Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 105

“Waaqayyo Jaalala Dha”

“Waaqayyo Jaalala Dha”

(1 Yohaannis 4:7, 8)

  1. 1. Waaqni keenya jaalala dha,

    Jedheera ‘Na fakkaadhaa.’

    Namootaaf Waaqa jaallannaan,

    Waan gaarii ni raawwanna.

    Jireenyi hiika qabaata;

    Nutis kana barbaanna.

    Jaalala akka Kiristoos

    Qabaachuu argisiisna.

  2. 2. Waaqaa fi dhugaa jaallachuun,

    Hojiidhaaf nu kakaasa.

    Kufnaan Waaqni nu gargaara;

    Harkisaa ol nu kaasa.

    Qulqulluu dha hin hinaafu,

    Jaalalli danda’aa dha.

    Jaalala ni guddifanna;

    Miʼaasaa dhandhamanna.

  3. 3. Matumaa hin mufatinaa;

    Haaloo hin qabatinaa.

    Waaqa gaafadhaa gargaarsa;

    Daandiisaa ʼsin barsiisa:

    Waaqaa fi nama jaallachuu,

    Waan kun gaafatu gochuu.

    Namaaf qabaachuuf carraaqaa,

    Jaalala akka Waaqaa.