Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 145

Waadaa Waaqayyo Jannata Fiduuf Gale

Waadaa Waaqayyo Jannata Fiduuf Gale

(Luqaas 23:43)

  1. 1. Jannatatti Waaqni nu galcha,

    Yesuus waggaa kumaaf bulcha;

    Cubbuuf yakka hunda balleessa;

    Dhibeef duʼa ni hambisa.

    (BUUSAA)

    Jannata ni taati lafti;

    Ni argina amantiidhaan.

    Gooftaan kana ni raawwata;

    Fedha abbaasaa ni guuta.

  2. 2. Yesuus warra duʼan ni kaasa;

    Kaayyoo Waaqaa fiixaan baasa.

    ‘Anaa wajjin jannata galta’

    Isa jedhe ni raawwata.

    (BUUSAA)

    Jannata ni taati lafti;

    Ni argina amantiidhaan.

    Gooftaan kana ni raawwata;

    Fedha abbaasaa ni guuta.

  3. 3. Lafa jannatatti jijjiira;

    Mootii taʼee bulchaa jira.

    Abbaa keenya galateeffanna;

    Garaadhaa isa jajanna.

    (BUUSAA)

    Jannata ni taati lafti;

    Ni argina amantiidhaan.

    Gooftaan kana ni raawwata;

    Fedha abbaasaa ni guuta.

(Dabalataan, Mat. 5:5; 6:10; Yoh. 5:28, 29 ilaali.)