Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 1

“Waaqa Kee Yihowaa Waaqeffadhu”

“Waaqa Kee Yihowaa Waaqeffadhu”

Maatewos 4:10

YAADA IJOO: Waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuu kan qabu maaliifi?

1, 2. Yesuus Dh.K.B. bara 29 waqtii birraatti gara lafa onaa Yihudaa kan dhufe akkamitti? Achitti hoo maaltu isa mudate? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

YEROON isaa Dh.K.B. bara 29 jalqaba waqtii birraa ture; Yesuus lafa onaa Yihudaa isa Galaana Duʼaa irraa kallattii kaabaatiin argamu keessa ture. Erga cuuphamee fi dibamee booda hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gara bakka kanaa dhufe. Yesuus soomuuf, kadhachuu fi xiinxaluuf, lafa onaa kattaawwanii fi sululawwan itti baayʼatan kana keessa guyyaa 40 tureera. Tarii yeroo kanatti Yihowaan wanta gara fuulduraatti isa eeggatuuf isa qopheessuuf Ilma isaa haasofsiisaa ture taʼa.

2 Yesuus beelaʼuu isaatiin kan kaʼe yeroo dadhabetti Seexanni gara isaa dhufe. Wanti sanatti aansee raawwatame dhimmi guddaan siinis dabalatee warra waaqeffannaa qulqulluu jaallatan hunda ilaallatu maal akka taʼe kan ibsu dha.

“Ilma Waaqayyoo Yoo Taate . . . ”

3, 4. (a) Seexanni qorumsawwan jalqabaa lamaan kan jalqabe jechoota akkamiitiin ture? Yesuus waaʼee maalii akka shakku gochuuf yaalaa ture? (b) Yeroo ammaatti Seexanni malawwan wal fakkaatanitti kan fayyadamu akkamitti?

3 Maatewos 4:1-7 dubbisi. Seexanni qorumsawwan jalqabaa lamaan kan dhiheesse jechoota haxxummaa irratti hundaaʼanii fi “Ilma Waaqayyoo yoo taate” jedhaniin ture. Seexanni akkana kan jedhe Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa shakkeetii? Lakki. Maleekaan ilma Waaqayyoo turee fi yeroo booda fincile kun Yesuus Ilma Waaqayyoo isa angafaa taʼuu isaa akka gaariitti beeka ture. (Qol. 1:15) Seexanni yeroo Yesuus cuuphametti Yihowaan samii irraa “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha” jedhee dubbachuu isaa akka beekus hin shakkisiisu. (Mat. 3:17) Tarii Seexanni Yesuus Abbaan isaa amanamaa fi dhugumaan kan isaaf yaadu taʼuu isaa akka shakku gochuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Seexanni qorumsa isa jalqabaa irratti Yesuus dhagoota gara daabbootti akka jijjiiru yommuu isa gaafatetti, karaa biraatiin, ‘Ilma Waaqayyoo erga taatee, Abbaan kee lafa onaa homtuu keessa hin jirre kana keessatti maaliif si hin sooru?’ jedhee gaafachaa ture jechuun ni dandaʼama. Qorumsa isa lammaffaa irratti immoo Yesuus fiixee mana qulqullummaa irraa akka utaalu yommuu isa gaafatetti, karaa biraatiin ‘Ilma Waaqayyoo erga taatee, dhugumaan Abbaan kee akka si eegu itti hin amanamtuu?’ jedhee gaafachaa ture jechuun ni dandaʼama.

4 Seexanni yeroo harʼaattis mala wal fakkaatutti fayyadama. (2 Qor. 2:11) Waaqeffattoonni dhugaan hamma dadhabanitti ykn abdii kutatanitti erga eegee booda, yeroo baayʼee karaa dhokataa taʼeen isaan haleela. (2 Qor. 11:14) Inni Yihowaan matumaa akka nu hin jaallanne ykn isa biratti fudhatama argachuu akka hin dandeenye akka amannu gochuudhaan nu gowwoomsuuf yaala. Kana malees Seexanni Yihowaan amanamaa akka hin taanee fi abdii Dubbii isaa keessatti kenne akka hin raawwanne nu amansiisuuf yaalii godha. Haa taʼu malee kun soba guddaa dha. (Yoh. 8:44) Maarree sobawwan kana irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Yesuus qorumsawwan jalqabaa lamaaniif deebii kan kenne akkamitti?

