FAARFANNAA 79
Jabaatanii Akka Dhaabbatan Isaan Barsiisaa
-
1. Hoolota Yihowaa barsiisuun
Gammachuu argamsiisa.
Kan ofii akka godhan dhugaa,
Inni isaan geggeessa.
(BUUSAA)
Yaa Yihowaa nu dhagaʼi;
Eegumsa isaaniif godhi.
Maqaa Yesuusiin kadhanna;
Haa milkaaʼan, jabaatanii haa dhaabbatan.
-
2. Qorumsi yeroo ʼsaan mudate,
Isaaniif ni kadhanne.
Gargaaruuf yeroo ramanneerra;
Isaanis humnaʼn laafne.
(BUUSAA)
Yaa Yihowaa nu dhagaʼi;
Eegumsa isaaniif godhi.
Maqaa Yesuusiin kadhanna;
Haa milkaaʼan, jabaatanii haa dhaabbatan.
-
3. Waaqayyoof Ilma isaarratti,
Amantii haa qabaatan.
Haa ciman, haa ajajamani,
Jireenya haa argatan.
(BUUSAA)
Yaa Yihowaa nu dhagaʼi;
Eegumsa isaaniif godhi.
Maqaa Yesuusiin kadhanna;
Haa milkaaʼan, jabaatanii haa dhaabbatan.
(Dabalataan, Luq. 6:48; HoE. 5:42; Filp. 4:1 ilaali.)