Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 1B

Qabiyyee Kitaaba Hisqiʼel

Qabiyyee Kitaaba Hisqiʼel

Walumaa galatti kitaabni Hisqiʼel akka armaan gadiitti qoqqoodamuu dandaʼa:

BOQONNAA 1 HANGA 3

Hisqiʼel Dh.K.D. bara 613⁠tti Yihudoota boojiʼamanii Baabilon keessa turan gidduu utuma jiruu, mulʼatawwan Yihowaa biraa dhufan argee ture; Yihudoota laga Kebaar bira jiraatanitti raajii akka dubbatus ajajamee ture.

BOQONNAA 4 HANGA 24

Hisqiʼel Dh.K.D. bara 613 hanga 609 gidduutti Yerusaalemii fi saboota ishii warra finciltoota taʼan, akkasumas waaqolii tolfamoo waaqeffatan irratti raajii adda durummaadhaan ergaa murtii qabate dabarseera.

BOQONNAA 25 HANGA 32

Dhaloota Kiristoos Dura bara 609 yommuu warri Baabilon yeroo dhumaatiif Yerusaalemiin marsuu jalqabanitti, Hisqiʼel ergaa murtii Yerusaalem irratti dabarsaa ture saboota diinota taʼanii fi naannoo isaaniitti argaman irratti, jechuunis Amoon, Edoom, Gibxii, Moʼaab, Filisxeem, Siidoonii fi Xiiros irratti dabarsuu jalqabe.

BOQONNAA 33 HANGA 48

Dhaloota Kiristoos Dura bara 606 irraa jalqabee, yommuu Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii warri fagaatanii jiran diigamanii turanitti, Hisqiʼel ergaa abdii gammachiisaa qabatee fi waaqeffannaan Yihowaa inni qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu ibsu irratti xiyyeeffateera.

Kitaabni Hisqiʼel duraa duuba yerootiin, akkasumas mata duree mata dureedhaan kan qindaaʼe dha. Raajiiwwan waaʼee badiisa Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii ibsan kan dubbataman, raajiiwwan hedduu waaʼee waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu ibsan dura dha. Raajiiwwan waaʼee waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu ibsan kan dubbataman, waaqeffannaan mana qulqullummaa keessatti dhihaatu erga dhaabbatee booda waan taʼeef, kun taʼuun isaa sirrii dha.

Dabalataanis raajiiwwan Hisqiʼel murtii saboota diinota isaanii taʼanii fi naannoo isaaniitti argaman irratti dabarfame ilaalchisee dubbataman kan argaman, (boqonnaa 25 hanga 32) ergaa murtii Yerusaalem irratti dabarfamee fi raajiiwwan waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu dubbataman gidduutti dha. Ergaa murtii Hisqiʼel saboota irratti dabarse ilaalchisee hayyuun tokko akka dubbatanitti, ergaan murtii saboota kaan irratti dabarfame bakka sirrii taʼe irratti argama. Waaqayyo diinota isaanii adabuun isaa karaa saba isaatiif araara itti argisiisu waan taʼeef, ergaan kun Waaqayyo saba isaatti dheekkamuu irraa gara araara isaanitti argisiisuutti akka deebiʼe kan ibsu dha.

Gara boqonnaa 1, keeyyata 18tti deebiʼi