Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 111

Sababa Itti Gammannu

Sababa Itti Gammannu

(Maatewos 5:12)

  1. 1. Sababni gammannuuf hedduu dha,

    Ni dabala yeroo hunda.

    Saba hunda keessaa dhufanii

    Nutti makaman namoonni.

    Gammachuu guddaa argamsiisa,

    Wanti barsiisu Dubbiinsaa.

    Guyyaa hunda irraa baranna;

    Erga dhageenyee amanna.

    Akka ibidda garaa keessaa,

    Gammachuun keenya hin dhaamu.

    Yihowaan jabeessee nu dhaaba,

    Rakkoof qorumsʼ yeroo cimu.

    (BUUSAA)

    Yihowaan gammachuu keenya,

    Hojiisaatti ni gammanna.

    Yaannisaa dinqii, hojiinsaa guddaa,

    Gaarummaaf humnisaa adda.

  2. 2. Gammachuun ilaalla uumama,

    Samiif lafa hojii Uumaa.

    Wanta uume sirriittʼ hubanna,

    Hojii harkasaa jajanna.

    Waaʼee Mootummichaa lallabna

    Gammachuudhaan dhugaa baana.

    Dhalachuusaa fi eebba fidu,

    Bakka hundatti dubbanna.

    Yeroon gammachuu dhihaateera,

    Nuu bariʼuuf jedha halkan.

    Gammachuu bara baraa fidu

    Samii haaraaf lafti haaraan.

    (BUUSAA)

    Yihowaan gammachuu keenya,

    Hojiisaatti ni gammanna.

    Yaannisaa dinqii, hojiinsaa guddaa,

    Gaarummaaf humnisaa adda.

(Dabalataan, Kes. 16:15; Isa. 12:6; Yoh. 15:11 ilaali.)