5 Mee qorumsawwan lamaan jalqabaatiif Yesuus akkamitti deebii akka kenne haa ilaallu. Yesuus Abbaan isaa akka isa jaallatu hin shakku ture; akkasumas guutummaatti isatti amanama ture. Yesuus mamii tokko malee Dubbii Abbaa isaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame irraa caqasuudhaan Seexana mormeera. Yeroo kanatti Yesuus caqasawwan maqaa Yihowaa qabatan caqasuun isaa sirrii ture. (Kes. 6:16; 8:3) Yesuus maqaa Yihowaa jedhutti fayyadamuudhaan Abbaa isaatti akka amanamu argisiiseera. Maqaan adda taʼe kun immoo Yihowaan waadaa gale hundumaa akka raawwatu mirkaneessa. *

6, 7. Haleellaawwan dhoksaatti Seexanni nu irratti banu moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Dubbii Waaqayyootti amanamuu fi hiika maqaan isaa qabu irratti xiinxaluudhaan haleellaa Seexanaa isa dhokataa taʼe of irraa faccisuu ni dandeenya. Caqasawwan Yihowaan warra abdii kutatan dabalatee waaqeffattoota isaa akka jaallatuu fi isaaniif akka yaadu ibsan nuufis akka hojjetan kan yaannu yoo taʼe, soba Seexanaa isa Yihowaan matumaa isin hin jaallatu ykn isa biratti fudhatama argachuu hin dandeessan jedhu mormuu ni dandeenya. (Far. 34:18; 1 Phe. 5:8) Yihowaan yeroo hunda hiika maqaan isaa qabuu wajjin haala wal simuun tarkaanfii akka fudhatu kan yaadannu yoo taʼe, guutummaatti isatti amanamuun keenya sirrii taʼuu isaa hin shakkinu.—Fak. 3:5, 6.

7 Haa taʼu malee kaayyoon Seexanaa inni guddaan maali dha? Wanti inni dhugumaan nu irraa barbaadu hoo maali dha? Seexanni qorumsa sadaffaa Yesuusiif yommuu dhiheessetti deebiin gaaffii kanaa ifa taʼeera.

‘Siʼa Tokko Qofa Jilbeenfadhuu Na Waaqeffadhu’

8. Seexanni qorumsa isa sadaffaa irratti maal akka barbaadu kan ibse akkamitti?

8 Maatewos 4:8-11 dubbisi. Seexanni qorumsa sadaffaa irratti wanta barbaadu dhoksaadhaan utuu hin taʼin ifatti dubbateera. Tarii (mulʼataan taʼuu hin oolu) “mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii” Yesuusitti argisiise; mancaʼiinsa isaanii garuu isatti hin argisiisne. Achiis Yesuusiin, “Siʼa tokko qofa jilbeenfattee yoo na waaqeffatte wantoota kana hundumaa siif nan kenna” jedhe. * Kana irraa hubachuu akka dandeenyutti wanti inni barbaade waaqeffatamuu ture! Seexanni Yesuus Abbaa isaa akka dhiisu, isa immoo akka waaqa isaatti akka ilaalu barbaadee ture. Yesuus karaa salphaa fakkaatuun wanta kana akka argatu affeerraa isaaf dhiheesse. Seexanni Yesuus dhiphachuun, gonfoo qoree kaaʼachuun, garafamuunii fi muka dhiphinaa irratti fannifamuun utuu isa hin barbaachisin aangoo fi qabeenya addunyaa hundumaa argachuu akka dandaʼu yaada dhiheesseera. Qorumsi kun dhugaa ture. Sababiin isaas Yesuus mootummoonni addunyaa kan Seexanaa taʼuu isaanii hin haalle. (Yoh. 12:31; 1 Yoh. 5:19) Dhuguma iyyuu Seexanni Yesuus waaqeffannaa qulqulluu Abbaa isaatiif dhiheessu irraa akka garagalu gochuuf wanta akkamii iyyuu kennuuf fedhii qaba ture.

