Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 16

‘Adda Isaanii Irratti Mallattoo Godhi’

‘Adda Isaanii Irratti Mallattoo Godhi’

HISQIʼEL 9:4

YAADA IJOO: Bara Hisqiʼelitti namoonni amanamoon akka oolaniif mallattoon kan irratti godhame akkamitti? Kun hoo bara keenyatti hiika maalii qaba?

1-3. (a) Hisqiʼel kan rifate maaliifi? Badiisa Yerusaalem ilaalchisee hoo maal hubate? (b) Gaaffiiwwan akkamii irratti mariʼanna?

HISQIʼEL baayʼee rifateera! Yihudoonni gantoota taʼan mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu keessatti wantoota jibbisiisoo yommuu raawwatan mulʼataan argeera. * Finciltoonni kun Israaʼel keessatti bakka wiirtuu waaqeffannaa qulqulluu taʼe sana xureessaniiru. Kan xureessan garuu mana qulqullummaa qofa hin turre. Biyyi Yihudaa jeequmsaan guutamteetti; fooyyaʼuufis abdii hin qabdu turte. Yihowaan wanta sabni isaa warri filatamoo taʼan raawwatanitti baayʼee waan aareef Hisqiʼeliin, “Ani dheekkamsaan tarkaanfii nan fudhadha” jedheera.—His. 8:17, 18.

2 Hisqiʼel Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii kanaan dura qulqulluu turan dheekkamsaaf Yihowaa kan kakaasanii fi kan balleeffaman taʼuu isaanii beekuun isaa baayʼee isa gaddisiise. Hisqiʼel akkana jedhee yaadee taʼuu dandaʼa: ‘Namoonni amanamoon magaalattii keessa jiran akkam taʼu? Badiisa irraa ni ooluu? Taanaan akkamitti?’ Hisqiʼel yeruma sana deebii gaaffiiwwan kanaa argateera. Murtii cimaa Yerusaalem irratti dabarfame erga dhagaʼee utuma baayʼee hin turin sagalee guddaan tokko warra murtii Waaqayyoo raawwachiisan yommuu waamu dhagaʼe. (His. 9:1) Mulʼanni sun yommuu itti fufu, Hisqiʼel badiisni sun kan dhufu namoota hundumaa irratti utuu hin taʼin, namoota filataman qofa irratti taʼuu isaa hubate; kunis baayʼee isa gammachiise. Eeyyee warri isaaniif malu badiisa irraa ni oolu!

3 Yommuu dhuma sirna hamaa kanaatti dhihaachaa jirru kanatti, nutis ‘Badiisa guddaa dhufaa jiru irraa eenyutu oola?’ jennee yaanna taʼa. Kanaafuu, mee gaaffiiwwan armaan gadii haa qorru: (1) Wanti Hisqiʼel itti aansuudhaan mulʼata sana keessatti arge maali dha? (2) Mulʼanni kun bara isaatti kan raawwatame akkamitti? (3) Bara keenyatti hoo nuuf hiika maalii qaba?

‘Warra Adaba Fidan Waamaa’

4. Wanta Hisqiʼel itti aansuudhaan mulʼata isaa keessatti argee fi dhagaʼe ibsi.

4 Wanti Hisqiʼel mulʼaticha keessatti itti aansuudhaan argee fi dhagaʼe maali dha? (Hisqiʼel 9:1-11 dubbisi.) Namoonni torba “kallattii karra isa olii isa gara kaabaatti garagalee jiru irraa” ni dhufan; tarii iddoon kun bakka mallattoon hinaaffaa jirutti dhihoo jiru ykn bakka dubartoonni waaqa Taamuuz jedhamuuf itti booʼan taʼuu dandaʼa. (His. 8:3, 14) Namoonni kun gara mooraa mana qulqullummaa isa keessaatti seenanii iddoo aarsaa sibiila diimaa bira dhaabbatan. Taʼus achi kan dhaqan aarsaa dhiheessuuf hin turre. Yeroon mana qulqullummaa sana keessatti aarsaa fudhatama qabu itti dhiheessan darbeera. Isaan keessaa namoonni jaʼa, ‘tokkoon tokkoon isaanii meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan harkatti qabatanii’ dhaabbatan. Namni torbaffaan garuu isaan irraa adda ture. Namni kun uffata quncee talbaa irraa tolfame uffateera; mudhii isaattis meeshaa waraanaa utuu hin taʼin, “gaanfa qalama barreessaa,” akka miiljaleen isaa jedhutti immoo “miʼa qalama barreessaa” hidhateera.

