Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 3

Gaaffiitti Fayyadamuu

Gaaffiitti Fayyadamuu

Maatewos 16:13-16

YAADA IJOO: Fedhii namootaa kakaasuuf, fedhiin isaanii akka itti fufu gochuuf, dhimmicha irratti akka yaadan gargaaruu fi qabxiiwwan barbaachisoo taʼan jabeessitee ibsuuf malaan gaaffii gaafadhu.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Fedhii namootaa kakaasi akkasumas akka itti fufu godhi. Deebii akka siif kennan utuu hin eegin gaaffii namoonni qabxicha irratti akka yaadan ykn deebii isaa baruuf akka hawwan godhu gaafadhu.

  • Barumsicha irratti akka yaadan godhi. Dhaggeeffattoonni kee xumura sirrii taʼe irra akka gaʼanii fi sababii itti wanti tokko taʼe akka hubatan gargaaruuf, gaaffiiwwan walitti aananii jiran gaafadhu.

  • Qabxiiwwan barbaachisoo taʼan jabeessii ibsi. Yaada ijoo taʼe tokko beeksisuuf gaaffii xiyyeeffannaa namaa harkisu tokko gaafadhu. Qabxii barbaachisaa taʼe tokko erga ibsitee booda ykn haasaa kee erga xumurtee booda gaaffiiwwan irra deebiitti fayyadami.