Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barumsawwan Sirreeffamni Irratti Godhame

Barumsawwan Sirreeffamni Irratti Godhame

Waggoota hedduudhaaf Masaraan Eegumsaa sirreeffamawwan raajii Hisqiʼel irratti godhaman qabatee baʼaa tureera. Kitaabni Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse! jedhu kunis sirreeffamawwan dabalataa hedduu qabateera. Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali.

Fuulawwan arfan uumamawwan jiraatoo sanaa maal argisiisu?

Hubannaa kanaan dura qabnu: Tokkoon tokkoon fuulawwan arfan uumamawwan jiraatoo ykn kiruubelota sanaa, amalawwan Yihowaa guguddaa taʼan arfan keessaa isa tokko argisiisu.

Sirreeffama: Tokkoon tokkoon fuula arfan uumamawwan jiraatoo kanaa, amalawwan Yihowaa warra guguddaa taʼan arfan keessaa isa tokko kan argisiisan taʼus, fuulawwan arfan kun yommuu walitti qabaatti ilaalaman amaloota inni qabu hundumaa argisiisu. Kana malees, fuulawwan arfan kun humnii fi ulfinni Yihowaa baayʼee guddaa taʼuu isaa nu hubachiisu.

Sababa jijjiiramni kun itti godhame: Dubbii Waaqayyoo keessatti lakkoofsi afur yeroo baayʼee wanta hunda of keessatti qabachuu ykn guutuu taʼuu argisiisuuf itti hojjetama. Kanaafuu fuulawwan arfan kun yommuu walitti qabaatti ilaalaman, amaloota arfan qofa utuu hin taʼin eenyummaa Yihowaa isa dinqisiisaa taʼe argisiisu. Kana malees, uumamawwan arfan fuula afuriin bakka buufaman kun ulfina, ciminaa fi humna guddaa qabu. Haa taʼu malee, uumamawwan arfan mulʼaticha keessatti ibsaman teessoo Yihowaa jalatti argamu. Yaanni kun Yihowaan hundumaa irratti Bulchaa Ol Aanaa taʼuu isaa argisiisa.

Namichi gaanfa qalama barreessaa qabate eenyuun argisiisa?

Hubannaa kanaan dura qabnu: Namichi gaanfa qalamaa qabate dibamtoota hafan argisiisa. Dibamtoonni hojii lallabuu fi barattoota gochuutti fayyadamuudhaan yeroo ammaatti adda warra kutaa ‘tuuta uummataa guddaa’ taʼanii irratti akka fakkeenyaatti mallattoo gochaa jiru.—Mul. 7:9.

Sirreeffama: Namichi gaanfa qalama barreessaa qabate Yesuus Kiristoosiin argisiisa. Inni yeroo ‘rakkina guddaatti’ yommuu tuutni uummataa guddaan hoolota akka taʼan isaaniif murteessutti mallattoo isaan irratti godha.—Mat. 24:21.

Sababa jijjiiramni kun itti godhame: Yihowaan hojii murtii kennuu Ilma isaatiif kenneera. (Yoh. 5:22, 23) Akka Maatewos 25:31-33 jedhutti, Yesuus warri ‘hoolotaa’ fi ‘reʼoota’ jedhaman eenyufaa akka taʼan ilaalchisee murtii isa dhumaa kenna.

Oholaa fi Oholibaan warri sagaagaltoota taʼan saba Kiristiyaanaatiif, keessumaa immoo amantii Kaatolikii fi Pirootestaantiitiif gaaddidduu taʼuu?

Hubannaa kanaan dura qabnu: Oholaan (Samaariyaan, magaalaa guddoon Israaʼel) ishiin obboleettii angafaa taate amantii Kaatolikii argisiisti; Oholibaan (Yerusaalem, magaalaa guddoon Yihudaa) ishiin obboleettii quxisuu taate amantii Pirootestaantii argisiisti.

Sirreeffama: Obboleettonni sagaagaltoota taʼan kun amantii Saba Kiristiyaanaa kamiif iyyuu gaaddidduu hin taʼan. Kanaa mannaa dubartoonni kun Yihowaan sabni isaa warri amanamoo taʼan yommuu karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwatan wanta itti dhagaʼamu nu barsiisu. Yihowaan amantii sobaa hundumaatiif ilaalcha wal fakkaatu qaba.