5, 6. Warri mallattoon itti godhame namoota akkamiiti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

5 Namichi gaanfa qalamaa qabate maal gochuuf jedha? Yihowaan namicha sanaan, “Magaalattii, jechuunis Yerusaalem keessa darbiitii adda namoota wantoota jibbisiisoo magaalattii keessatti raawwatamaa jiran hundumaatiin kan kaʼe gaddaa fi aadaa jiran irratti mallattoo godhi” jechuudhaan hojii guddaa isaaf kenneera. Tarii Hisqiʼel Israaʼelota amanamoo ijoolleen isaanii warri angafaa badiisa irraa akka oolan mallattoo akka taʼuuf maqaanii isaanii fi gubanii isaanii dhiiga diban yaadatee taʼuu dandaʼa. (Bau. 12:7, 22, 23) Haaluma kanaa wajjin wal fakkaatuun, mulʼata Hisqiʼel keessatti mallattoon namni gaanfa qalamaa qabate sun adda irratti godhu, nama badiisa Yerusaalem irraa ooluuf mallattoo taʼee tajaajilaa?

6 Mallattoo kana gochuun maaliif akka barbaachise yommuu qorannu deebiin isaa ifa nuu taʼa. Mallattoon kun kan godhamu adda “namoota wantoota jibbisiisoo magaalattii keessatti raawwatamaa jiran hundumaatiin kan kaʼe gaddaa fi aadaa jiran” irratti dha. Warri mallattoon itti godhame hoo namoota akkamii ti? Namoonni kun warra waaqolii tolfamoo mana qulqullummaatti waaqeffatamaniin kan kaʼe qofa utuu hin taʼin hammina, halalummaa fi mancaʼiinsa Yerusaalemiin guutee jiruun kan kaʼe garaa isaaniitti baayʼee gaddani dha. (His. 22:9-12) Kana malees namoonni kun miira isaanii akka hin dhoksine haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Dubbiinii fi gochi namoota garaa qajeelaa qaban kanaa, wanta biyyattii keessatti raawwatamaa jiru akka jibbanii fi waaqeffannaa qulqulluudhaaf amanamoo taʼuu isaanii kan argisiisu akka taʼe beekamaa dha. Yihowaan gara laafina isaatiin namoota isaaniif malu kana badiisa irraa ni oolcha.

7, 8. Namoonni meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatan hojii isaanii kan raawwatan akkamitti? Dhumni isaa hoo maal taʼe?

7 Maarree namoonni meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatan jaʼan hojii isaanii kan raawwatan akkamitti? Hisqiʼel, Yihowaan nama gaanfa qalamaa qabate sana hordofanii namoota adda isaanii irratti mallattoon itti godhame irraa kan hafe nama kam iyyuu akka ajjeesan qajeelfama yommuu isaaniif kennu dhagaʼeera. Yihowaan, “Iddoo qulqulluu koo irraa jalqabaa” jedhee isaan ajajeera. (His. 9:6) Namoonni ajjeesan kun hojii isaanii mana qulqullummaa magaalaa Yerusaalem gidduutti argamuu fi kana booda Yihowaadhaaf qulqulluu hin taane irraa jalqabu. Warri jalqaba ajjeefaman “jaarsolii manicha fuuldura turan,” jechuunis jaarsolii Israaʼel 70 warra mana qulqullummaa keessa turanii fi waaqolii sobaatiif ixaana aarsaa turani dha.—His. 8:11, 12; 9:6.

8 Maarree dhumni isaa maal taʼe? Hisqiʼel utuma ilaaluu fi dhagaʼuu namichi gaanfa qalamaa qabate sun deebiʼee dhufee Yihowaadhaan, “Akkuma ati na ajajje godheera” jedhe. (His. 9:11) Tarii ‘Jiraattota Yerusaalem irra maaltu gaʼe? Namoonni amanamoon badiisa kana irraa oolan hoo jiruu?’ jennee gaafanna taʼa.

