Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 100

Keessummummaa Isaan Simadhaa

Keessummummaa Isaan Simadhaa

(Hojii Ergamootaa 17:7)

  1. 1. Yihowaan garaadhaa nama simata.

    Innʼ wal hin caalchisu hunda jaallata.

    Roobaaf aduu kenna,

    hundaaf godha kana;

    Nyaata nuu kenna, ni gammanna.

    Waan gaarii yoo goone kan rakkataniif,

    Ilmaan jaallatamoo taana Waaqayyoof.

    Gaarummaa mulʼisnuuf

    Yihowaan nu kiisa,

    Gaarummaa madduuf garaa keessaa.

  2. 2. Namoota rakkatan yeroo gargaarru,

    Faayidaa argamu duraʼn agarru.

    Orma taʼanillee,

    ni keessummeessina;

    Waan ʼsaan barbaachisu ni goona.

    ‘Nooraa’ jennaan akka Liidiyaa durii.

    Nu biraa argatu boqonnaa gaarii.

    Abbaan keenya beeka

    warra ʼsa fakkaatan,

    Warra akka ʼsaa garaa laafan.