FAARFANNAA 120
Akka Kiristoositti Garraamota Taʼaa
-
1. Yesuus nama hunda ni caala ture
Taʼus hawwiin isaʼn moone, hin koorre.
Kaayyoo Abbaa isaa ni raawwachiisa,
Garuu yeroo hunda gad of deebisa.
-
2. Affeereera warra dhiphatan mara,
Baʼaa itti ulfaate ni gargaara.
Kan Mootummicha dursan boqochiisa.
Garraamiitti gaarummaa argisiisa.
-
3. Gooftaan jedhe: ‘Hundi keessan obbolaa.’
Gad of qabnee geggeessaa keenyaaf bulla.
Waaqni iddoo guddaa kenna garraamiif
Waadaa gale lafa isaan dhaalchisuuf.
(Dabalataan, Fak. 3:34; Mat. 5:5; 23:8; Rom. 12:16 ilaali.)