Mulʼanni Kun Bara Hisqiʼelitti kan Raawwatame Akkamitti?

9, 10. Namoonni amanamoon badiisa Yerusaalem irraa oolan tokko tokko eenyufaa turan? Isaan hoo namoota akkamii turan?

9 2 Seenaa Baraa 36:17-20 dubbisi. Raajiin Hisqiʼel kan raawwatame Dh.K.D. bara 607⁠tti yommuu loltoonni Baabilon Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii balleessanitti ture. Akkuma ‘xoofoo harka Yihowaa keessa’ jiruutti warri Baabilon meeshaa Yihowaan Yerusaalem ishii amanamtuu hin taane irratti adaba dhangalaasuuf itti fayyadame taʼaniiru. (Er. 51:7) Haa taʼu malee, badiisni kun nama hundumaa irra gaʼaa? Lakki. Mulʼanni Hisqiʼel namoonni tokko tokko warra Baabiloniin akka hin balleeffamne dursee dubbateera.—Uma. 18:22-33; 2 Phe. 2:9.

10 Fakkeenyaaf, Reekaabota, nama Itoophiyaa kan taʼe Ebeedmeleek, Ermiyaas raajichaa fi Baaruk isa barreessaa isaa taʼe dabalatee, namoonni amanamoo taʼan hedduun badiisa sana irraa oolaniiru. (Er. 35:1-19; 39:15-18; 45:1-5) Namoonni kun ‘wantoota jibbisiisoo Yerusaalem keessatti raawwatamaa jiran hundumaatiin kan kaʼe gaddaa fi aadaa’ akka turan mulʼata Hisqiʼel irraa hubachuu dandeenya. (His. 9:4) Namoonni kun badiisa sana dura hammina akka jibbanii fi waaqeffannaa qulqulluutiif amanamoo taʼuu isaanii akka argisiisan beekamaa dha; kanaan kan kaʼes badiisa irraa ooluu dandaʼaniiru.

11. Namoonni jaʼan meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatanii fi namichi gaanfa qalama barreessaa qabate eenyuun argisiisu?

11 Namoonni amanamoo taʼan sun badiisa irraa akka oolaniif kallattiidhaan mallattoon isaan irratti godhamee turee? Hisqiʼelis taʼe raajiin kam iyyuu Yerusaalem keessa deemanii adda namoota amanamoo taʼanii irratti mallattoo akka godhan wanti ibsame hin jiru. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti mulʼanni Hisqiʼel wanti ijaan hin mulʼanne tokko samii keessatti raawwatamaa akka ture ibsa. Namichi gaanfa qalama barreessaa qabatee fi namoonni jaʼan meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatan uumamawwan hafuuraa Yihowaa warra amanamoo taʼanii fi yeroo hundumaa fedha isaa raawwachuuf qophaaʼan kan argisiisani dha. (Far. 103:20, 21) Yihowaan murtii Yerusaalem ishii amanamtuu hin taane irratti dabarse raawwachiisuuf maleekota isaatti akka fayyadame hin shakkisiisu. Akka waan adda namoota badiisa irraa oolan irratti mallattoon godhameetti, maleekonnis badiisni sun namoota hundumaa irra utuu hin taʼin namoota filataman qofa irra akka gaʼu godhaniiru.

Mulʼanni Hisqiʼel Bara Keenyaaf Hiika Maalii Qaba?

12, 13. (a) Yihowaan Yerusaalem irratti dheekkamsa isaa kan dhangalaase maaliifi? Bara keenyattis wantuma wal fakkaatu akka godhu eeguu kan dandeenyu maaliifi? (b) Yerusaalem ishiin amanamtuu hin turre Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu dhaa? Ibsi. (Saanduqa, “Yerusaalem Saba Kiristiyaanaatiif Gaaddidduu Dhaa?” jedhu ilaali.)

