Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 10

Sagalee Jijijjiiruu

Sagalee Jijijjiiruu

Fakkeenya 8:4, 7

YAADA IJOO: Sagalee kee guddisuu fi xiqqeessuu, ol kaasuu fi gad buusuu, akkasumas saffisa isaa jijijjiiruudhaan yaada isaa ifatti dabarsi, akkasumas miira dhaggeeffattootaa kakaasi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Sagalee kee jijijjiiri. Yaadawwan ijoo taʼan addeessuu fi dhaggeeffattoota kee kakaasuuf, sagalee kee guddisi. Ergaa murtii Kitaaba Qulqulluu keessa jiru yommuu dubbistus akkasuma godhi. Waan tokko abdiidhaan akka eeggatan gochuuf ykn ergaa sodaa ykn yaaddoo qabu yommuu dabarsitu immoo sagalee kee xiqqeessi.

  • Ol kaʼiinsaa fi gad buʼiinsa sagalee kee jijijjiiri. Afaan keetti baramaa yoo taʼe, hawwii cimaa ibsuuf, hamma ykn fageenya wanta tokkoo argisiisuuf sagalee kee ol kaasi. Gadda ykn yaaddoo ibsuuf immoo sagalee kee gad buusi.

  • Saffisa sagalee kee jijijjiiri. Ergaa miira namaa kakaasu ibsuuf saffisaan dubbadhu. Qabxiiwwan barbaachisoo taʼan yommuu ibsitu suuta jedhii dubbadhu.