Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 15A

Obboleettota Sagaagaltoota Taʼan

Obboleettota Sagaagaltoota Taʼan

Hisqiʼel boqonnaa 23⁠ffaan sabni Waaqayyoo gantoota taʼuu isaaniitiin kan kaʼe baayʼee balaaleffatamuu isaanii ibsa. Boqonnaan kun karaawwan hedduudhaan boqonnaa 16⁠ffaa wajjin wal fakkaata. Akkuma boqonnaa 16⁠ffaa, boqonnaa 23⁠ffaanis fakkeenya sagaagalummaatti fayyadameera. Yerusaalem obboleettii quxisuu akka taate, Samaariyaan immoo obboleettii angafaa akka taate ibsameera. Boqonnaawwan lamaan kun obboleettiin quxisuun obboleettii angafaa ishii hordofuudhaan sagaagaltuu kan taate akkamitti akka taʼee fi boodas hamminaa fi halalummaa raawwachuudhaan akka ishii caalte ibsu. Boqonnaa 23⁠ffaa keessatti Yihowaan obboleettota lamaaniif maqaa moggaaseera; obboleettiin angafaa Oholaa jedhamteetti, ishiin Samaariyaa ishii magaalaa guddoo mootummaa gosoota kurnanii Israaʼel taate argisiisti; obboleettii quxisuun Oholibaa jedhamteetti, ishiin immoo Yerusaalem ishii magaalaa guddoo Yihudaa taate argisiisti. *His. 23:1-4.

Boqonnaawwan lamaan kun karaawwan itti wal fakkaatan kan biroos qabu. Tarii wanti hunda caalaa wal isaan fakkeessu kana dha: Sagaagaltoonni kun jalqaba irratti haadhotii manaa Yihowaa kan turan taʼus, booda garuu isa gananiiru. Boqonnaawwan kun abdiis qabataniiru. Boqonnaa 23⁠ffaan waaʼee abdii haaromsaa balʼinaan kan hin ibsine taʼus, yaada Yihowaan, “Gochi kee inni qaanessaanii fi sagaagalummaan kee . . . akka dhaabbatu nan godha” jechuudhaan dubbate irratti boqonnaa 16⁠ffaa wajjin wal fakkaata.—His. 16:16, 20, 21, 37, 38, 41, 42; 23:4, 11, 22, 23, 27, 37.

Dubartoonni Kun Saba Kiristiyaanaa Argisiisuu?

Kanaan dura, barreeffamoonni keenya obboleettonni kun lamaan, jechuunis Oholaa fi Oholibaan Saba Kiristiyaanaatiif, keessumaa immoo amantii Kaatolikii fi Pirootestaantiitiif gaaddidduu akka taʼan ibsaa turan. Haa taʼu malee, dhimma kana irratti kadhannaa fi qorannoon gadi fageenya qabu godhamuun isaa gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan tokko tokko kaaseera. Sabni Kiristiyaanaa haadha manaa Yihowaa taatee beektii? Isaa wajjin hoo kakuu galtee beektii? Hin beektu. Yommuu ‘kakuu haaraan’ inni Yesuus araarsaa itti taʼe, Israaʼel hafuuraa wajjin galametti illee Sabni Kiristiyaanaa hin turre; kana malees, Sabni Kiristiyaanaa kutaa saba hafuuraa Kiristiyaanota dibamoo of keessatti qabatee taatee hin beektu. (Er. 31:31; Luq. 22:20) Sabni Kiristiyaanaa mulʼachuu kan jalqabde Dh.K.B. jaarraa arfaffaatti, jechuunis erga ergamoonni duʼanii yeroo dheeraa booda ture. Sabni Kiristiyaanaa durumaa jalqabdee jaarmiyaa mancaate turte. Ishii kan hundeessan “inkirdaada,” jechuunis Kiristiyaanota fakkeessitoota taʼanii fi Yesuus raajii waaʼee qamadii fi inkirdaadaa dubbate keessatti ibsamani dha.—Mat. 13:24-30.

Garaa garummaa guddaan isaan gidduu jiru kan biraan immoo, Yihowaan Yerusaalemii fi Samaariyaan warri gantoota turan deebiʼanii akka haareffaman abdii isaaniif kennuu isaa ti. (His. 16:41, 42, 53-55) Kitaabni Qulqulluun Sabni Kiristiyaanaa abdii akkasii akka qabdu ni ibsaa? Lakki! Badiisni amantiiwwan kutaa Baabilon Guddittii taʼan irra gaʼu ishii irras ni gaʼa.

Kanaafuu Oholaa fi Oholibaan Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu miti. Haa taʼu malee wanta kana caalaa barbaachisaa taʼe, jechuunis namoota maqaa isaa isa qulqulluu xureessanii fi ulaagaalee inni waaqeffannaa qulqulluudhaaf baase cabsan ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu hubachuuf nu gargaaru. Waldaaleen Saba Kiristiyaanaa hedduun, Waaqa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame akka bakka buʼan waan dubbataniif, gama kanaan Sabni Kiristiyaanaa hunda caalaa itti gaafatamti. Wanti kana caalaa hammaatu immoo, Yesuus Kiristoos inni Ilma Yihowaa taʼe geggeessaa isaanii akka taʼe dubbachuu isaanii ti. Taʼus Yesuus kutaa sillaasee keessaa tokko akka taʼe dubbachuudhaan, akkasumas ajaja ‘kutaa addunyaa akka hin taane’ kennameef ajajamuu diduudhaan wanta kanaa wajjin wal faallessu raawwachaa jiru. (Yoh. 15:19) Sabni Kiristiyaanaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu fi dhimma siyaasaa keessa galuu ishii itti fufuudhaan, kutaa “sagaagaltuu guddittii” sanaa taʼuu ishii ifatti argisiisteetti. (Mul. 17:1) Badiisni amantiiwwan sobaa addunyaa maratti argaman irra gaʼu ishii irras akka gaʼu beekamaa dha.

^ key. 3 Maqaawwan kun hiika guddaa qabu. Oholaa jechuun, “Dunkaana [Waaqeffannaa] Ishii” jechuu dha; kun immoo Israaʼel mana qulqullummaa Yihowaa isa Yerusaalemitti argamutti fayyadamuu mannaa wiirtuu waaqeffannaa ofii ishii hundeessuu ishii kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Oholibaa jechuun immoo, “Dunkaanni [Waaqeffannaa] Koo Ishii Keessa Jira” jechuu dha. Yerusaalem bakka manni waaqeffannaa Yihowaa itti argamu dha.