Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 21

“Maqaan Magaalaa Sanaa Yihowaan Achi Jira kan Jedhu ni Taʼa”

“Maqaan Magaalaa Sanaa Yihowaan Achi Jira kan Jedhu ni Taʼa”

HISQIʼEL 48:35

YAADA IJOO: Hiika magaalattiinii fi lafti buusii taʼe qaban

1, 2. (a) Lafti kaayyoo adda taʼe tokkoof adda baafame maali dha? (Fakkii qola kitaabichaa irra jiru ilaali.) (b) Mulʼatichi warra boojiʼamaniif abdii akkamii kenna?

HISQIʼEL mulʼata isaa isa dhumaa keessatti lafa kaayyoo adda taʼe tokkoof adda baafame argeera. Lafti adda baafame kun gosoota Israaʼeliif akka dhaalaatti kan kennamu utuu hin taʼin, buusii godhamee Yihowaadhaaf kan kennamu dha. Hisqiʼel magaalaa maqaa adda taʼe qabdu tokkos argeera. Kutaan mulʼata kanaa warra boojiʼamaniif abdii baayʼee barbaachisaa taʼe tokko kenna: Yihowaan yommuu isaan gara biyya isaanii ishii jaallatamtuutti deebiʼan isaanii wajjin ni taʼa.

2 Hisqiʼel lafa buusii taʼe sana ilaalchisee ibsa balʼaa kenneera. Mee seenaa nu warra waaqeffattoota Yihowaa taaneef hiika guddaa qabu kana haa qorru.

‘Buusii Qulqulluu fi Magaalattii’

3. Naannoowwan shanan Yihowaan adda baase kam faʼi? Naannoowwan kun tajaajila maaliitiif oolu? (Saanduqa, “Buusiin Isin Adda Baastan” jedhu ilaali.)

3 Lafti adda baafame sun kallattii kaabaatii hamma kibbaatti dhundhuma 25,000 (kiilomeetira 13), kallattii bahaatii hamma dhihaattis dhundhuma 25,000 taʼa. Lafti kallattii arfaniin iyyuu wal qixa taʼe kun ‘guutummaa buusii sanaa’ akka taʼetti ibsameera. Lafti kun kutaa saditti dalga qoqqoodameera. Kutaan inni olii Leewwotaaf, kutaan inni gidduu immoo mana qulqullummaa fi lubootaaf kan adda baafame dha. Kutaawwan lamaan kun “buusii qulqulluu” taʼanii adda baafamaniiru. Kutaa xinnoon gara gadiitti argamu ykn “naannoon inni hafe” immoo “tajaajila kan biraatiif” oola. Iddoon kun magaalattiidhaaf kan kenname dha.—His. 48:15, 20.

4. Seenaa waaʼee lafa Yihowaadhaaf buusii taʼee kenname ibsu irraa barumsa akkamii arganna?

4 Seenaa waaʼee lafa Yihowaadhaaf buusii taʼee kenname kanaa ibsu irraa barumsa akkamii arganna? Yihowaan jalqaba irratti laficha buusii adda taʼe kanaaf adda baasuudhaan, achiis lafa kaan gosoota Israaʼeliif kennuudhaan lafa buusii wiirtuu waaqeffannaa taʼe kanaaf dursi kennamuu akka qabu argisiiseera. (His. 45:1) Warri boojiʼaman lafichi akka barbaachisummaa isaatti duraa duubaan hihiramuu isaa irraa wanta hedduu akka baratan beekamaa dha. Jireenya isaanii keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif iddoo hunda irra caalu kennuu qabu. Haaluma wal fakkaatuun nutis yeroo harʼaatti sochiiwwan hafuuraa kanneen akka Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu fi hojii lallabaa irratti hirmaachuu jiran jireenya keenya keessatti iddoo guddaa akka qabanitti ilaalla. Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif dursa kennuudhaan fakkeenya Yihowaa yommuu hordofnu jireenyi keenya isa waaqeffachuu irratti akka xiyyeeffatu goona.

“Magaalattiin Walakkaa Isaatti ni Argamti”

5, 6. (a) Magaalattiin kan eenyuuti? (b) Magaalaan sun maal hin argisiistu? Maaliif?

