Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 5

Sirriitti Dubbisuu

Sirriitti Dubbisuu

1 Ximotewos 4:13

YAADA IJOO: Wanta barreeffamicha irra jiru sagalee kee ol kaasii akkuma jirutti dubbisi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Akka gaariitti qophaaʼi. Barreeffamichi maaliif akka qophaaʼe yaadi. Jechoota wal qabatanii jiran kopha kophaatti dubbisuu mannaa, walitti qabdee dubbisuuf shaakala godhi. Sirna tuqaalee hundumaa hubadhu.

  • Jecha hunda sagalee sirrii taʼeen dubbisi. Jecha tokko sagalee akkamiitiin akka dubbistu hin beektu yoo taʼe, dikshinarii irraa ilaali, barreeffamicha isa sagaleedhaan waraabame dhaggeeffadhu ykn namni akka gaariitti dubbisu akka si gargaru gaafadhu.

  • Ifa godhii dubbadhu. Mataa kee ol qabuu fi afaan kee balʼistee banuudhaan jechoota sagalee sirrii taʼeen dubbisi. Sagalee hundumaa sirriitti waamuuf carraaqqii godhi.