Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 14

Qabxiiwwan Guguddaa Adda Baasuu

Qabxiiwwan Guguddaa Adda Baasuu

Ibroota 8:1

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni haasaa kee akka hordofan gargaari, akkasumas qabxiiwwan guguddaan kaayyoo kee fi yaada ijoo barumsichaa wajjin akkamitti akka wal qabatan ifa godhi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Kaayyoo qabaadhu. Haasaan kee odeeffannoo kennuu, amansiisuu ykn hojiidhaaf kakaasuu keessaa isa kamiif akka qophaaʼe yaadi, achiis haala kanaan qophaaʼi. Qabxiiwwan guguddaan hundi kaayyoo kee galmaan gaʼuuf si gargaaruu isaanii mirkaneessi.

  • Yaada ijoo haasaa keetii addeessi. Jechoota ijoo yaada ijoo keetii irra deebitee caqasuudhaan ykn jechoota wal fakkaatanitti fayyadamuudhaan guutummaa haasaa kee keessatti yaada ijoo haasaa keetii caqasi.

  • Qabxiiwwan guguddaan ifaa fi salphaa akka taʼan godhi. Qabxiiwwan guguddaa yaada ijoo barumsa keetii wajjin wal qabatanii fi yeroo siif ramadame keessatti sirriitti barsiisuu dandeessu qofa filadhu. Qabxiiwwan guguddaa hin baayʼisin, qabxiiwwan guguddaa hunda ibsi, gidduu gidduu isaaniitti takka dhaabadhu, akkasumas qabxii guddaa tokko irraa gara isa kaaniitti suuta jedhii ceʼi.