Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 1A

Waaqeffannaa Jechuun Maal Jechuu Dha?

Waaqeffannaa Jechuun Maal Jechuu Dha?

Waaqeffannaan “gocha waaqa taʼe tokkoof ulfinaa fi jaalala argisiisuuf raawwatamu” akka taʼetti ibsamuu dandaʼa. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi afaan jalqabaa “waaqeffannaa” jedhamee hiikame, namni tokko uumamawwaniif ulfina guddaa kennuu ykn bitamuu isaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (Mat. 28:9) Kana malees jechoonni kun gocha waaqeffannaa Waaqayyoof ykn waaqa tolfamaadhaaf raawwatamu kan ibsan taʼuu dandaʼu. (Yoh. 4:23, 24) Jechi kun akkamitti hubatamuu akka qabu kan murteessu yaada naannoo isaatti argamu dha.

Waaqeffachuu kan qabnu Yihowaa isa uumaa taʼee fi uumama cufa irratti ol aantummaa qabu qofa dha. (Mul. 4:10, 11) Ol aantummaa isaa akka kabajnu argisiisuu fi maqaa isaatiif ulfina kennuudhaan Yihowaa waaqeffanna. (Far. 86:9; Mat. 6:9, 10) Yaadawwan ijoo taʼan kun lamaan, jechuunis ol aantummaan Yihowaa fi maqaan isaa adda durummaadhaan kitaaba Hisqiʼel keessatti ibsamaniiru. Kitaaba Hisqiʼel keessatti qofa ibsi “Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa” jedhu siʼa 217, yaanni “Ani Yihowaa taʼuu koo . . . ni hubattu” ykn “ni hubatu” jedhu immoo siʼa 55 itti hojjetameera.—His. 2:4; 6:7.

Haa taʼu malee, waaqeffannaan keenya miira nutti dhagaʼamu qofa miti; kanaa mannaa waaqeffannaa dhugaan gochaan kan argisiifamu dha. (Yaq. 2:26) Yommuu Yihowaadhaaf of murteessinu, kallattii jireenya keenyaa hundumaatiin akka Bulchaa keenyaatti isaaf ajajamuu fi maqaa isaatiif ulfina guddaa akka kenninu argisiisuuf waadaa galla. Yesuus deebii qorumsa sadaffaadhaaf kenne irratti, waaqeffannaa fi “tajaajila qulqulluu” wal qabsiisee akka ibse yaadadhaa. (Mat. 4:10) Nutis waaqeffattoota Yihowaa waan taaneef isa tajaajiluuf hawwii qabna. * (Kes. 10:12) Sochiiwwan kallattiidhaan waaqeffannaa keenyaa wajjin walitti dhufeenya qabanii fi fedhii ofii aarsaa gochuu gaafatan irratti yommuu hirmaannu Waaqa keenyaaf tajaajila qulqulluu dhiheessaa jirra jechuu dha. Sochiiwwan kun kam faʼi?

Karaawwan hedduudhaan tajaajila qulqulluu dhiheessuu kan dandeenyu yeroo taʼu, hundi isaanii Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu. Yommuu warra kaaniif dhugaa baanu, yommuu walgaʼii irratti hirmaannu, yommuu iddoowwan walgaʼii keenyaa kunuunsinuu fi ijaarrutti tajaajila qulqulluu dhiheessaa jirra jechuu dha. Kana malees, yommuu waaqeffannaa maatii irratti hirmaannu, yommuu obboloota keenya warra gargaarsi barbaachisu gargaarru, yommuu walgaʼiiwwan guguddaa irratti fedhiidhaan hojjennu ykn yommuu Beetel keessatti tajaajillu tajaajila qulqulluu dhiheessaa jirra jechuu dha. (Ibr. 13:16; Yaq. 1:27) Sammuu keenyaa fi garaa keenya keessatti waaqeffannaa qulqulluudhaaf bakka guddaa yommuu kenninu ‘halkanii fi guyyaa tajaajila qulqulluu’ dhiheessina. Dhuguma iyyuu Waaqa keenya Yihowaa waaqeffachuu keenyatti ni gammanna!—Mul. 7:15.

^ key. 5 Jechoota Afaan Ibrootaa yaada waaqeffachuu jedhu dabarsan keessaa tokko “tajaajiluu” jechuus taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, waaqeffannaan tajaajiluus ni dabalata.—Bau. 3:12, milj.