Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 148

Yihowaan Nu Oolcha

Yihowaan Nu Oolcha

(2 Saamuʼel 22:1-8)

  1. 1. Yihowaa, jiraataa taʼuu kee mulʼiste;

    Lafa, samiif garba,

    hojii keetiin guutte.

    Waaqni siin wal qixxaachuu

    dandaʼu hin argamu.

    Diinonni ni dhumu.

    (BUUSAA)

    Yihowaan amanamoo ni hambisa.

    Sabasaaf dawoo taʼuusaa argisiisa.

    Sodaa malee waaʼee Yihowaa

    amantiidhaan ni beeksisna;

    Fayyisaa keenya,

    ni jajanna.

  2. 2. Hidhaa duʼaatiin xaxamus sin waammadha,

    “Sodaa koo balleessi,

    na jabeessin” jedha.

    Iddoo jireenyaa keetii

    dhagaʼi kadhannaa koo,

    Na oolchi Waaqa koo.

    (BUUSAA)

    Yihowaan amanamoo ni hambisa.

    Sabasaaf dawoo taʼuusaa argisiisa.

    Sodaa malee waaʼee Yihowaa

    amantiidhaan ni beeksisna;

    Fayyisaa keenya,

    ni jajanna.

  3. 3. Samiirraa sagalee

    guddaa dhageessista.

    Diinonni ni romʼu;

    sabni kee si faarsa.

    Ati waan feete taʼuu

    ni dandeessa;

    Fayyisaa taʼuu kee mulʼista.

    (BUUSAA)

    Yihowaan amanamoo ni hambisa.

    Sabasaaf dawoo taʼuusaa argisiisa.

    Sodaa malee waaʼee Yihowaa

    amantiidhaan ni beeksisna;

    Fayyisaa keenya,

    ni jajanna.

(Dabalataan, Far. 18:1, 2; 144:1, 2 ilaali.)