5 Hisqiʼel 48:15 dubbisi. Hiikni “magaalattii” fi lafa naannoo ishiitti argamuu maali dha? (His. 48:16-18) Mulʼaticha keessatti Yihowaan, ‘dhaalli magaalattiidhaaf kenname kan guutummaa mana Israaʼel’ akka taʼe Hisqiʼelitti himeera. (His. 45:6, 7) Kanaafuu magaalattiinii fi lafti naannoo ishii jiru “buusii qulqulluu” ‘Yihowaadhaaf adda baafame’ miti. (His. 48:9) Garaa garummaa kana sammuutti qabachuudhaan mee qophiin magaalattii yeroo harʼaatti barumsa akkamii nuu kennuu akka dandaʼu haa ilaallu.

6 Wanta magaalattii irraa barachuu dandeenyu ilaaluu keenya dura jalqaba wanta magaalattiin hin argisiisne beekuu qabna. Magaalattiin magaalaa Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii warra deebiʼanii ijaaraman hin argisiistu. Akkana kan jennu maaliifi? Sababiin isaas magaalaan Hisqiʼel mulʼataan arge mana qulqullummaa hin qabdu. Kana malees magaalattiin magaalaa Israaʼel ishii deebitee hundeeffamtu keessatti argamu kan biraa kam iyyuu hin argisiistu. Maaliif? Sababiin isaas warri boojuudhaa deebiʼan ykn sanyiin isaanii magaalaa mulʼaticha keessatti ibsamee wajjin wal fakkaatu hin ijaarre. Akkasumas magaalattiin magaalaa samii irratti argamu hin argisiistu. Maaliif? Sababiin isaas magaalattiin kan ijaaramte bakka waaqeffannaa qulqulluudhaaf adda baafame irratti utuu hin taʼin, “iddoo tajaajila kan biraatiif oolu [ykn iddoo qulqulluu hin taane]” irratti dha.—His. 42:20.

7. Magaalaan Hisqiʼel arge maali dha? Magaalattiin maal kan argisiistu fakkaata? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

7 Maarree magaalaan Hisqiʼel arge maali dha? Hisqiʼel mulʼata waaʼee biyyattii arge keessatti magaalattiis akka arge yaadadhaa. (His. 40:2; 45:1, 6) Dubbiin Waaqayyoo biyyattiin biyya hafuuraa akka taate ibsa, kanaafuu magaalattiin magaalaa hafuuraa kan argisiistu taʼuu qaba. Akka walii galaatti jechi “magaalaa” jedhu ergaa maalii dabarsa? Jechi kun namoota karaa qindoomina qabuun iddoo tokko waliin jiraatan argisiisa. Kanaafuu magaalaan Hisqiʼel arge ishiin akka gaariitti gurmooftee fi bakka kallattii arfaniinuu wal qixa taʼe irratti argamtu teessoo bulchiinsa sirriitti qindaaʼe tokkoo kan argisiistu fakkaata.

8. Naannoon bulchiinsa kanaa eessa dha? Maaliif?

8 Naannoon bulchiinsa kanaa eessa dha? Mulʼanni Hisqiʼel magaalattiin kan argamtu biyya hafuuraa keessatti akka taʼe argisiisa. Kanaafuu bulchiinsi kun yeroo harʼaatti jannata hafuuraa keessatti sochii saba Waaqayyoo geggeessa. Magaalattiin iddoo tajaajila kan biraatiif oolu ykn iddoo qulqulluu hin taane irratti kan argamtu taʼuun ishii maal argisiisa? Kun magaalattiin bulchiinsa samii utuu hin taʼin, bulchiinsa lafa irraa isa faayidaa warra jannata hafuuraa keessa jiraatan hundumaatiif hojjechaa jiru akka argisiistu nu yaadachiisa.

9. (a) Bulchiinsi lafa irraa kun yeroo harʼaatti eenyufaa of keessatti qabateera? (b) Yesuus yeroo Bulchiinsa Barkumeetti maal raawwata?

