Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 84

Bakka Gargaarsi Barbaachisutti Tajaajiluu

Bakka Gargaarsi Barbaachisutti Tajaajiluu

(Maatewos 9:37, 38)

  1. 1. Gammachuu fi milkaaʼinni

    Karaa ʼrgamu beeka Waaqni.

    Carraa hedduu nuuf baneera

    Tajaajilaaf, sochii biraaf.

    (BUUSAA)

    Gargaarsa ni goona,

    Waaqaaf kennina.

    Iddoo barbaachisu ni deemna;

    fedhaan hojjenna.

  2. 2. Biyya hunda hojiin jira.

    Barbaachisnaan ni gargaarra.

    Hirmaannaa gochuu barbaanna.

    Jaalala ni argisiisna.

    (BUUSAA)

    Gargaarsa ni goona,

    Waaqaaf kennina.

    Iddoo barbaachisu ni deemna;

    fedhaan hojjenna.

  3. 3. As dhihoottis ni ijaarra,

    Hojii haaraa barree yaalla.

    Afaan haaraa ni baranna

    Misiraachoo hundattʼ himna.

    (BUUSAA)

    Gargaarsa ni goona,

    Waaqaaf kennina.

    Iddoo barbaachisu ni deemna;

    fedhaan hojjenna.

(Dabalataan, Yoh. 4:35; HoE. 2:8; Rom. 10:14 ilaali.)