Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 126

Dammaqi, Jabaadhu, Cimi!

Dammaqi, Jabaadhu, Cimi!

(1 Qorontos 16:13)

  1. 1. Dammaqi, jabaadhu, cimi

    Duubatti hin jedhini.

    Moʼicha guddaa argatta,

    Matumaa hin laafini.

    Kiristoosiif ni ajajamna;

    Hojii keenyaan ni argisiisna.

    (BUUSAA)

    Dammaqi, jabaadhuutii, cimi!

    Matumaa hin laafini!

  2. 2. Dammaqi of hin gatini,

    Ajajamuuf qophaaʼi.

    Ajaja Yesuus hordofi

    Garbichasaa dhagaʼi.

    Gorsa jaarsolii hin tuffatin,

    Tiksee hoolotasaa ti isaan.

    (BUUSAA)

    Dammaqi, jabaadhuutii, cimi!

    Matumaa hin laafini!

  3. 3. Dammaqinaan tokkummaadhaan

    Misiraachichaaf lolla.

    Diinonni isa mormanis,

    Hanga dhumaa lallabna.

    Tokkummaadhaan Waaqa faarfanna.

    Guyyichi dhihaachuusaa beekna.

    (BUUSAA)

    Dammaqi, jabaadhuutii, cimi!

    Matumaa hin laafini!