9. (a) Seexanni waaqeffattoota dhugaa irraa maal barbaada? Nu qoruuf kan yaalu hoo akkamitti? (b) Waaqeffannaan keenya maal dabalata? (Saanduqa “Waaqeffannaa Jechuun Maal Jechuu Dha?” jedhu ilaali.)

9 Harʼas Seexanni kallattiidhaanis taʼe al kallattiidhaan akka isa waaqeffannu barbaada. Inni ‘waaqa sirna kanaa’ waan taʼeef waaqeffannaa sobaa amantiiwwan Baabilon Guddittii keessatti dhihaatu hundumaa irraa faayidaa argata. (2 Qor. 4:4) Haa taʼu malee, waaqeffannaan sobaa namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman isaaf dhiheessan itti hanqatee, namoonni waaqeffannaa dhugaa dhiheessan fedhii Waaqayyoo irraa karaa faallaa taʼeen akka deeman isaan qoruu barbaada. Daandii Kiristiyaanummaa isa ‘qajeelummaadhaaf jecha’ rakkachuu gaafatu hordofuu mannaa, addunyaa isaa keessatti qabeenyaa fi aangoo akka barbaannu nu gowwoomsuuf yaala. (1 Phe. 3:14) Waaqeffannaa qulqulluu akka dhiisnuu fi kutaa addunyaa Seexanaa akka taanu qorumsa nuu dhihaatuuf harka kan kenninu yoo taʼe, karaa biraatiin Seexanni waaqa keenya akka taʼu gochuudhaan jilbeenfannee isa waaqeffachaa jirra jechuu dha. Maarree qorumsa akkasii moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

10. Yesuus qorumsa sadaffaadhaaf deebii kan kenne akkamitti? Maaliif?

10 Yesuus qorumsa sadaffaadhaaf akkamitti deebii akka kenne hubadhaa. Yeruma sana qaama isa qoraa ture sanaan, “Seexana nana, na duraa deemi!” jechuudhaan guutummaatti Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu isaa argisiiseera. Achiis Yesuus akkuma qorumsawwan jalqabaa lamaan irratti godhe, kitaaba Keessa Deebii isa maqaa Waaqayyoo qabate irraa caqasuudhaan, “‘Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’ kan jedhu barreeffameera” jedheera. (Mat. 4:10; Kes. 6:13) Akka kanaan Yesuus aangoo iddoo guddaa qabu, garuu immoo yeroo dheeraa hin turre fudhachuu dideera. Yesuus, waaqeffatamuu kan qabu Abbaa isaa qofa akka taʼee fi yeroo tokkoof illee taanaan Seexana ‘waaqeffachuun’ isaaf bitamuu kan argisiisu taʼuu isaa hubateera. Yesuus, Seexanni inni hamaan waaqa isaa akka taʼu matumaa hin barbaanne. Wanta inni jedhe fudhachuu waan dideefis “Diyaabilos isa dhiisee deeme.” *

“SEEXANA NANA, NA DURAA DEEMI!” (Keeyyata 10 Ilaali)

11. Seexanaa fi qorumsawwan isaa mormuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Nutis akkuma Yesuus filannaa gochuu waan dandeenyuuf, Seexanaa fi qorumsawwan addunyaa isaa isa hamaa moʼuu ni dandeenya. Yihowaan mirga filannaa isa gatii guddaa qabu nuu kenneera. Kanaafuu, hafuura hamaa humna guddaa qabu, jechuunis Seexana dabalatee eenyu illee waaqeffannaa qulqulluu akka dhiisnu nu dirqisiisuu hin dandaʼu. Nutis amanamummaadhaan ‘amantiitti cimnee Seexana yommuu morminu’ karaa biraatiin, “Seexana nana, na duraa deemi!” jechaa jirra jechuu dha. (1 Phe. 5:9) Seexanni Yesuus cimsee erga isa mormee booda isa dhiisee deemuu isaa yaadadhaa. Haaluma wal fakkaatuun Kitaabni Qulqulluun, “Diyaabilosiin . . . mormaa, innis isin irraa ni baqata” jechuudhaan nuu mirkaneessa.—Yaq. 4:7.

