Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Walgaʼii guddaan bara 1919⁠tti geggeeffame sabni Waaqayyoo dhuma irratti Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼuu isaaniitiif ragaa guddaa dha

SAANDUQA 9B

Bara 1919⁠tti kan Jennu Maaliifi?

Bara 1919⁠tti kan Jennu Maaliifi?

Sabni Waaqayyoo garbummaa Baabilon Guddittii jalaa bilisa kan baʼan bara 1919⁠tti kan jennu maaliifi? Raajiin Kitaaba Qulqulluu fi seenaan, kun kan taʼe bara 1919⁠tti jennee akka amannu nu taasisu.

Raajiin Kitaaba Qulqulluu fi seenaan, Yesuus bara 1914⁠tti samii irratti Mootii taʼee bulchuu akka jalqabe argisiisu; kunis guyyoonni dhumaa sirna Seexanaa inni lafa irraa akka jalqabe argisiisa. Yesuus Mootii erga taʼee booda maal raawwate? Yeruma sana tajaajiltoota isaa lafa irra jiran garbummaa Baabilon Guddittii jalaa bilisa baaseeraa? Bara 1914⁠tti ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ muuduudhaan hojii makaraa isa guddaa hojjechuu hoo jalqabeeraa?—Mat. 24:45.

Akkas akka hin goone haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Pheexiros ergamaan geggeessaa hafuuraatiin murtiin kan jalqabu “mana Waaqayyoo keessaa” akka taʼe barreessuu isaa yaadadhaa. (1 Phe. 4:17) Haaluma wal fakkaatuun Miilkiyaas raajichis Yihowaan Ilma isaa isa ‘ergamaa kakuu’ taʼee wajjin gara mana waaqeffannaa isaatti akka dhufu raajii dubbateera. (Mil. 3:1-5) Yeroon sun yeroo qulqulleeffamuu fi yeroo qorumsaa taʼa. Maarree seenaan raajiiwwan kanaa wajjin wal simaa?

Eeyyee wal sima. Yeroon bara 1914 kaasee hamma jalqaba bara 1919⁠tti ture Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo sanatti Barattoota Kitaaba Qulqulluu jedhamaniif yeroo rakkisaa itti qoramanii fi qulqulleeffaman ture. Sabni Waaqayyoo hedduun bara 1914⁠tti dhumni sirna kanaa yeroo isaan eeganitti waan hin dhufneef abdii kutatanii turan. Chaarlis Teez Raasil inni saba Waaqayyoo adda durummaadhaan geggeessaa ture bara 1916⁠tti yommuu duʼetti akka malee abdii kutatanii turan. Namoonni obboleessa keenya Raasiliif xiyyeeffannaa addaa kennaa turan tokko tokko carraaqqii Jooseef Raazarfoordi inni Raasiliin bakka buʼee geggeessaa ture godhe cimsanii mormaniiru. Bara 1917⁠tti qoqqoodinsi waan uumameef jaarmiyichi bakka lamatti hiramuu jala gaʼee ture. Achiis bara 1918⁠tti dhiibbaa qeesotaatiin obboleessi keenya Raazarfoordii fi michoonni isaa torba sobaan himatamanii mana murtiitti dhihaachuudhaan hidhaan itti murteeffameera. Waajjirri muummee Biruukiliinitti argamus ni cufame. Kana irraa hubachuun akka dandaʼamutti sabni Waaqayyoo yeroo kanatti garbummaa Baabilon Guddittii jalaa bilisa hin baane!

Haa taʼu malee bara 1919⁠tti maaltu taʼe? Wanti hundi saffisaan jijjiirame! Jalqaba waggaa sanaatti Raazarfoordii fi michoonni isaa mana hidhaatii gadhiifaman. Achiis yeruma sana hojicha hojjechuu jalqaban. Utuma baayʼee hin turin walgaʼii guddaa tokko gochuuf karoorri ni baʼe, akkasumas barreeffamni haaraan The Golden Age (yeroo ammaatti Dammaqaa!) jedhamu qophaaʼuu jalqabe. Barruu haaraan kun kan qophaaʼe duula tajaajilaa irratti itti fayyadamuuf ture. Dabalataanis gumii hunda keessatti ilaaltuun ol aanaan tokko hojii tajaajilaa qindeessuu fi babalʼisuuf ni muudame. Wagguma sanatti hojii lallabaa qindeessuuf barreeffamni Bulletin (yeroo ammaatti Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa) jedhamu ni qophaaʼe.

Maarree yeroo kanatti maaltu raawwatame? Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Kiristoos saba isaa boojuu Baabilon Guddittii jalaa bilisa baaseera. Garbicha amanamaa fi ogeessa muudeera. Hojiin makaraas jalqabeera. Bara 1919 isa iddoo guddaan kennamuuf irraa jalqabee hojichi haala nama dinqisiisuun hojjetamuu isaa itti fufeera.