Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 06

Jireenyi kan Jalqabe Akkamitti?

Jireenyi kan Jalqabe Akkamitti?

Waaqayyo “madda jireenyaa ti.” (Faarfannaa 36:9) Atoo kanatti ni amantaa? Namoonni tokko tokko jireenyi akkasumaan argame jedhanii yaadu. Kun dhugaa yoo taʼe jireenya kan arganne akkuma tasaa ti jechuu dha. Jireenya kan uume Yihowaa yoo taʼe garuu jireenyi kaayyoo qabaachuu qaba. a Seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee madda jireenyaa ibsuu fi seenaan kun sirrii dha kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

1. Lafaa fi samii kan uume eenyu?

Kitaabni Qulqulluun “Jalqaba irratti Waaqayyo samii fi lafa uume” jedha. (Uumama 1:1) Saayintistoonni baayʼeen hawaan (universe) jalqaba qaba jedhanii amanu. Waaqayyo hawaa kan uume akkamitti? Gaalaaksiiwwan, urjiilee fi pilaaneetota dabalatee hawaa uumuuf hafuura qulqulluu isaatti, jechuunis ‘humna isaa isa hojii irra jirutti’ fayyadameera.—Uumama 1:2.

2. Waaqayyo lafa kan uume maaliifi?

Yihowaan “bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan [lafa] hin uumne.” (Isaayyaas 45:18) Inni pilaaneetii keenya kan uume bakka mijattuu ilmaan namootaa bara baraaf irra jiraatan akka taatuufi. (Isaayyaas 40:28 fi 42:5 dubbisi.) Saayintistoonni lafti pilaaneetota kaan irraa adda akka taate dubbatu. Pilaaneetiin jireenyaaf mijattuu taate lafa qofa dha.

3. Ilmaan namootaa bineeldota irraa adda kan isaan taasisu maali dha?

Yihowaan lafa erga uumee booda wantoota lafa irra jiraatan uume. Jalqaba lafti biqiltootaa fi bineeldotaan akka guutamtu godhe. Achiis ‘Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume.’ (Uumama 1:27 dubbisi.) Wanti ilmaan namootaa adda taasisu maali dha? Akka bifa Waaqayyootti waan uumamneef amaloota isaa kanneen akka jaalalaa fi haqaa calaqqisiisuu dandeenya. Kana malees, dandeettii afaan barachuu, wantoota babbareedoo dinqisiifachuu fi muuziqaatti gammaduu nuu kenneera. Bineeldota irraa haala adda taʼeen immoo Uumaa keenya waaqeffachuu dandeenya.

CAALAATTI BARADHU

Ragaa jireenyi akka uumame argisiisuu fi seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee uumamaa ibsu sirrii taʼuu isaa qoradhu. Amaloonni gaggaariin ilmaan namootaa qaban waaʼee Waaqayyoo maal akka nu barsiisan baradhu.

4. Jireenyi uumamaan argame

Namoonni diizaayinoota uumama ilaaluudhaan fakkeessanii hojjetaniin beekamtii argatu. Maarree diizaayinii isa jalqabaatiif beekamtii argachuu kan qabu eenyu? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Wantoonni ilmaan namootaa uumama ilaaluudhaan fakkeessanii hojjetan maal faʼi?

Manni hundi qaama diizaayinii isaa baasee fi ijaare qaba. Diizaayinii uumama keessatti argamu kan baasee fi kan tolche hoo eenyu? Ibroota 3:4 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Wantoota uumaman keessaa kan baayʼee si dinqisiisan kam faʼi?

  • Hawaanii fi wantoonni isa keessa jiran hundi uumamaan argaman jedhanii amanuun sirrii dhaa? Maaliif?

Kana beektaa?

Mata dureewwan, akkasumas viidiyoowwan waaʼee kanaa ibsanii fi jw.org irratti walitti aansanii baʼan kutaa “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhuu fi “Yaadawwan Dhufaatii Jireenyaa Ilaalchisee Kennaman” jedhu jalaa argachuu dandeessa.

“Manni hundi nama taʼe tokkoon akka ijaaramu beekamaa dha; inni wantoota hundumaa tolche garuu Waaqayyo dha”

5. Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee uumamaa ibsu sirrii dha

Kitaabni Qulqulluun Uumama boqonnaa 1 irratti waaʼee uumama lafaa fi jireenya achi irratti argamuu ibsa. Seenaa kanatti ni amantaa? Moo seenaan kun sheekkoo dha jettee yaadda? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Kitaabni Qulqulluun laftii fi jireenyi lafa irratti argamu guyyoota jaʼa keessatti akka uumaman barsiisaa?

  • Seenaan uumamaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu dhugaa fi amansiisaa sitti fakkaataa? Maaliif?

Uumama 1:1 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Saayintistoonni hawaan jalqaba akka qabu dubbatu. Wanti isaan itti amanan wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbistee wajjin kan wal simu akkamitti?

Namoonni tokko tokko Waaqayyo jireenya uumuuf jijjiirama tirannaatti fayyadamee taʼuu dandaʼa jedhanii yaadu. Uumama 1:21, 25, 27 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo uumama tokko erga uumee booda uumamni sun suutuma suuta gara qurxummiitti, bineeldotaa fi namootatti akka jijjiirame barsiisaa? Moo Waaqayyo jireenya hunda akka “akaakuu” isaatti uume? b

6. Uumamawwan Waaqayyoo keessaa ilmaan namootaa adda dha

Ilmaan namootaa fi bineeldota kan uume Yihowaa dha. Haa taʼu malee, wantoonni ilmaan namootaa bineeldota irraa adda godhan jiru. Uumama 1:26 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Akka bifa Waaqayyootti waan uumamneef dandeettiin jaalalaa fi gara laafina argisiisuuf qabnu waaʼee eenyummaa Waaqayyoo maal nu hubachiisa?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Seenaan uumamaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu sheekkoo dha.”

  • Atoo maal jetta? Maaliif?

MAAL BARATTE?

Hawaa fi jireenya hunda kan uume Yihowaa dha.

Irra Deebii

  • Kitaabni Qulqulluun uumama hawaa ilaalchisee maal barsiisa?

  • Waaqayyo jireenyi akaakuu garaa garaa uumama tokko irraa suutuma suuta akka dhufan godhe moo hunda isaanii uume?

  • Wanti ilmaan namootaa adda taasisu maali dha?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Uumamawwan Uumaan akka jiru argisiisan ilaali.

“Uumamni Maal Nu Barsiisa?” (Dammaqaa!, Fulbaana 2006)

Abbaan tokko seenaa uumamaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu ilma isaatiif akkamitti akka ibsu ilaali.

“Wantoota Hundumaa kan Uume Yihowaadha” (2:37)

Jijjiiramni tirannaa Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal simu taʼuu fi dhiisuu isaa qoradhu.

“Waaqayyo Lubbu Qabeeyyii Garaagaraa Uumuuf Jijjiirama Tirannaatti Fayyadameeraa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Hambaaleen durii ykn argannoowwan saayinsii jireenyi uumamaan ykn akkuma tasaa akka argame kan argisiisu taʼuu fi dhiisuu isaa qoradhu.

Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan (birooshura)

a Barumsi 25ffaan kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu ibsa.

b Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “akaakuu” jedhu garee uumamawwan jiraatoo hedduu argisiisa.