Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 117

Gaarummaa

Gaarummaa

(2 Seenaa 6:41)

  1. 1. Yaa Yihowaa Waaqa gaarii,

    Ati nu eebbisteetta.

    Qulqulluu dha amanamaa,

    Gaarummaa guddaa qabda.

    Ooʼa nutti argisiista,

    Hamma nuuf malu caalaa.

    Gammannee si tajaajilla,

    Waaqeffannaan siif mala.

  2. 2. Sabni kee ati filattes

    Gaarummaa calaqqisa;

    Amalliif lallabnisaanii

    Kana ni mirkaneessa.

    Jaarsoliif barsiisa keetiin,

    Buʼaa gaariin argame.

    Gaarummaa haa argisiisnu,

    Nuu kenni hafuura kee.

  3. 3. Xinnaatullee nuu eebbisi

    Gaarummaa argisiisnu.

    Obbolootaaf gaarii gochuun

    Hundumaa haa jaallannu.

    Maatiif gumii, ollaa hundaaf

    Jaalala haa qabaannu,

    Hafuura kee nuu kenniitii,

    Hundaaf gaarii haa taanu.