Qorumsawwan addunyaa Seexanaa moʼuuf filachuu ni dandeenya (Keeyyata 11, 19 Ilaali)

Diina Waaqeffannaa Qulqulluu

12. Seexanni iddoo biqiltuu Eedan keessatti diina waaqeffannaa qulqulluu taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

12 Seexanni qorumsa isaa isa dhumaa irratti diina waaqeffannaa qulqulluu isa jalqabaa taʼuu isaa argisiiseera. Waggoota kumaan lakkaaʼaman dura iddoo biqiltuu Eedan keessatti yeroo jalqabaatiif waaqeffannaa Yihowaa akka jibbu argisiiseera. Seexanni Hewaan ishii Addaam ajaja Yihowaa akka cabsu isa amansiiste gowwoomsuudhaan bulchiinsaa fi toʼannoo isaa jala isaan galcheera. (Uumama 3:1-5 dubbisi; 2 Qor. 11:3; Mul. 12:9) Isaan eenyummaa qaama isaan gowwoomsaa ture sanaa kan hin beekne taʼanis, inni waaqa isaanii taʼeera; isaan immoo waaqeffattoota isaa taʼaniiru. Kana malees Seexanni Eedan keessatti fincila sana kaasuudhaan ol aantummaa Yihowaa ykn mirga inni bulchuuf qabu irratti gaaffii kaasuu qofa utuu hin taʼin, waaqeffannaa qulqulluu irrattis haleellaa baneera. Akkamitti?

13. Waaqeffannaa qulqulluun gaaffii ol aantummaa wajjin walitti dhufeenya kan qabu akkamitti?

13 Gaaffiin ol aantummaa ilaalchisee kaʼe waaqeffannaa qulqulluus kan dabalatu dha. Waaqeffatamuu kan qabu qaama ol aantummaa qabuu fi ‘wantoota hundumaa uume’ dha. (Mul. 4:11) Yihowaan Addaamii fi Hewaan warra mudaa hin qabne uumee iddoo biqiltuu Eedan keessa yommuu isaan kaaʼetti, kaayyoon isaa yeroo booda guutummaan lafaa namoota mudaa hin qabnee fi waaqeffannaa qulqulluu garaa qulqulluu irraa madde isaaf dhiheessaniin akka guutamtuuf ture. (Uma. 1:28) Seexanni ol aantummaa Yihowaa irratti gaaffii kan kaase, waaqeffannaa Yihowaa isa Gooftaa ol aanaa taʼeef qofa malu fudhachuu waan hawweefi.—Yaq. 1:14, 15.

14. Seexanni haleellaa waaqeffannaa qulqulluu irratti baneen milkaaʼeeraa? Ibsi.

14 Seexanni haleellaa waaqeffannaa qulqulluu irratti baneen milkaaʼeeraa? Addaamii fi Hewaaniin Waaqayyo irraa fageessuu dandaʼeera. Yeroo sanaa jalqabee hamma dandaʼametti namoota hedduu Yihowaa irraa fageessuuf jecha waaqeffannaa dhugaa irratti waraana baneera. Seexanni waaqeffattoota Yihowaa bara Kiristiyaanummaa dura turanis qoruu irraa duubatti hin jenne. Hamminaan kakaʼee Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti gantummaatti fayyadamuudhaan gumii Kiristiyaanaa mancaaseera; kanaan kan kaʼes yeroo booda waaqeffannaa qulqulluun waan bade fakkaatee ture. (Mat. 13:24-30, 36-43; HoE. 20:29, 30) Dhaloota Kiristoos Booda jalqaba jaarraa lammaffaatti waaqeffattoonni dhugaan yeroo dheeraadhaaf boojuu Baabilon Guddittii ishii amantii sobaa addunyaa mara irra jiran hunda argisiistu jala galaniiru. Haa taʼu malee, Seexanni waaqeffannaa qulqulluu ilaalchisee kaayyoo Waaqayyo qabu fashaleessuu hin dandeenye. Waaqayyo kaayyoo isaa akka hin raawwanne wanti isa dhowwuu dandaʼu hin jiru. (Isa. 46:10; 55:8-11) Inni yeroo hundumaa hiika maqaan isaa qabuu wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhata. Yihowaan yoom iyyuu kaayyoo isaa ni raawwata!

