Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 04

Waaqni Dhugaan Eenyu?

Waaqni Dhugaan Eenyu?

Ilmaan namootaa erga uumamanii kaasee jechuun ni dandaʼamaa, waaqolii hedduu waaqeffachaa turaniiru. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun Waaqni “waaqolii kan biroo hundumaa irra . . . caalu” tokko akka taʼe ibsa. (2 Seenaa Baraa 2:5) Waaqni kun eenyu? Wanti waaqolii namoonni waaqeffatan kan biroo hundumaa irra akka caalu isa taasisu hoo maali dha? Barumsa kana keessatti wanta Waaqni kun waaʼee isaa akka beektu barbaadu baradhu.

1. Maqaan Waaqayyoo eenyu? Maqaa kana akka beeknu kan barbaadu taʼuu isaa akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu keessatti eenyummaa isaa nuuf ibseera. “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana” jedheera. (Isaayyaas 42:5, 8 dubbisi.) Hayyoonni hedduun akka jedhanitti maqaan “Yihowaa” jedhu Afaan Ibrootaatiin hiikni isaa “Akka Taʼu Godha” jechuu dha. Yihowaan maqaa isaa akka beeknu barbaada. (Baʼuu 3:15) Garuu waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Maqaan isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa 7,000 ol akka barreeffamu godheera! a Maqaan Yihowaa jedhu, maqaa Waaqni “ol samii irrattis taʼe gad lafa irratti Waaqa dhugaa” taʼe qofti ittiin waamamu dha.—Keessa Deebii 4:39.

2. Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa maal nutti hima?

Kitaabni Qulqulluun waaqolii namoonni waaqeffatan hundumaa keessaa Waaqni dhugaan Yihowaa qofa akka taʼe dubbata. Maaliif? Sababiiwwan hedduutu jira. Yihowaan aangoo hundumaa irra caalu qaba, kanaafuu inni ‘guutummaa lafaa irratti kophaa isaa Hundaa Oli.’ (Faarfannaa 83:18 dubbisi.) Inni Waaqa “Hundumaa Dandaʼu” dha; kana jechuun wanta barbaade kam iyyuu gochuuf humna qaba jechuu dha. “Wantoota hundumaa,” jechuunis uumama cufaa fi jireenya lafa irra jiru hundumaa kan uume isa dha. (Mulʼata 4:8, 11) Yihowaan qaama kam irraa iyyuu haala adda taʼeen yeroo hundumaa kan jiruu fi bara baraaf kan jiraatu dha.—Faarfannaa 90:2.

CAALAATTI BARADHU

Garaa garummaa maqaawwan ulfinaa Waaqayyoo fi maqaa dhuunfaa isaa gidduu jiru qoradhu. Achiis maqaa isaa kan siif ibse akkamitti akka taʼee fi maaliif akka taʼe baradhu.

3. Waaqayyo maqaawwan ulfinaa hedduu kan qabu taʼus, maqaan dhuunfaa isaa garuu tokko qofa dha

Garaa garummaa maqaa ulfinaa fi maqaa dhuunfaa gidduu jiru beekuuf, VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Garaa garummaan maqaa ulfinaa kan akka “Gooftaa” jedhuu fi maqaa dhuunfaa gidduu jiru maali dha?

Kitaabni Qulqulluun namoonni waaqolii fi gooftolii hedduu akka waaqeffatan dubbata. Faarfannaa 136:1-3 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • ‘Waaqni waaqolii’ fi ‘Gooftaan gooftotaa’ eenyu?

4. Yihowaan maqaa isaa akka beektuu fi akka itti fayyadamtu barbaada

Yihowaan maqaa isaa akka beektu kan barbaadu taʼuu isaa wanti argisiisu maali dha? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Yihowaan maqaan isaa akka beekamu ni barbaada jettee yaaddaa? Maaliif?

Yihowaan namoonni maqaa isaatti akka fayyadaman barbaada. Roomaa 10:13 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhutti fayyadamuun hammam barbaachisaa dha?

  • Namni tokko maqaa kee yaadatee yommuu ittiin si waamu maaltu sitti dhagaʼama?

  • Yihowaan maqaa isaatti yommuu fayyadamtu maaltu isatti dhagaʼama jettee yaadda?

5. Yihowaan caalaatti akka isatti dhihaattu barbaada

Dubartiin Sootan jedhamtuu fi lammii Kaamboodiyaa taate maqaa Waaqayyoo beekuun “miira namatti dhagaʼamu kam irra iyyuu kan caalu” taʼuu isaa dubbatteetti. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Akkuma viidiyicha irratti ibsame, Sootan maqaa Waaqayyoo beekuun ishii jireenya ishii irratti jijjiirama akkamii fide?

Nama tokko wajjin michuu taʼuu kee dura maqaa isaa barta. Yaaqoob 4:8a dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan maal akka gootu si affeereera?

  • Maqaa Waaqayyoo beekuun kee fi itti fayyadamuun kee caalaatti isatti dhihaachuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Waaqa tokko qofatu jira, kanaaf maqaa kamiin iyyuu yoo isa waamte rakkina hin qabu.”

  • Maqaan Waaqayyoo Yihowaa taʼuu isaa ni amantaa?

  • Waaqayyo maqaa isaatti akka fayyadamnu kan barbaadu taʼuu isaa akkamitti ibsuu dandeessa?

MAAL BARATTE?

Maqaan Waaqa dhugaa isa tokkichaa Yihowaa dha. Isatti dhihaachuu akka dandeenyuuf, maqaa kana akka beeknuu fi akka itti fayyadamnu barbaada.

Irra Deebii

  • Yihowaan waaqolii namoonni waaqeffatan kaan hunda irraa adda kan taʼe akkamitti?

  • Maqaa Waaqayyootti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?

  • Yihowaan akka isatti dhihaattu kan barbaadu taʼuu isaa wanti argisiisu maali dha?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Sababiiwwan Waaqayyo jiraachuu isaa mirkanaaʼoo itti taane shan qoradhu.

“Waaqayyo Jiraa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Waaqayyo yeroo hundumaa jira jedhanii amanuun sirrii kan taʼe maaliif akka taʼe hubadhu.

“Waaqayyoon Eenyutu Uume?” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

Maqaan Waaqayyoo bara duriitti akkamitti akka waamamu beekuu baannus, itti fayyadamuu kan qabnu maaliif akka taʼe baradhu.

“Yihowaan Eenyu Dha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Waaqayyoon maqaa kamiin iyyuu waamuun jijjiirama fidaa? Maqaa dhuunfaa tokko qofa qaba kan jennu maaliif akka taʼe hubadhu.

“Waaqayyo Maqaa Meeqa Qaba?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

a Hiika maqaan Waaqayyoo qabuu fi hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko maqaa isaa kana kan baasan maaliif akka taʼe odeeffannoo dabalataa argachuuf, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa irraa Kutaa Dabalataa A4 ilaali.