.

    Guddaa taʼuusaa himna,

    Maqaa isaa qulqulluu ol kaasna.

    Manaa manaaf karaarratti,

    ni barbaanna hundaaf labsuu.

    Yeroo laannee hubachiisna,

    Dhugaa bilisa nu baasu.

    Babalʼisuuf yoo carraaqnu

    Waaqeffannaa dhugaa kana,

    Tokkummaan tajaajilla

    Dhaabaa hamma jedhutti hojjenna.

(Dabalataan, Iya. 9:9; Isa. 24:15; Yoh. 8:12, 32 ilaali.)