FAARFANNAA 96
Kitaabni Qulqulluun Qabeenya Guddaa Dha
-
1. Kitaabni guddaan adda taʼe jira,
Nagaa, gammachuu fi abdii kenna.
Yaannisaa humna guddaa kan qabu dha;
“Duʼaa” jiraachisa, ija “bana.”
Kitaabni kun Kitaaba Qulqulluu dha.
Namoota Yihowaa jaallatantu
Geggeessaa hafuurasaatiin barreesse,
Hafuurichatu isaan kakaase.
-
2. Waaʼee uumamawwan Waaqaa galmeessan,
Hawaan humnasaatiin argamuusaa.
Namni cubbuu malee ʼkka ture himan,
Booda garuu Jannanni baduusaa.
Waaʼee maleekaa tokkoos ibsaniiru
Taʼuusaa Yihowaadhaan morkataa.
Morkiin kun cubbuu fi gaddatti geesse;
Yihowaan dhiheenyattʼ injifata.
-
3. Amma gammaduuf sababii ni qabna:
Mootiin Waaqni muude bulchaa jira.
Mootummichi eebba akka nuu fidu
Misiraachoo hundattʼ himaa jirra.
Kun hundi kitaabicharrattʼ argama;
Maaddii qulqulluu dha ni sooranna.
Nagaa hubannaadhaa ol taʼe kenna;
Akka ʼsa dubbisnu nu affeera.
(Dabalataan, 2 Xim. 3:16; 2 Phe. 1:21 ilaali.)