Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 20

Yaada Xumuraa Buʼa Qabeessa

Yaada Xumuraa Buʼa Qabeessa

Lallaba 12:13, 14

YAADA IJOO: Yaada xumuraa kee irratti, dhaggeeffattoonni wanta baratan akka fudhatanii fi akka hojii irra oolchan kakaasi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Yaada xumuraa kee guutummaa barumsa kee wajjin wal qabsiisi. Qabxiiwwan ijoo taʼanii fi yaada ijoo barumsichaa irra deebiʼi ykn jecha kan biraatiin dubbadhu.

  • Dhaggeeffattoota kee kakaasi. Dhaggeeffattoonni kee maal gochuu akka qabanii fi sababii quubsaa kana gochuu itti qaban ibsi. Wanta dubbattutti akka amantuu fi barbaachisaa taʼuu isaa haala argisiisuun garaadhaa dubbadhu.

  • Yaadni xumuraa kee salphaa fi gabaabaa akka taʼu godhi. Qabxiiwwan ijoo haaraa taʼan hin beeksisin. Hamma dandaʼametti jechoota muraasatti fayyadamiitii hojiidhaaf kakaasuudhaan xumuri.