Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 134

Ijoolleen Waaqayyo Irraa Adaraa Kennaman

Ijoolleen Waaqayyo Irraa Adaraa Kennaman

(Faarfannaa 127:3-5)

  1. 1. Abbaa yeroo taʼu dhiirri,

    Daaʼima yoo godhattu dubartiin,

    Haa yaadatan kansaanii qofa

    Akkaʼn taane daaʼimni sun.

    Yihowaatu isaaniif kenne;

    Inni Madda lubbuuf jaalalaa ti.

    Warraaf qajeelfama ni kenna,

    Akka jiraatan ogummaatti.

    (BUUSAA)

    Kennameera ʼsiniif adaraan;

    Isin harka jira lubbuun.

    Qajeelfama Waaqaatiin gorsaa;

    Waa hundarra kanatʼ dursa.

  2. 2. Ajajni Yihowaa hundi

    Garaa keessan keessa taaʼuu qaba.

    Dubbii kana isaanittʼ himuun,

    Isinirraa ni eegama.

    Karaarratti, mana keessatti,

    Yoo ciistan yoo kaatan itti himaa.

    Yeroo guddatan yaadatanii,

    Haa qabaatan amanamummaa.

    (BUUSAA)

    Kennameera ʼsiniif adaraan;

    Isin harka jira lubbuun.

    Qajeelfama Waaqaatiin gorsaa;

    Waa hundarra kanatʼ dursa.

(Dabalataan, Kes. 6:6, 7; Efe. 6:4; 1 Xim. 4:16 ilaali.)