9 Bulchiinsi lafa irraa kun eenyufaa of keessatti qabateera? Mulʼata Hisqiʼel keessatti namni bulchiinsa magaalattii keessatti dursa fudhatu “geggeessaa” jedhamee ibsameera. (His. 45:7) Inni luba ykn gosa Leewwii keessaa kan dhufe taʼuu baatus sabicha gidduutti ilaaltuu ol aanaa ture. Geggeessaan kun yeroo harʼaatti keessumaa ilaaltota ol aanoo gumii hafuuraan hin dibamne nu yaadachiisa. Tiksitoonni hafuuraa “hoolota kan biroo” keessaa dhufan kun warra bulchiinsa Kiristoos isa samii jalatti gad of qabuudhaan lafa irratti tajaajilani dha. (Yoh. 10:16) Yesuus Bulchiinsa Barkumee gara fuulduraatti dhufu keessatti jaarsolii ykn “bulchitoota” gaʼumsa qaban filatee “guutummaa lafaa irratti” muuda. (Far. 45:16) Isaanis yeroo Bulchiinsa Barkumeetti qajeelfama Mootummaa samii kana jalatti fedhii saba Waaqayyoo ni guutu.

“Yihowaan Achi Jira”

10. Maqaan magaalattii eenyu jedhama? Kun hoo maal mirkaneessa?

10 Hisqiʼel 48:35 dubbisi. Maqaan magaalattii “Yihowaan Achi Jira” jedhama. Maqaan kun Yihowaan magaalattii keessatti akka argamu mirkaneessa. Yihowaan magaalaa walakkaa biyyattiitti argamtu kana Hisqiʼelitti argisiisuun isaa warra boojiʼamaniin akka waan, ‘Ani ammas isinii wajjin nan taʼa’ jedheetti ilaalama. Kun dhuguma iyyuu abdii nama jajjabeessu dha!

11. Mulʼata Hisqiʼel waaʼee magaalattii fi maqaa ishii isa hiika guddaa qabu ibsu irraa maal baranna?

11 Kutaa raajii Hisqiʼel kana irraa maal baranna? Maqaan bulchiinsa magaalaatti fakkeeffame kanaa Yihowaan ammas taʼe yeroo hunda tajaajiltoota isaa warra amanamoo lafa irratti argamanii wajjin akka taʼu nuuf mirkaneessa. Maqaan hiika guddaa qabu kun dhugaa baayʼee barbaachisaa taʼe tokkos ni addeessa: Magaalattiin kan hundeeffamte nama kamiif iyyuu aangoo kennuuf utuu hin taʼin, daandiiwwan Yihowaa warra jaalala irratti hundaaʼanii fi sirrii taʼan raawwachiisuufi. Fakkeenyaaf, Yihowaan akka ulaagaa namaatti biyyattii akka hihiru bulchiinsa kanaaf aangoo hin kennine. Kanaa mannaa Yihowaan bulchitoonni kun dhaala ykn mirga innumti namoota ‘rakkatan,’ dabalatee tajaajiltoota isaa hundumaatiif kenne akka kabajan isaan irraa eega.—Fak. 19:17; His. 46:18; 48:29.

12. (a) Qabiyyee dinqisiisaan magaalaan kun qabdu maali dha? Kun hoo maal argisiisa? (b) Qabiyyeen mulʼata kanaa ilaaltota ol aanoo Kiristiyaanota taʼaniif yaadachiisa gaarii akkamii qabateera?

12 Qabiyyee dinqisiisaan magaalaan “Yihowaan Achi Jira” jedhamtu kun qabdu kan biraan maali dha? Magaalonni bara durii dallaawwan eegumsaaf taʼanii fi karrawwan muraasa qabu turan, magaalaan kun garuu karrawwan 12 qabdi. (His. 48:30-34) Karrawwan hedduun kun (kallattii arfaniinuu karra sadii sadii) bulchitoonni magaalattii tajaajiltoota Waaqayyoo hundaaf salphaatti kan itti dhihaatamanii fi yeroo hunda kan argaman taʼuu isaanii argisiisa. Kana malees magaalattiin karra 12 qabaachuun ishii nama hundumaatiif, jechuunis ‘guutummaa mana Israaʼeliif’ banaa taʼuu ishii argisiisa. (His. 45:6) Magaalattiin karrawwan salphaatti ittiin seenuun dandaʼamu hedduu qabaachuun ishii ilaaltota ol aanoo Kiristiyaanota taʼaniif yaadachiisa gaarii taʼa. Yihowaan jaarsoliin kun warra jannata hafuuraa keessa jiraatan hundaaf salphaatti kan itti dhihaatamanii fi yeroo hunda kan argaman akka taʼan barbaada.

