Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 4

Caqasoota Sirriitti Beeksisuu

Caqasoota Sirriitti Beeksisuu

Maatewos 22:41-45

YAADA IJOO: Caqasa tokko dubbisuu kee dura sammuu dhaggeeffattoota keetii qopheessi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Caqasicha maaliif akka dubbistu yaadi. Caqasa hunda dhaggeeffattoonni kee qabxii caqasichatti fayyadamtee ibsuu barbaaddu irratti akka xiyyeeffatan karaa godhuun beeksisi.

  • Kitaaba Qulqulluu akka ragaatti caqasi. Namoota Waaqayyotti amananitti yommuu dubbattu, Kitaabni Qulqulluun “Dubbii Waaqayyoo” taʼuu isaa fi kanaan kan kaʼes madda ogummaa hunda irra caalu taʼuu isaa akka hubatan godhi.

  • Caqasicha xiyyeeffannaadhaan akka hordofan kakaasi. Gaaffii caqasicha irraa deebii argatu tokko gaafadhu, rakkina caqasichi hiikuuf gargaaru tokko kaasi, ykn dhugaa buʼuuraa seenaa Kitaaba Qulqulluu sana keessatti ibsame tokko dubbadhu.