Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 13A

Mana Qulqullummaa Adda Addaa, Barumsa Adda Addaa

Mana Qulqullummaa Adda Addaa, Barumsa Adda Addaa

Mana Qulqullummaa Hisqiʼel Mulʼataan Arge:

  • Hisqiʼel Yihudoota boojiʼamanii Baabilon keessa jiraniif ibseera

  • Iddoo aarsaa aarsaawwan hedduun irratti dhihaatan qaba

  • Ulaagaalee qajeelinaa Yihowaan waaqeffannaadhaaf baase addeessa

  • Haaromsa hafuuraa bara 1919⁠tti jalqabe irratti akka xiyyeeffannu godha

Mana Qulqullummaa Hafuuraa Isa Guddaa:

  • Phaawulos Kiristiyaanota Ibrootaatiif ibseera

  • Iddoo aarsaa aarsaan tokko qofti “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” irratti dhihaatu qaba (Ibr. 10:10)

  • Dhugaa hafuuraa godoo qulqulluunii fi manni qulqullummaan yeroo dheeraadhaaf argisiisaa turan, jechuunis qophii Yihowaan aarsaa furii Yesuus Kiristoos irratti hundaaʼuudhaan waaqeffannaa qulqulluutiif godhe ibsa

  • Hojii Kiristoos Dh.K.B. bara 29 hanga 33⁠tti Luba Ol Aanaa Isa Guddaa taʼuudhaan raawwate irratti akka xiyyeeffannu godha