12 Yeroo dhihootti murtii Waaqayyo dabarsuu fi eenyu illee argee hin beekne, jechuunis ‘rakkina guddaa jalqaba addunyaatii kaasee hanga ammaatti taʼee hin beeknee fi lammatas hin taane’ ni argina. (Mat. 24:21) Yeroo taʼee addaa kana eeggannutti gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan tokko tokko kaʼuu dandaʼu: Badiisni dhufu nama hundumaa balleessa moo namoonni oolan jiru? Namoonni Yihowaadhaaf waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan badiisa irraa akka oolaniif mallattoon isaan irratti ni godhamaa? Karaa kan biraatiin, mulʼanni Hisqiʼel namicha gaanfa qalamaa qabate sana ilaalchisee arge bara keenyatti ni raawwatamaa? Deebiin gaaffiiwwan sadan kanaa eeyyee kan jedhu dha. Akkas kan jennu maaliifi? Deebii kanaa argachuuf gara mulʼata Hisqiʼelitti haa deebinu.

13 Yihowaan dheekkamsa isaa Yerusaalem ishii durii irratti kan dhangalaase maaliif akka taʼe ni yaadattuu? Mee Hisqiʼel 9:8, 9 irra deebinee haa ilaallu. (Dubbisi.) Hisqiʼel badiisni dhufu “warra Israaʼel keessaa hafan hundumaa” balleessuu dandaʼaa laata jedhee yommuu sodaatetti, Yihowaan sababa murtii kana itti dabarsu afur caqaseera. Tokkoffaa, “balleessaan” sabichaa “baayʼee, baayʼee guddaa dha.” * Lammaffaa, biyyi Yihudaa ‘dhiiga dhangalaasuudhaan guutamteetti.’ Sadaffaa, Yerusaalem ishiin magaalaa guddoo mootummaa Yihudaa taate “hamminaan guutamteetti.” Akkasumas arfaffaa, namoonni kun Yihowaan gocha hamminaa keenya “hin argu” jedhanii yaaduudhaan daandii hamminaa isaaniitiif sababa dhiheessu. Wantoonni kun addunyaa jalʼaa, hamaa, mancaʼaa fi amantii hin qabne kana akka gaariitti kan ibsan mitii? Yihowaan Waaqa ‘hin jijijjiiramne ykn hin gegeddaramne’ waan taʼeef, wanti bara Hisqiʼelitti aarii qajeelinaa akka aaru isa kakaase, bara keenyattis akka aaru isa kakaasa. (Yaq. 1:17; Mil. 3:6) Kanaafuu, namoonni jaʼan meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatanii fi namichi gaanfa qalamaa qabate sun bara keenyattis hojii hojjetan akka qaban eeguu dandeenya.

Namoonni jaʼan meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatan dhiheenyatti wanta raawwatan qabu (Keeyyata 12, 13 Ilaali)

14, 15. Fakkeenyawwan Yihowaan badiisni dhufuu isaa dura namoota akka akeekkachiisu argisiisan kam faʼi?

14 Maarree mulʼanni Hisqiʼel bara keenyatti kan raawwatamu akkamitti? Kanaan dura mulʼatichi akkamitti akka raawwatame yoo yaadanne, ammas taʼe gara fuulduraatti maaltu akka raawwatamu hubachuu dandeenya. Mee raajiiwwan Hisqiʼel kanaan dura raawwataman ykn gara fuulduraatti raawwataman tokko tokko haa ilaallu.

15 Yihowaan badiisni dhufuu isaa dura namootaaf akeekkachiisa ni kenna. Akkuma Boqonnaa 11⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaalle, Yihowaan Hisqiʼel “mana Israaʼel irratti waardiyyaa” akka taʼu isa muudeera. (His. 3:17-19) Hisqiʼel, Dh.K.D. bara 613 irraa jalqabee badiisa dhufaa jiru ilaalchisee Israaʼeliif akeekkachiisa ifa taʼe kenneera. Isaayyaasii fi Ermiyaasiin dabalatee raajonni kan biroonis badiisa Yerusaalem irra gaʼu ilaalchisee akeekkachiisa kennaniiru. (Isa. 39:6, 7; Er. 25:8, 9, 11) Bara keenyattis Yihowaan Kiristoositti fayyadamee namoota waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan, jechuunis maatii isaa sooruuf qofa utuu hin taʼin, rakkina guddaa saffisaan dhufaa jiru ilaalchisee akeekkachiisa kennuuf garee xinnoo tajaajiltoota dibamtoota taʼan qabatetti fayyadama.—Mat. 24:45.