Qaama Waaqeffannaa Qulqulluudhaaf Falmu

15. Yihowaan iddoo biqiltuu Eedan keessatti finciltoota adabuu fi kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf tarkaanfii akkamii fudhate?

15 Yihowaan warra isa irratti fincilan adabuuf, akkasumas kaayyoon isaa akka raawwatamu gochuuf yeruma sana Eedan keessatti tarkaanfii fudhateera. (Uumama 3:14-19 dubbisi.) Addaamii fi Hewaan utuma iddoo biqiltuu sana keessa jiranii Yihowaan duraa duuba cubbuu hojjetaniin finciltoota sadan kana irratti, jechuunis jalqaba Seexana irratti, achiis Hewaan irratti, dhuma irratti immoo Addaam irratti murtii dabarseera. Yihowaan wanta Seexana isa fincila kakaase irra gaʼu ilaalchisee dubbate irratti waaʼee “sanyii” gara fuulduraatti dhufuu fi miidhaawwan fincila kanaan dhufan balleessu tokkoo raajii dubbateera. ‘Sanyiin’ abdachiifame kun waaqeffannaa qulqulluu ilaalchisee kaayyoo Yihowaan qabu raawwachuu irratti shoora guddaa taphata.

16. Eedan keessatti fincilli erga kaʼee booda, Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf hojjechuu isaa kan itti fufe akkamitti?

16 Eedan keessatti fincilli erga kaʼee booda, Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf hojjechuu isaa itti fufeera. Akkuma boqonnaa itti aanu irratti ilaallu namoonni mudaa qaban karaa fudhatama qabuun akka isa waaqeffataniif qophii godheera. (Ibr. 11:4–12:1) Kana malees Yihowaan Isaayyaas, Ermiyaasii fi Hisqiʼeliin dabalatee barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun raajiiwwan nama gammachiisanii fi waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu ibsan akka barreessan godheera. Yaanni waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu ibsu yaada ijoo Kitaaba Qulqulluu ti. Raajiiwwan kana hunda kan raawwatu ‘sanyicha’ abdachiifame isa adda durummaadhaan Yesuus Kiristoosiin argisiisu dha. (Gal. 3:16) Yesuus deebii qorumsa sadaffaadhaaf kenne irratti ifatti akkuma argisiise, waaqeffannaa qulqulluudhaaf ni falma. Eeyyee, Yihowaan raajiiwwan waaqeffannaa dhugaa deebisanii hundeessuu ilaalchisee dubbataman akka raawwatuuf Yesuusiin filateera. (Mul. 19:10) Inni saba Waaqayyoo warra karaa hafuuraa boojiʼaman bilisa ni baasa, waaqeffannaa qulqulluus iddoo isaa isa sirriitti ni deebisa.

Maal Gochuuf Yaaddeetta?

17. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu ibsan xiyyeeffannaa keenya kan harkisan maaliifi?

17 Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu ibsan qoruun kan nama gammachiisuu fi amantii namaa kan cimsu dha. Yeroo uumamawwan samii irras taʼe lafa irra jiraatan hundi waaqeffannaa qulqulluudhaan tokko taʼanii Yihowaa isa Gooftaa ol aanaa taʼe itti waaqeffatan abdiidhaan eeggachaa waan jirruuf, raajiiwwan kun xiyyeeffannaa keenya kan harkisani dha. Kana malees, raajiiwwan kun abdiiwwan baayʼee nama gammachiisanii fi Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman tokko tokko waan qabataniif garaan keenya abdiidhaan akka guutamu godhu. Maarree nu keessaa namni yeroo michoonni keenya duʼaa kaʼan, guutummaan lafaa jannata taatuu fi yeroo fayyaa guutuu argannee bara baraaf itti jiraannu dabalatee yeroo abdiiwwan Yihowaan kenne itti raawwataman arguuf hin hawwine jiraa?—Isa. 33:24; 35:5, 6; Mul. 20:12, 13; 21:3, 4.

