Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 78

‘Dubbii Waaqayyoo Barsiisuu’

‘Dubbii Waaqayyoo Barsiisuu’

(Hojii Ergamootaa 18:11)

  1. 1. Dubbii Waaqayyoo barsiisuun

    Nama gammachiisa.

    Hojii kanarrattʼ hirmaachuun

    Guddaa dha buʼaansaa.

    Fakkeenya Yesuus hordofna,

    Jaalalaan barsiisna.

    Waaqatti dhihaachuu dandaʼu

    Namoonni barsiisnu.

  2. 2. Dubbii Waaqaa waan barsiisnuuf

    Gaarii gochuuf yaalla,

    Taanaan dhugaa akka qabnu

    Argu warri alaa.

    Cimnee qorra Dubbii Waaqaa,

    Misiraachoo qaba.

    Kennaa guddaa kana kennina

    Barannee jalqaba.

  3. 3. Dubbiisaa akka barsiisnu,

    Waan feenu nuu kenna.

    Gargaarsasaa yoo gaafanne,

    Nu dhagaʼa beekna.

    Dubbii isaa ni jaallanna;

    Beekna dhugaa taʼuu.

    Warra barsiisnu haa jaallannu,

    Barsiisota taʼu!