Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 4A

‘Uumamawwan Jiraatoo Nan Arge’

‘Uumamawwan Jiraatoo Nan Arge’

Hisqiʼel siidaawwan guguddaa bifa qotiyyoowwan qoochoo qabanii fi leencota mataa namaa qaban masaraa mootummaa fi mana qulqullummaa dura akka eegduutti dhaabbatan argee akka beeku hin shakkisiisu. Siidaawwan akkasii Asoorii fi Baabilon durii keessatti baayʼinaan ni argamu turan. Akkuma namoota daawwatan kaanii Hisqiʼelis uumamawwan guguddoo gara meetira 6 ol dheeratan kana dinqisiifannaadhaan ilaalee taʼuu qaba. Uumamawwan kun humna guddaa kan qaban fakkaatanis lubbuu kan hin qabnee fi dhagaa irraa kan bocamani dha.

Faallaa kanaatiin uumamawwan arfan Hisqiʼel mulʼataan arge “uumamawwan jiraatoo” dha. Kun garaa garummaa guddaa dha! Hisqiʼel seensa raajii isaa irratti jechoota, “uumamawwan jiraatoo” jedhan siʼa 11 caqasuun isaa wanti arge akka isa dinqisiise argisiisa. (His. 1:5-22) Mulʼata kana keessatti uumamawwan jiraatoo arfan teessoo Waaqayyoo jala yeroo wal fakkaatutti kallattii wal fakkaatu irra deemuun isaanii, Yihowaan uumamawwan isaa hunda guutummaatti kan toʼatu taʼuu isaa Hisqiʼel akka hubatu isa taasisee taʼuu qaba. Yeroo ammaattis mulʼanni kun guddinaa fi jabina Yihowaa, akkasumas ol aantummaa isaa isa ulfina qabeessa taʼe akka dinqisiifannu nu taasisa.—1 Sen. 29:11.