Sababa jijjiiramni kun itti godhame: Kitaabni Qulqulluun Oholaa fi Oholibaan Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu akka taʼan hin ibsu. Israaʼelii fi Yihudaan yeroo taʼe tokkotti Yihowaadhaaf haadhotii manaa amanamoo turan; Sabni Kiristiyaanaa garuu Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akkasii qabaattee hin beektu. Kana malees, sabni Waaqayyoo warri amanamoo hin taane Hisqiʼel boqonnaa 16 fi 23 irratti sagaagaltootaa wajjin wal bira qabamuun isaanii haareffamuu fi iddootti deebiʼuuf abdii akka qaban argisiisa. Kutaa Baabilon Guddittii kan taate Sabni Kiristiyaanaa garuu abdii akkanaa hin qabdu.

Yerusaalem durii ishiin gantuu taate Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu dhaa?

Hubannaa kanaan dura qabnu: Yerusaalem ishiin gantuu taate Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu dha. Kanaafuu badiisni Yerusaalem irra gaʼe Sabni Kiristiyaanaa akka baddu argisiisa.

Sirreeffama: Waaqolii tolfamoo waaqeffachuu fi hamminaan guutamuu ishii dabalatee haalawwan Yerusaalem ishii gantuu taate keessa turan, Saba Kiristiyaanaa nu yaadachiisu; haa taʼu malee Yerusaalem Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu akka taate hin dubbannu.

Sababa jijjiiramni kun itti godhame: Kitaabni Qulqulluun Yerusaalem Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu akka taate hin ibsu. Yerusaalem ishii durii irraa haala adda taʼeen Sabni Kiristiyaanaa matumaa waaqeffannaa qulqulluu irratti hirmaattee hin beektu. Yerusaalem yeroo muraasaaf dhiifama Yihowaa argattee turte; Sabni Kiristiyaanaa garuu gara fuulduraatti abdii akkanaa hin qabdu.

Mulʼanni waaʼee sulula lafeewwan goggoganiin guutamee ibsu kan raawwatame akkamitti?

Hubannaa kanaan dura qabnu: Bara 1918⁠tti dibamtoonni ariʼatamni irra gaʼe boojuu Baabilon Guddittii jala yommuu galanitti sochii isaanii dhaabuu jala gaʼanii waan turaniif haala duʼaa wajjin wal fakkaatu keessa turan. Bara 1919⁠tti yommuu Yihowaan labsitoota Mootummichaa taʼanii akka bayyanatan godhetti boojuun yeroo gabaabaadhaaf ture sun xumurameera.

Sirreeffama: Yeroon karaa hafuuraa itti boojiʼamanii fi duʼaa wajjin wal fakkaatu kun bara dheeraadhaaf kan ture yeroo taʼu kan jalqabes bara 1918 dura dha. Yeroon kun Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti jalqabee, Dh.K.B. bara 1919⁠tti xumurame; kunis yeroo dheeraa fakkeenya Yesuus waaʼee qamadii fi inkirdaadaa dubbatee wajjin kan wal fakkaatu dha.

Sababa jijjiiramni kun itti godhame: Yeroo dheeraan Israaʼelonni boojuu jala itti turan, Dh.K.D. bara 740 irraa jalqabee Dh.K.D. bara 537⁠tti xumurameera. Hisqiʼel lafeewwan kun kan “goggogan” ykn “baayʼee kan goggogan” akka taʼan ibseera; kun immoo warri lafeewwan kanaan bakka buufaman yeroo baayʼee dheeraa taʼeef duʼanii akka turan argisiisa. Lafeewwan kun deebiʼanii lubbuudhaan kan jiraatan suuta suuta waan taʼeef yeroo akka fudhatu ibsameera.

Uleewwan lamaan wal qabsiisuun hiika maalii qaba?

Hubannaa kanaan dura qabnu: Dibamtoonni amanamoo taʼan yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti yeroo muraasaaf tokkummaa isaanii kan dhaban taʼus, bara 1919⁠tti deebiʼanii tokko taʼaniiru.

