Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 17

Salphaatti kan Namaa Galu

Salphaatti kan Namaa Galu

1 Qorontos 14:9

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni kee hiika ergaan kee qabu akka hubatan isaan gargaari.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Barumsicha gad fageenyaan qoʼadhu. Salphaattii fi jecha mataa keetiin ibsuu akka dandeessuuf barumsicha sirriitti hubadhu.

  • Himoota gaggabaaboo fi gaaleewwan salphaa taʼanitti fayyadami. Himoonni dhedheeroon fudhatama kan qaban taʼus, qabxiiwwan ijoo taʼan ibsuuf, gaaleewwanii fi himoota gaggabaabootti fayyadami.

  • Jechoota baramoo hin taane ibsi. Kan dandaʼamu taanaan jechoota dhaggeeffattoonni kee hin beeknetti hin fayyadamin. Jecha hin beekamne tokko, nama Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasame tokko ykn meeshaa safaraa ykn aadaa bara durii caqasuun yoo si barbaachise ibsa irratti kenni.