Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 124

Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

(Faarfannaa 18:25, NW)

  1. 1. Jaalala Yihowaaf qabnu

    Argisiisuu barbaanna.

    Isaaf waan of murteessineef,

    Ajajasaa baranna.

    Gorsi isaa nu fayyada,

    Isaaf ni ajajamna.

    Inni Waaqa amanamu;

    Isa cinaa dhaabbanna.

  2. 2. Obbolootaaf amanamna,

    Jirraaf yeroo rakkinaa.

    Ni yaannaaf, isaan amanna;

    Dubbiif gochaan cimsina.

    Obbolootaaf iddoo laanna;

    Garaadhaa ʼsaan kabajna.

    Isaanirraa hin fagaannu,

    Caalaattʼ itti dhihaanna.

  3. 3. Obboloota geggeessaniif

    Amanamoo ni taana.

    Qajeelfama yeroo kennan,

    Jaalalaan ajajamna.

    Yihowaanis nu eebbisa

    Kunimmoo nu jabeessa.

    Amanamummaa qabaannaan,

    Nu jaallata Yihowaan.

(Dabalataan, Far. 149:1; 1 Xim. 2:8; Ibr. 13:17 ilaali.)