Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 75

“Kunoo, Ani Jira, Ana Ergi!”

“Kunoo, Ani Jira, Ana Ergi!”

(Isaayaas 6:8)

  1. 1. Namoonni Waaqa arrabsu;

    Maqaa isaa ni salphisu.

    Dadhabaa fi hamaa godhu.

    “Waaqayyo hin jiru” jedhu.

    Eenyuutu isaaf dhaabbata?

    Eenyutu isa faarfata?

    (BUUSAA 1)

    ‘Ana ergi kunoo Gooftaa!

    Yeroo hundan si faarfadha.

    Kun ulfina caalu hundarra.

    Na ergi kunoo jira!’

  2. 2. ‘Tarkaanfiiʼn fudhatu’ jedhan;

    Sodaa Waaqayyoo hin qaban.

    Dhagaa bocanii waaqessu.

    Waaqarra mootii caalchisu.

    Guyyicha eenyu haa labsu?

    Hamoo haa akeekkachiisu?

    (BUUSAA 2)

    ‘Ana ergi kunoo Gooftaa!

    Ani nan akeekkachiisa.

    Kun ulfina caalu hundarra.

    Na ergi kunoo jira!’

  3. 3. Gaddaa jiru garraamonni,

    Waan babalʼateef hamminni.

    Isaan argachuu barbaadu,

    Dhugaa nagaa sammuu fidu.

    Eenyu isaan haa jabeessu?

    Qajeelummaa haa barsiisu?

    (BUUSAA 3)

    ‘Ana ergi kunoo Gooftaa!

    Obsaanan isaan barsiisa.

    Kun ulfina caalu hundarra.

    Na ergi kunoo jira!’

(Dabalataan, Far. 10:4; His. 9:4 ilaali.)