Ilaaltonni ol aanoon Kiristiyaanota taʼan kan itti dhihaatamanii fi salphaatti kan argamani dha (Keeyyata 12 Ilaali)

Saba Waaqayyoo Warra ‘Waaqeffannaadhaaf Seenanii’ fi ‘Magaalattii Tajaajilan’

13. Yihowaan gosa tajaajilaa adda addaa sabni isaa raawwatan ilaalchisee maal ibseera?

13 Mee bara Hisqiʼelitti deebinee wanta inni mulʼata balʼaa waaʼee lafa hihiruu ibsu keessatti balʼinaan barreesse haa ilaallu. Yihowaan sabni isaa gosa tajaajilaa adda addaa irratti akka hirmaatan ibseera. Luboonni “tajaajiltoota iddoo qulqulluu taʼan” aarsaawwan ni dhiheessu, akkasumas Yihowaa tajaajiluuf isa duratti ni dhihaatu. Leewwonni “tajaajiltoota mana qulqullummaa taʼan” immoo ‘tajaajila achi keessatti raawwatamuu fi wanta achi keessatti hojjetamu hundumaa toʼatu.’ (His. 44:14-16; 45:4, 5) Hojjettoonni magaalattii biratti hojjetanis jiru turan. Hojjettoonni kun eenyu faʼi?

14. Hojjettoonni magaalattii biratti hojjetan maal nu yaadachiisu?

14 Hojjettoonni magaalattii bira turan “gosoota Israaʼel hundumaa” keessaa kan dhufani dha. Hojjettoonni kun gaʼee guddaa qabu. Hojiin isaanii midhaan “warra magaalattii keessatti tajaajilaniif nyaata” taʼu oomishuu dha. (His. 48:18, 19) Qophiin kun carraa nuti yeroo harʼaatti qabnu nu yaadachiisaa? Eeyyee. Yeroo harʼaatti warri jannata hafuuraa keessa jiraatan hundi tajaajila obboloonni Kiristoos warri dibamoo taʼan dhiheessanii fi tajaajila warri Yihowaan ‘tuuta uummataa guddaa’ keessaa dura buutota akka taʼaniif muude dhiheessan deeggaruuf carraa qabu. (Mul. 7:9, 10) Karaan deeggarsa kana itti goonu inni guddaan qajeelfama garbichi amanamaan kennu hojii irra oolchuu dha.

15, 16. (a) Mulʼata Hisqiʼel keessaa ibsa balʼaa kan biraa akkamii arganna? (b) Sochiiwwan wal fakkaatu akkamii irratti hirmaachuuf carraa arganneerra?

15 Mulʼanni Hisqiʼel ibsa balʼaa tajaajila keenya ilaalchisee barumsa irraa argannu kan biraas qabateera. Ibsi balʼaan kun maali dha? Yihowaan miseensonni gosa Leewwii hin taane 12n iddoo lamatti hojii akka hojjetan ibseera: isaanis mooraa mana qulqullummaa keessattii fi iddoo dheedichaa magaalattii irratti dha. Iddoowwan kanatti maal hojjetu? Gosoonni hundi Yihowaadhaaf aarsaawwan dhiheessuudhaan mooraa mana qulqullummaa keessa ‘waaqeffannaadhaaf ni seenu.’ (His. 46:9, 24) Miseensonni gosoota hundumaa lafa dheedichaa sana qotuudhaan magaalattii ni deeggaru. Fakkeenya hojjettoota kanaa irraa maal baranna?