16. Nuti sabni Yihowaa namoota badiisa irraa oolan irratti mallattoo ni goonaa? Ibsi.

16 Sabni Yihowaa warra badiisa irraa oolan irratti mallattoo hin godhan. Hisqiʼel Yerusaalem keessa deemee namoota badiisa irraa oolan irratti mallattoo akka godhu kan itti hin himamne taʼuu isaa yaadadhaa. Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis sabni Yihowaa namoota badiisa irraa ooluun isaaniif malu irratti mallattoo akka godhan hin ajajamne. Kanaa mannaa miseensota maatii hafuuraa Kiristoos waan taaneef, akka lallabnu ajajamneerra. Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan lallabuu fi badiisni addunyaa hamaa taʼe kanaa saffisaan dhihaachaa akka jiru hawwii guddaadhaan akeekkachiisuudhaan ajaja kanaaf bakka guddaa akka kenninu argisiisna. (Mat. 24:14; 28:18-20) Kanaafuu namoonni garaa qajeelaa qaban waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuu irratti akka hirmaatan gargaaruu irratti gaʼee qabna.—1 Xim. 4:16.

17. Namoonni gara fuulduraatti mallattoon akka isaan irratti godhamuuf yeroo ammaatti maal gochuu qabu?

17 Namoonni badiisa dhufu irraa ooluu barbaadan yeroo ammaatti amantii akka qaban argisiisuu qabu. Akkuma kanaan dura ilaalle, namoonni Dh.K.D. bara 607⁠tti badiisa Yerusaalem irra gaʼe irraa oolan garaadhaa hammina akka jibbanii fi waaqeffannaa qulqulluudhaaf amanamoo akka taʼan dursanii argisiisaniiru. Yeroo ammaattis haalli isaa wal fakkaata. Badiisni dhufuu isaa dura namoonni hammina addunyaa kanaatiin kan kaʼe garaadhaa akka ‘gaddanii fi akka aadan’ argisiisuu qabu. Namoonni kun miira isaanii dhoksuu mannaa dubbii isaanii fi gocha isaaniitiin waaqeffannaa qulqulluudhaaf amanamoo taʼuu isaanii argisiisuu qabu. Kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Namoonni kun hojii lallabaa yeroo ammaatti hojjetamaa jiruuf deebii gaarii kennuu, namummaa haaraa uffachuu jalqabuu, Yihowaadhaaf of murteessuu isaanii argisiisuuf cuuphamuu, akkasumas obboloota Kiristoos amanamummaadhaan deggeruu qabu. (His. 9:4; Mat. 25:34-40; Efe. 4:22-24; 1 Phe. 3:21) Namoonni badiisa irraa ooluuf mallattoon itti godhamu, warra yeroo ammaatti wantoota kana raawwatanii fi yeroo rakkina guddaatti immoo waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan qofa dha.

18. (a) Yesuus Kiristoos namoota badiisa irraa ooluun isaaniif malu irratti mallattoo kan godhu akkamittii fi yoomi? (b) Dibamtoota amanamoo taʼan irratti mallattoon ni godhamaa? Ibsi.

18 Warra badiisa irraa ooluun isaaniif malu irratti mallattoon kan godhamu samii irratti dha. Bara Hisqiʼelitti namoota badiisa irraa oolan irratti mallattoo kan godhan maleekota turan. Bara keenyatti namichi gaanfa qalama barreessaa qabate sun Yesuus Kiristoos isa abbaa murtii saboota hundumaa taʼee ‘ulfina isaatiin dhufu’ argisiisa. (Mat. 25:31-33) Yesuus kan dhufu badiisa amantii sobaa booda yeroo rakkina guddaatti dha. * Yeroo murteessaa taʼe sanatti, jechuunis Armaagedoon jalqabuu isaa dura Yesuus hoolota ykn reʼoota jechuudhaan namootatti murteessa. “Tuutni uummataa guddaan” hoolota akka taʼanitti isaaniif murteeffama ykn mallattoon isaan irratti godhama; kunis ‘gara jireenya bara baraatti akka deeman’ argisiisa. (Mul. 7:9-14; Mat. 25:34-40, 46) Dibamtoonni amanamoo taʼan hoo? Yeroo waraana Armaagedoonitti badiisa irraa ooluuf mallattoo isaan irratti gochuun hin barbaachisu. Kanaa mannaa, duʼuu isaanii dura ykn rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura chaappaan inni dhumaa isaan irratti godhama. Achiis Armaagedoon jalqabuu isaa dura yeroo taʼe tokkotti gara samiitti fudhatamu.—Mul. 7:1-3.

