Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 87

Kottaa Haaromaa

Kottaa Haaromaa

(Ibroota 10:24, 25)

  1. 1. Addunyaa mancaʼe keessa jiraanna;

    Namoonni Waaqa hin beekne.

    Qajeelfamni gaariin nu barbaachisa;

    Hin milkoofnu ofiin deemnee.

    Walgaʼiiwwan keenya nama haaromsu;

    Abdii keenya nuu dhugoomsu.

    Dubbii hojiidhaaf kakaasu dhageenya,

    Itti fufuuf humna ʼrganna.

    Waan Yihowaan nu ajaje hin dhiisnu;

    Fedhasaa guutuu barbaanna.

    Walgaʼiirratti waan sirrii baranna;

    Caalaatti dhugaa jaallanna.

  2. 2. Yihowaan waan nu barbaachisu beeka;

    Gorsasaa fudhachuu qabna.

    Ogummaa akka qabnu argisiisna

    Walgaʼiif yeroo ramanna.

    Barsiisa obbolootaa haa hordofnu,

    Amantiidhaan akka cimnu.

    Obbolootarraa gargaarsa arganna,

    Kophaa keenya miti beekna.

    Yeroo gammachiisaa eeggachaa jirra,

    Hin fagaannu obbolaarraa.

    Buluu baranna ogummaa Waaqaatiin

    Walgaʼiirratti argamnaan.