Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 02

Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna

Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna

Namoonni addunyaa maratti argaman rakkoowwan akka gaddan, akka yaaddaʼanii fi akka dhiphatan isaan taasisan isaan mudatu. Haalli miirri akkasii akka sitti dhagaʼamu godhu si mudatee beekaa? Tarii waan dhukkubsatteef ykn nama jaallattu duʼaan waan dhabdeef dhiphachaa jirta taʼa. ‘Yeroo itti jireenyi fooyyaʼu ni dhufaa laata?’ jettee gaafatta taʼa. Kitaabni Qulqulluun gaaffii kanaaf deebii nama jajjabeessu kenna.

1. Kitaabni Qulqulluun abdii kan kennu akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun addunyaan rakkinaan kan guutame maaliif akka taʼe ibsuu qofa utuu hin taʼin, misiraachoo rakkoowwan kun yeroo muraasaaf akka turanii fi dhiheenyatti akka badan ibsus qabateera. Kitaabni Qulqulluun, ‘egeree gaarii fi abdii nuuf kenna.’ (Ermiyaas 29:11, 12 dubbisi.) Abdiiwwan kunis rakkoowwan yeroo ammaatti nu mudatan akka dandamannu, ilaalcha sirrii akka qabaannuu fi gammachuu bara baraa akka argannu nu gargaaru.

2. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun abdii akkamii kenna?

Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu” jedha. (Mulʼata 21:4 dubbisi.) Rakkoowwan yeroo ammaatti abdii nu kutachiisan kanneen akka hiyyummaa, jalʼina haqaa, dhukkubaa fi duʼaa hin jiraatan. Kana malees, ilmaan namootaa lafa Jannata taatu irra bara baraaf akka jiraatan abdii kenna.

3. Abdiiwwan Kitaabni Qulqulluun kennu akka raawwataman mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

Namoonni hedduun haalli addunyaa ni fooyyaʼa jedhanii abdatu, wantoonni abdatan kun garuu akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼuu hin dandaʼan. Haa taʼu malee, abdiiwwan Kitaabni Qulqulluun kennu dhugumaan ni raawwatamu. ‘Kitaabota Qulqulluu of eeggannoodhaan qoruudhaan,’ amanannaa wanta inni jedhu irratti qabnu cimsachuu dandeenya. (Hojii Ergamootaa 17:11) Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa yommuu deemtu, wanta inni waaʼee gara fuulduraa dubbatu amanuu fi dhiisuuf ofuma keetii murteessuu dandeessa.

CAALAATTI BARADHU

Wantoota Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraatti akka raawwataman abdii kenne tokko tokko qoradhu. Abdiin Kitaabni Qulqulluun kennu yeroo ammaatti akkamitti namoota gargaaraa akka jiru ilaali.

4. Kitaabni Qulqulluun rakkina tokko malee bara baraaf jiraachuu akka dandeenyu abdii kenna

Abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman armaan gadii ilaali. Abdiiwwan kanneen keessaa isa kam caalaatti jaallatta? Maaliif?

Caqasoota abdiiwwan kanneenitti aansanii argaman dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Caqasoonni kun kan si fayyadan sitti fakkaataa? Maatii fi michoonni kee hoo caqasoota kana irraa fayyadamuu kan dandaʼan sitti fakkaataa?

Addunyaa akkasii keessa jiraachuun maal akka fakkaatu yaadaan ilaali

NAMNI KAM IYYUU . . .

NAMNI HUNDI . . .

  • namni jaallatu duʼaa kaʼee yeroo deebiʼee lafa irra jiraatu ni arga.—Yohaannis 5:28, 29.

  • fayya buleessa taʼa, akkasumas humna dargaggummaa qabaata.—Iyyoob 33:25.

5. Abdiin Kitaaba Qulqulluu jijjiirama fida

Namoonni hedduun rakkoowwan naannoo isaaniitti arganiin kan kaʼe abdii kutatu, akkasumas ni aaru. Namoonni tokko tokko immoo haala jiru fooyyessuuf carraaqqii guddaa godhu. Abdiin Kitaabni Qulqulluun wantoonni hundi gara gaariitti akka jijjiiraman kenne yeroo ammaatti namoota kan gargaare akkamitti akka taʼe hubadhu. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Viidiyicha irratti akkuma mulʼatu jalʼina haqaa akkamiitu Raafikaa jeeqaa ture?

  • Jalʼinni haqaa ishiin argaa turte kan hin jijjiiramne taʼus, Kitaabni Qulqulluun kan ishii gargaare akkamitti?

Abdiin Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraa ilaalchisee kenne miira abdii kutachuu akka moonuu fi rakkoowwan keenya milkaaʼinaan akka dandamannu nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenya 17:22 fi Roomaa 12:12 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Ergaan abdii Kitaaba Qulqulluu keessa jiru yeroo ammaatti jireenya kee irratti jijjiirama kan fidu sitti fakkaataa? Maaliif?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Abdiiwwan Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraa ilaalchisee kenne ni raawwatamu jedhanii yaaduun ulfaataa dha.”

  • Ragaa abdiiwwan Kitaabni Qulqulluun kenne akka raawwataman ibsu ofuma keetiin qoruun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

MAAL BARATTE?

Kitaabni Qulqulluun waadaa yeroo gammachiisaa gara fuulduraatti dhufu ilaalchisee galame hedduu qabateera, kun immoo abdii akka qabaannuu fi yeroo ammaatti jireenyi keenya akka fooyyaʼu godha.

Irra Deebii

  • Namoonni abdiin kan isaan barbaachisu maaliifi?

  • Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

  • Gara fuulduraatti abdii akka qabdu beekuun kee yeroo ammaatti kan si fayyadu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Yeroo rakkinni si mudatu abdiin akkamitti akka si gargaaru baradhu.

“Abdii—Eessaa Argachuu Dandeessa?” (Dammaqaa!, Ebla 22, 2004)

Abdiin gara fuulduraa namoota dhukkuba yeroo dheeraadhaaf turu qaban gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubadhu.

“Dhukkuba Yeroo Dheeraadhaaf Turu yoo Qabaatte Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu Dandaʼaa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Muuziqaa viidiyoodhaan qophaaʼe kana yommuu ilaaltu, atii fi maatiin kee Jannata Kitaabni Qulqulluun abdachiise keessa yommuu jiraattan yaadaan ilaali.

Sitti haa Mul’atu (3:37)

Namni jijjiirama hawaasaatiif falmu tokko, abdii Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kenne erga dubbisee booda jireenyi isaa akkamitti akka jijjiirame dubbisi.

“Amma Addunyaa Jijjiiruu Akkan Qabu Natti hin Dhagaʼamu” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)