18. Kitaaba kana keessatti waaʼee maalii qorra?

18 Kitaaba kana keessatti raajiiwwan nama gammachiisanii fi kitaaba Hisqiʼel keessatti argaman qorra. Raajiiwwan kanneen keessaa hedduun isaanii waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuu isaa irratti xiyyeeffatu. Raajiiwwan Hisqiʼel, raajiiwwan kaanii wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qaban, akkamitti karaa Kiristoos akka raawwatamanii fi kan nu ilaallatan akkamitti akka taʼe mariʼanna.—Saanduqa, “Qabiyyee Kitaaba Hisqiʼel” jedhu ilaali.

19. Maal gochuuf murteessiteetta? Maaliif?

19 Wanta Dh.K.B. bara 29⁠tti lafa onaa Yihudaa keessatti raawwatametti yommuu deebinu, carraaqqiin Seexanni Yesuusiin waaqeffannaa qulqulluu irraa jalʼisuuf godhe isaaf hin milkoofne. Yeroo harʼaa hoo? Seexanni yeroo kam iyyuu caalaa waaqeffannaa dhugaa irraa nu jalʼisuuf kutateera. (Mul. 12:12, 17) Kitaabni kun murtoo Seexana isa hamaa taʼe kana mormuuf gootan kan isiniif cimsu akka taʼu hawwina. Dubbii keenyaanis taʼe gocha keenyaan yaada, “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu” jedhu irratti akka walii gallu haa argisiisnu. Akkana yoo goone, lubbuudhaan jiraannee dhuma irratti kaayyoon Yihowaa inni ulfina qabeessa taʼe yommuu raawwatamu arguuf abdii qabaanna; kaayyoon isaa kun immoo warri samii irrattis taʼe lafa irratti argaman hundi tokkummaadhaan wanta Yihowaadhaaf malu, jechuunis waaqeffannaa qulqulluu garaa qulqulluu irraa madde akka isaaf dhiheessani dha!

^ key. 5 Namoonni tokko tokko maqaan Yihowaa hiika “Akka Taʼu Godha” jedhu akka qabu amanu. Maqaan kun gaʼee Yihowaan Uumaa fi qaama kaayyoo isaa raawwatu taʼuudhaan qabu akka gaariitti kan ibsu dha.

^ key. 8 Wanta Seexanni dubbate ilaalchisee barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko akkana jedheera: “Qorumsa jalqabaa Addaamii fi Hewaan ittiin kufan sana keessatti . . . gaaffiin kaʼe fedhii Seexanaa ykn fedhii Waaqayyoo filachuu irratti kan xiyyeeffate yeroo taʼu, karaa biraatiin kun immoo isa tokkoof ykn isa kaaniif waaqeffannaa dhiheessuu wajjin kan wal qabate dha. Dhuguma iyyuu Seexanni bakka Waaqa dhugaa of kaaʼuudhaan waaqa of godheera.”

^ key. 10 Wangeelli Luqaas qorumsawwan kana tartiiba adda taʼeen tarreesse; Wangeelli Maatewos garuu duraa duuba yerootiin akka tarreesse haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Sababiiwwan akkas itti jennu sadii ilaalaa. (1) Maatewos qorumsa isa lammaffaa kan jalqabe jecha “achiis” jedhuun yeroo taʼu, kun qorumsa jalqabaatti aansee akka jiru argisiisa. (2) Qorumsawwan haxxummaadhaan dhihaatan lamaan yaada, “Ilma Waaqayyoo yoo taate” jedhuun jalqabu; qorumsawwan kun kan dhihaatan Seexanni Yesuus ajajawwan kurnan keessaa isa jalqabaa akka cabsu isa qoruu isaa dura dha jedhanii yaaduun sirrii fakkaata. (Bau. 20:2, 3) (3) Wanti Yesuus, “Seexana nana, na duraa deemi!” jechuudhaan dubbate caalaatti sirrii kan taʼu qorumsa sadaffaa fi isa dhumaa booda yoo dubbatame dha.—Mat. 4:5, 10, 11.