FAARFANNAA 138
Bareedina Harrii
-
1. Nu gidduutti argamu,
Warri dullooman.
Obsaan dandaʼaniiru;
Harka hin kennan.
Humna dhabuu dandaʼu;
Hiryaanis duʼuu.
Amantiisaanii argiif
Jireenya kenniif.
(BUUSAA)
Ati ni yaadatta
Amantiisaanii.
Isaan jajjabeessi;
“Ishoo!” jedhiini.
-
2. Qajeelinaan argamnaan
Ulfina harriin.
Waaqayyoof ni bareedu
Warrʼ amanamoon.
Isaanis kanaan dura
Dargaggoo turan.
Yeroo jabina qaban
Waan wayyu kennan.
(BUUSAA)
Ati ni yaadatta
Amantiisaanii.
Isaan jajjabeessi;
“Ishoo!” jedhiini.
(Dabalataan, Far. 71:9, 18; Fak. 20:29; Mat. 25:21, 23; Luq. 22:28; 1 Xim. 5:1 ilaali.)