Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 18A

Akeekkachiisa Yihowaan Waraana Guddaa Gara Fuulduraatti Dhufu Ilaalchisee Kenne

Akeekkachiisa Yihowaan Waraana Guddaa Gara Fuulduraatti Dhufu Ilaalchisee Kenne

Kitaabni Qulqulluun raajiiwwan Yihowaan warra isas taʼe saba isaa morman hundumaa waraana guddaadhaan haxaaʼee akka balleessu akeekkachiisan hedduu qabateera. Raajiiwwan kanneen keessaa muraasni isaanii armaan gaditti tarreeffamaniiru. Wal fakkeenya akeekkachiisawwan kana gidduu jiru, akkasumas Yihowaan ilmaan namootaa hundi akeekkachiisa kana akka dhagaʼanii fi tarkaanfii akka fudhatan carraa isaaniif kennuu isaa qalbeeffadhaa.

BARA ISRAAʼEL DURIITTI

HISQIʼEL: “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani gaarota koo hundumaa irratti goraadee [Googitti] nan waama.’”—His. 38:18-23.

ERMIYAAS: “[Yihowaan] ofuma isaatiin ilmaan namootaa hundumaa irratti murtii dabarsa. Hamootas goraadeetti dabarsee ni kenna.”—Er. 25:31-33.

DAANIʼEL: “Waaqni samii mootummaa . . . tokko ni hundeessa. . . . Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa.”—Dan. 2:44.

Dh.K.B. JAARRAA JALQABAATTI

YESUUS: “Rakkinni guddaan jalqaba addunyaatii kaasee hanga ammaatti taʼee hin beekne . . . ni dhufa.”—Mat. 24:21, 22.

PHAAWULOS: ‘Yesuus maleekota isaa humna guddaa qabanii wajjin warra Waaqayyoon hin beekne irratti haaloo ni baʼa.’—2 Tas. 1:6-9.

PHEEXIROS: “Guyyaan Yihowaa akka hattuutti dhufa; . . . laftii fi hojiiwwan ishii irratti hojjetamanis ni saaxilamu.”—2 Phe. 3:10.

YOHAANNIS: “Goraadee qaramaanii fi dheeraan saboota ittiin rukutu afaan [Yesuus] keessaa ni baʼa.”—Mul. 19:11-18.

BARA KEENYATTI

Kitaabni Qulqulluun kitaaba kam iyyuu caalaa addunyaa irratti baayʼinaan hiikameera, akkasumas raabsameera

TAJAAJILTOOTA YIHOWAA YEROO AMMAATTI ARGAMAN

  • Afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi biliyoonaan lakkaaʼaman ni raabsu

  • Waggaa waggaadhaan saʼaatii miliyoona dhibbaan lakkaaʼamu hojii lallabaa irratti dabarsu