16 Yeroo harʼaattis miseensonni tuuta uummataa guddaa sochiiwwan mulʼata Hisqiʼel keessatti raawwatamanii wajjin wal fakkaatan irratti hirmaachuuf carraa qabu. Isaan aarsaawwan galataa dhiheessuudhaan “mana qulqullummaa isaa keessatti” Yihowaa waaqeffatu. (Mul. 7:9-15) Kanas kan godhan hojii lallabaa irratti hirmaachuu fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti amantii isaanii ibsuudhaani. Waaqeffannaa akkasii Yihowaadhaaf dhiheessuun itti gaafatamummaa isaanii isa guddaa akka taʼetti ilaalu. (1 Sen. 16:29) Dabalataanis saba Waaqayyoo keessaa namoonni baayʼeen karaawwan hedduudhaan jaarmiyaa Waaqayyoo deeggaruu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Galmawwan Walgaʼii, akkasumas gamoowwan waajjira damee ijaaruu fi suphuu irratti gargaarsa godhu, hojiiwwan jaarmiyaan Yihowaa hojjetu kan biroo hedduu irrattis gargaarsa godhu. Warri kaan immoo hojiiwwan kanaaf buusii qarshii gochuudhaan deeggaru. “Ulfina Waaqayyootiif” akka fakkeenyaatti hojii lafa qotuu akkasii irratti hirmaatu. (1 Qor. 10:31) Yihowaan ‘aarsaawwan akkasiitti baayʼee akka gammadu’ waan beekaniif hojii isaanii hinaaffaa fi gammachuudhaan raawwatu. (Ibr. 13:16) Ati hoo carraawwan kanatti guutummaatti fayyadamaa jirtaa?

Hojiiwwan adda addaa Hisqiʼel karra magaalattii keessattii fi naannoo ishiitti akka raawwataman ibse irraa maal baranna? (Keeyyata 14-16 Ilaali)

“Samiiwwan Haaraa fi Lafa Haaraa . . . ni Eegganna”

17. (a) Mulʼanni Hisqiʼel gara fuulduraatti raawwii guddaa akkamii argata? (b) Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti bulchiinsa magaalaatti fakkeeffame irraa kan fayyadaman eenyu faʼi?

17 Mulʼanni Hisqiʼel waaʼee lafa buusii taʼee kennamu sanaa ibsu gara fuulduraatti raawwii isaa isa guddaa yommuu argatu ni arginaa? Eeyyee. Hisqiʼel lafti “buusii qulqulluu” jedhamu biyyattii gidduutti akka argamu argeera. (His. 48:10) Haaluma wal fakkaatuun Armaagedoon boodas lafa irra eessa iyyuu yoo jiraanne Yihowaan nu wajjin ni jiraata. (Mul. 21:3) Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti bulchiinsi magaalaatti fakkeeffame, jechuunis warri lafa irratti fedha saba Waaqayyoo guutuuf muudaman, “lafa haaraa” isa hawaasa ilmaan namootaa haaraa taʼan argisiisu hundaaf qajeelfama jaalala irratti hundaaʼe kennuudhaan bulchiinsa isaa guutummaa lafaa irratti babalʼisu.—2 Phe. 3:13.

18. (a) Bulchiinsi magaalaatti fakkeeffame bulchiinsa Waaqayyoo wajjin guutummaatti akka wal simu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Maqaan magaalattii maal nuuf mirkaneessa?

18 Bulchiinsi magaalaatti fakkeeffame bulchiinsa Waaqayyoo wajjin guutummaatti wal simee akka itti fufu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Sababiin isaas Dubbiin Waaqayyoo magaalaan lafa irraa karrawwan 12 qabdu kun, magaalaa samii irraa, jechuunis Yerusaalem Haaraa ishii karra 12 qabduu fi namoota 144,000 warra Kiristoosii wajjin bulchan of keessatti qabattee wajjin akka wal fakkaattu ibsa. (Mul. 21:2, 12, 21-27) Kunis bulchiinsi lafa irraa kun, murtii Mootummaan Waaqayyoo inni samii dabarsu hunda akka deeggaruu fi guutummaatti akka raawwatu argisiisa. Eeyyee, maqaan magaalattii, “Yihowaan Achi Jira” jedhu waaqeffannaa qulqulluun bara baraaf Jannata keessatti akka itti fufuu fi akka dagaagu nuuf mirkaneessa. Dhuguma iyyuu yeroo baayʼee nama gammachiisutu nu eeggata!