19. Yesuusii wajjin taʼuudhaan sirna kana irratti murtii kan raawwachiisan eenyu faʼi? (Saanduqa “Gadduu fi Aaduu, Mallattoo Gochuu, Ajjeesuu—Yoomii fi Akkamitti?” jedhu ilaali.)

19 Mootii samii kan taʼe Yesuus Kiristoosii fi raayyaan isaa warri samii murtii sirna kana irratti dabarfame ni raawwachiisu. Mulʼata Hisqiʼel keessatti, hanga namichi uffata quncee talbaa irraa tolfame uffate sun mallattoo godhee xumurutti namoonni jaʼan meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatan badiisa geessisuu hin jalqabne. (His. 9:4-7) Haaluma wal fakkaatuun badiisni gara fuulduraatti dhufu kan jalqabu Yesuus saboota hundumaa irratti murtii erga dabarsee fi hoolota badiisa irraa oolan irratti mallattoo erga godhee booda dha. Achiis yeroo waraana Armaagedoonitti Yesuus humnoota samii warra murtii raawwachiisan, jechuunis maleekota qulqulluu fi namoota 144,000 warra isaa wajjin bulchan hundumaa geggeessuudhaan addunyaa hamaa kana guutummaatti ni balleessa; warra waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan immoo badiisa irraa oolchee gara addunyaa haaraa qajeelummaan keessa jiraatutti galcha.—Mul. 16:14-16; 19:11-21.

20. Mulʼata Hisqiʼel namicha gaanfa qalama barreessaa qabate sana ilaalchisee arge irraa barumsa nama jajjabeessu akkamii arganna?

20 Mulʼata Hisqiʼel isa waaʼee namicha gaanfa qalama barreessaa qabate sanaa dubbatu irraa barumsa nama jajjabeessu argachuu keenyatti baayʼee galateeffanna. Yihowaan nama qajeelaa nama hamaa wajjin akka hin balleessine amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya. (Far. 97:10) Gara fuulduraatti mallattoon badiisa irraa ooluuf nu gargaaru akka nu irratti godhamuuf, yeroo ammaatti maal gochuu akka qabnu beekna. Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, hamma dandaʼametti namoota hammina addunyaa Seexanaa keessatti raawwatamuun kan kaʼe gaddanii fi aadaniif misiraachoo lallabuu fi akeekkachiisa kennuuf murteessineerra. Kanaafuu, warri “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” nuu wajjin waaqeffannaa qulqulluu irratti akka hirmaatanii fi namoota badiisa irraa oolanii addunyaa haaraa qajeelummaan keessa jiraatutti galuuf mallattoon itti godhamu akka taʼan gargaaruuf mirga arganneerra.—HoE. 13:48.

^ key. 1 Mulʼanni Hisqiʼel waaʼee wantoota jibbisiisoo mana qulqullummaa keessatti raawwatamanii dubbatu Boqonnaa 5⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsameera.

^ key. 13 Akka barreeffamni tokko ibsutti jechi Afaan Ibrootaa “balleessaa” jedhamee hiikame yaada “jalʼina” jedhu dabarsuu dandaʼa. Barreeffamni kan biraan tokko akka ibsetti jechi kun “amantii wajjin kan wal qabatee fi yeroo baayʼee Waaqayyo duratti karaa naamusaa yakka ykn cubbuu hojjechuu argisiisuuf itti hojjetama.”

^ key. 18 Yeroo Baabilon Guddittiin baddutti namoonni miseensota amantii sobaa taʼan hundi ni ajjeefamu jechuu akka hin taane haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Yeroo sanatti qeesonni tokko tokko amantii sobaa dhiisuu fi matumaa amantii sobaa kana keessa akka hin turre dubbachuu dandaʼu.—Zak. 13:3-6.