Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 21A

“Buusiin Isin Adda Baastan”

“Buusiin Isin Adda Baastan”

HISQIʼEL 48:8

Mee Hisqiʼel lafa Yihowaan adda baase sana yommuu daawwatu haa ilaallu. Lafti kun naannoowwan shan of keessatti qabateera. Naannoowwan kun kam faʼi? Tajaajila maaliitiif oolu?

A. “Buusii”

Lafti kun iddoo tajaajila bulchiinsaatiif oolu dha.

HIS. 48:8

B. ‘Guutummaa Buusii Sanaa’

Lafti kun lubootaaf, Leewwotaa fi magaalattiidhaaf kan adda baafame dha. Kana malees namoonni gosoota 12n keessaa dhufan Yihowaa waaqeffachuu fi bulchiinsa magaalaatti fakkeeffame kana deeggaruuf gara iddoo kanaatti ni seenu.

HIS. 48:20

C. ‘Naannoo Geggeessaa Sanaa’

“Lafti kun Israaʼel keessatti dhaala isaa ni taʼa.” Lafichi “kan geggeessaa sanaa ni taʼa.”

HIS. 45:7, 8; 48:21, 22

D. “Buusii Qulqulluu”

Naannoon kun “qooda qulqulluu” akka taʼes ibsameera. Kutaan inni olii kan ‘Leewwotaa ti.’ Kun iddoo “qulqulleeffame” dha. Kutaan inni gidduu immoo “buusii qulqulluu lubootaaf kennamu” dha. Iddoon kun bakka “mana isaaniitiif, akkasumas iddoo qulqulluu mana qulqullummaa sanaaf” taʼu dha.

HIS. 45:1-5; 48:9-14

E. ‘Naannoo Isa Hafe’

‘Inni kan guutummaa mana Israaʼel ni taʼa,’ akkasumas “tajaajila kan biraatiif, jechuunis iddoo jireenyaa fi iddoo dheedichaatiif ni oola.”

HIS. 45:6; 48:15-19