Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 10B

‘Lafeewwan Goggoganii’ fi ‘Dhugaa Baatonni Lamaan’ Walitti Dhufeenya Akkamii Qabu?

‘Lafeewwan Goggoganii’ fi ‘Dhugaa Baatonni Lamaan’ Walitti Dhufeenya Akkamii Qabu?

BARA 1919⁠tti raajiiwwan wal fakkaatan lama raawwii isaanii argataniiru; isaanis raajiiwwan waaʼee ‘lafeewwan goggoganii’ fi ‘dhugaa baatota lamaa’ dubbatamani dha. Mulʼanni waaʼee ‘lafeewwan goggoganii’ dubbatu yeroo dheeraa (jaarraawwan hedduu) hanga sabni Waaqayyoo warri garee guddaa taʼan gara jireenyaatti deebiʼaniitti jiru kan ibsu dha. (His. 37:2-4; Mul. 11:1-3, 7-13) Raajiin waaʼee ‘dhugaa baatota lamaa’ dubbatu immoo yeroo gabaabaa (dhuma bara 1914 hamma jalqaba bara 1919⁠tti raawwatame) hanga tajaajiltoonni Waaqayyoo warri garee xinnoo taʼan gara jireenyaatti deebiʼaniitti jiru kan argisiisu dha. Raajiiwwan lamaan kun duʼaa kaʼuu akka fakkeenyaatti ibsame kan argisiisani dha; kana malees raajiiwwan lamaan kun bara 1919⁠tti yommuu Yihowaan tajaajiltoota isaa warra dibamoo boojuu Baabilon Guddittii jalaa bilisa baasuudhaan ‘miila isaaniitiin akka dhaabbatan’ godhetti, akkasumas gumii haareffametti yommuu walitti isaan qabetti raawwii isaanii argataniiru.—His. 37:10.

Taʼus raawwiin raajiiwwan lamaan kanaa garaa garummaa guddaa akka qabu hubadhaa. Raajiin waaʼee ‘lafeewwan goggoganii’ dubbatu miseensonni dibamtoota hafanii hundi gara jireenyaatti akka deebiʼan kan ibsu dha. Raajiin waaʼee ‘dhugaa baatota lamaa’ dubbatu garuu miseensonni dibamtoota hafanii muraasni gara jireenyaatti akka deebiʼan kan ibsu dha; warri kun warra jaarmiyicha keessatti dura buutota taʼanii fi ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ taʼanii muudamani dha.—Mat. 24:45; Mul. 11:6. *

‘Dirree Sulula Keessa Jiruu fi Lafeedhaan Guutame’​—His. 37:1

  1. Dh.K.B. BARA 100 BOODA

    Dh.K.B. jaarraa lammaffaa irraa jalqabee yommuu gumiin Kiristiyaanota dibamoo taʼanii akka fakkeenyaatti ajjeefamu, ‘dirreen sulula keessa jiru’ “lafeedhaan” guutame

  2. JALQABA BARA 1919

    Bara 1919: ‘Lafeewwan goggogan’ gara jireenyaatti kan deebiʼan yommuu Yihowaan dibamtoonni hundi Baabilon Guddittii keessaa akka baʼanii fi gumii haareffame keessatti akka walitti qabaman godhetti ture

‘Dhugaa Baatota Lamaan’​—Mul. 11:3

  1. DHUMA BARA 1914

    ‘uffata gaddaatiin’ lallabuu

    Bara 1914: ‘Dhugaa baatonni lamaan’ uffata gaddaatiin waggaa sadii fi walakkaadhaaf lallaban. Waggaa sadii fi walakkaa boodas akka fakkeenyaatti ni ajjeefaman

  2. duʼa fakkeenyaan ibsame

  3. JALQABA BARA 1919

    Bara 1919: ‘Dhugaa baatonni lamaan’ gara jireenyaatti kan deebiʼan garee xinnoon obboloota dibamoo jaarmiyicha keessatti dura buutota taʼanii hojjetan yommuu ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ taʼanii akka tajaajilan muudamanitti ture

^ key. 4Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Bitootessa 2016 irratti baʼe ilaali.