FAARFANNAA 81
Jireenya Qajeelchitootaa
-
1. Ganama bariidhaan, aduun utuuʼn baʼin,
Hirriba ʼddaan kunnee
tajaajila baana kadhannee.
Namoota ni dubbisna fuula ifaadhaan.
Kaan nu dhaggeeffatu,
kaan dhiisanii deemu, ʼtti fufna.
(BUUSAA)
Kana filanneerra;
Yihowaaf jiraanna.
Waan nu ajaje ni raawwanna.
Aduudhaan, roobaanis,
Hojicha ʼtti fufna.
Jaalala Yihowaadhaaf qabnu mulʼisna.
-
2. Galgala galgala, yeroo lixxu aduun
Dadhabnus jabaannee
galata galchina gammachuun.
Qajeelchaa taʼuudhaan waan wayyu kennina.
Galata galchinaaf
yeroo hunda waan nu eebbisuuf.
(BUUSAA)
Kana filanneerra;
Yihowaaf jiraanna.
Waan nu ajaje ni raawwanna.
Aduudhaan, roobaanis,
Hojicha ʼtti fufna.
Jaalala Yihowaadhaaf qabnu mulʼisna.
(Dabalataan, Iya. 24:15; Far. 92:2; Rom. 14:8 ilaali.)