Sirreeffama: Raajichi Yihowaan waaqeffattoota isaa tokko akka godhu ibsa. Bara 1919 booda namoonni lakkoofsi isaanii dabalaa deemuu fi lafa irra jiraachuuf abdii qaban dibamtoota lafa irratti hafanitti makaman. Gareewwan lamaan kun saba tokko taʼuudhaan Yihowaa waaqeffachaa jiru.

Sababa jijjiiramni kun itti godhame: Raajiin kun uleen tokko bakka lamatti cabee, yeroo booda tokko akka taʼe hin dubbatu. Kanaafuu, raajichi gareen tokko bakka lamatti hiramee yeroo booda tokko akka taʼu hin ibsu. Kanaa mannaa, gareewwan lamaan kun akkamitti tokko akka taʼan ibsa.

Goog inni biyya Maagoog eenyu?

Hubannaa kanaan dura qabnu: Maqaan Goog isa biyya Maagoog jedhu maqaa Seexanni samii keessaa erga ariʼamee booda isaaf kenname kan argisiisu dha.

Sirreeffama: Goog inni biyya Maagoog gamtaa sabootaa warra yeroo rakkina guddaatti namoota waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan irratti haleellaa banan argisiisa.

Sababa jijjiiramni kun itti godhame: Goog, allaattiiwwan adamsanii nyaataniif nyaata taʼee akka kennamu, akkasumas lafa irratti iddoon awwaalchaa akka isaaf kennamu ibsamuun isaa uumama hafuuraa akka hin taane argisiisa. Kana malees, haleellaan Goog banu, haleellaa saboonni lafa irraa saba Waaqayyoo irratti akka banan kitaabota Daaniʼelii fi Mulʼataa keessatti ibsamanii wajjin wal fakkaata.—Dan. 11:40, 44, 45; Mul. 17:14; 19:19.

Hisqiʼel mana qulqullummaa hafuuraa guddaa isa yeroo booda Phaawulos ergamaan ibse sana argeeraa ykn daawwateeraa?

Hubannaa kanaan dura qabnu: Manni qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge mana qulqullummaa hafuuraa Phaawulos ibsee wajjin wal fakkaata.

Sirreeffama: Hisqiʼel kan arge mana qulqullummaa hafuuraa isa Dh.K.B. bara 29⁠tti hundeeffame miti; kanaa mannaa kan inni arge mulʼata erga boojuudhaa deebiʼanii booda waaqeffannaa qulqulluun Seera Musee keessatti ibsame akkamitti deebiʼee akka hundeeffamu ibsu dha. Ibsi Phaawulos mana qulqullummaa hafuuraa ilaalchisee geggeessaa hafuuraatiin kenne hojii Yesuus Luba Ol Aanaa taʼuudhaan Dh.K.B. bara 29 hanga bara 33⁠tti raawwate irratti kan xiyyeeffatu dha. Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee argee fi waaʼee luba ol aanaa hin caqasne kun, haaromsa hafuuraa isa Dh.K.B. bara 1919⁠tti jalqabe irratti xiyyeeffata. Kanaafuu, wantoonni balʼinaan ibsamanii fi safarawwan mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge keessatti ibsaman hundi wantoota kan birootiif gaaddidduu akka taʼan hin eegnu. Kanaa mannaa, ulaagaalee Yihowaan waaqeffannaa qulqulluudhaaf baase ilaalchisee barumsa mulʼata Hisqiʼel irraa argannu irratti xiyyeeffanna.

Sababa jijjiiramni kun itti godhame: Manni qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge mana qulqullummaa hafuuraa irraa garaa garummaa guddaa qaba. Fakkeenyaaf, mana qulqullummaa Hisqiʼel arge keessatti aarsaawwan horii hedduun ni dhihaatu turan; mana qulqullummaa hafuuraa keessatti garuu “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” aarsaa tokko qofatu dhihaate. (Ibr. 9:11, 12) Jaarraawwan hedduu Kiristoos dhufuu isaa dura turanitti, yeroon Yihowaan mana qulqullummaa hafuuraa ilaalchisee dhugaawwan barbaachisoo taʼan itti ibsu hin geenye ture.