Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 03

Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhutti Amanuu ni Dandeessaa?

Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhutti Amanuu ni Dandeessaa?

Kitaabni Qulqulluun abdiiwwanii fi gorsawwan hedduu kenna. Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuuf hawwuun kee hin oolu; garuu immoo kan amanamu taʼuu isaa ni shakkita taʼa. Abdiiwwanii fi gorsawwan kitaaba durii kana keessatti argaman amanuu qabdaa? Wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu yeroo ammaatti nu fayyadaa? Gara fuulduraa ilaalchisee wanta inni dubbatutti hoo amanuu dandeenyaa? Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman wanta Kitaabni Qulqulluun jedhutti ni amanu. Atis ofuma keetiin Kitaaba Qulqulluu akka qorattu si affeerra.

1. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman dhugaa dhaa?

Kitaabni Qulqulluun “jechoota dhugaa” akka qabate dubbata. (Lallaba 12:10) Akkasumas taʼeewwan dhugaa taʼanii fi waaʼee namoota dhugumaan lubbuudhaan jiraachaa turanii ibsa. (Luqaas 1:3; 3:1, 2 dubbisi.) Hayyoonni seenaa fi arkiyooloojistoonni hedduun baroonni, namoonni, iddoowwanii fi taʼeewwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko dhugaa taʼuu isaanii mirkaneessaniiru.

2. Kitaabni Qulqulluun yeroon itti hin dabarre kan jennu maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee wantoota yeroo kitaabichi barreeffametti hin beekamne caqasa. Fakkeenyaaf, dhimmoota saayinsii wajjin wal qabatan ni ibsa. Namoonni baayʼeen yeroo Kitaabni Qulqulluun barreeffametti turan, dhimmoota kana ilaalchisee wanti inni dubbatu dhugaa taʼuu isaa hin amanan turan. Haa taʼu malee, saayinsiin ammayyaa wanti Kitaabni Qulqulluun jedhu dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera. Kitaabni Qulqulluun, ‘ammas taʼe bara baraaf yeroo hundumaa amansiisaa dha.’Faarfannaa 111:8.

3. Wanta Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee dubbatutti amanuu kan qabnu maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun, “wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamne” ilaalchisee raajii a dubbateera. (Isaayyaas 46:10) Taʼeewwan seenaa hedduun raawwatamuu isaanii yeroo dheeraa dura raajii sirrii dubbateera. Haalawwan addunyaa yeroo ammaatti argamanis gad fageenyaan ibseera. Barumsa kana keessatti, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu muraasa irratti mariʼanna. Raajiiwwan kun guutummaatti raawwatamuun isaanii baayʼee nama dinqisiisa!

CAALAATTI BARADHU

Saayinsiin ammayyaa Kitaaba Qulqulluu wajjin akkamitti akka wal simu qoradhu, akkasumas raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu dinqisiisoo taʼan muraasa qoʼadhu.

4. Saayinsiin Kitaaba Qulqulluu wajjin wal sima

Bara duriitti namoonni hedduun lafti wanta taʼe tokko irra teessee jirti jedhanii amanu turan. VIIDIYICHA taphachiisaa.

Wanta waggoota 3,500 dura kitaaba Iyyoob keessatti galmeeffame hubadhu. Iyyoob 26:7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yaanni lafti “homtuu utuu jala hin jiraatin” akka rarraafamte ibsu kan nu dinqisiisu maaliifi?

Marsaan bishaanii sirriitti kan hubatame gara waggoota 200 dura dha. Taʼus, wanta Kitaabni Qulqulluun gara waggoota 3,500 dura dubbate hubadhu. Iyyoob 36:27, 28 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Ibsi salphaan waaʼee marsaa bishaanii dubbatu kun dinqisiisaa kan taʼe maaliifi?

  • Caqasoonni ati amma dubbiste kun amanannaa Kitaaba Qulqulluu irratti qabdu siif cimsaniiruu?

5. Kitaabni Qulqulluun taʼeewwan guguddaa tokko tokko ilaalchisee raajii dubbateera

Isaayyaas 44:27–45:2 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Kitaabni Qulqulluun Baabilon kufuu ishii waggoota 200 dura raajii ibsa balʼaa qabu akkamii dubbateera?

Seenaan akka mirkaneessutti, Qiiros inni mootii Faarsi taʼee fi raayyaan isaa Dh.K.D. b bara 539⁠tti magaalaa Baabilon injifataniiru. Raayyaan isaa laga magaalattiidhaaf eegumsa godhu jalʼise. Karrawwan utuu hin cufamin hafaniin erga seenanii boodas, waraana tokko malee magaalattii qabatan. Baabilon waggoota 2,500 ol booda illee akkuma diigamtetti jirti. Wanta Kitaabni Qulqulluun dursee dubbate qoradhu.

Isaayyaas 13:19, 20 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Wanti Baabilon irra gaʼe raajiin kun raawwatamuu isaa kan mirkaneessu akkamitti?

Diiggaa Baabilon isa Iraaq harʼaa keessatti argamu

6. Kitaabni Qulqulluun wantoota yeroo ammaatti argaa jirru dursee dubbateera

Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru dubbata. (2 Ximotewos 3:1) Wanta Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaa ilaalchisee dursee dubbate qalbeeffadhu.

Maatewos 24:6, 7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Kitaabni Qulqulluun waaʼee guyyoota dhumaa kan ibsu akkamitti?

Ximotewos Lammaffaa 3:1-5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Kitaabni Qulqulluun amala namoonni guyyoota dhumaa keessa jiran baayʼeen argisiisan kan ibsu akkamitti?

  • Atoo amalawwan kana keessaa isa kam argiteetta?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Kitaabni Qulqulluun yaada namootaa ti.”

  • Wanti Kitaaba Qulqulluutti amanamuu akka dandeenyu caalaatti si amansiise maali dha?

MAAL BARATTE?

Seenaan, saayinsiinii fi raajiin hundi, Kitaaba Qulqulluutti amanamuu akka dandeessu argisiisu.

Irra Deebii

  • Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman dhugaa dhaa?

  • Karaawwan saayinsiin Kitaaba Qulqulluu wajjin itti wal simu tokko tokko kam faʼi?

  • Kitaabni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa akka dubbatu ni amantaa? Maaliif?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu Bulchiinsa Giriikii ilaalchisee dubbataman akkamitti akka raawwataman baradhu.

“Dubbii Raajiitiin Jabaadhaa” (5:22)

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu ilaalcha namni tokko Kitaaba Qulqulluudhaaf qabu akkamitti akka jijjiiran hubadhu.

“Waaqayyo Hin Jiru Jedheen Amana Ture” (Masaraa Eegumsaa Lakk. 5 2017)

a Raajii jechuun ergaawwan Waaqayyo biraa dhufanii fi waaʼee taʼeewwan gara fuulduraa dubbatan jechuu dha.

b Dh.K.D. jechuun “Dhaloota Kiristoos Dura” jechuu dha; Dh.K.B. jechuun immoo “Dhaloota Kiristoos Booda” jechuu dha.