Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 99

Obboloota Kumaatama

Obboloota Kumaatama

(Mulʼata 7:9, 10)

  1. 1. Obboloonni kumaatamni,

    Baayʼinaan argamu;

    Hundi amanamoo dha,

    Ejjennoo ni qabu.

    Baayʼee dabalaa jirra,

    Heddummina qabna;

    Sanyiif gosa hundarraa dhufnee,

    Yihowaa jajanna.

  2. 2. Obboloonni kumaatamni,

    Deemnee bakka hunda

    “Misiraachoo” lallabna,

    Hedduutu barbaada.

    Yeroo lallabanitti

    Arganis rakkina,

    Kiristoos isaaniif ni kenna,

    Nagaa fi boqonnaa.

  3. 3. Obboloonni kumaatamni,

    Eegumsa argatu.

    Halkanis taʼe guyyaa

    Waaqaaf ni hojjetu.

    Baayʼachaatuma deemna,

    Misiraachoo himna;

    Lafarrattʼ Waaqa tajaajilla,

    Wal faana hojjenna.

(Dabalataan, Isa. 52:7; Mat. 11:29; Mul. 7:15 ilaali.)