Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 07

Yihowaan Waaqa Akkamiiti?

Yihowaan Waaqa Akkamiiti?

Waaʼee Yihowaa yommuu yaaddu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Waaqa dinqisiisaa, garuu immoo akkuma urjiilee si irraa fagaatanii jiranii fagoo akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Moo qaama akkuma kakawwee humna guddaa qabuu fi eenyummaa mataa isaa hin qabnee akka taʼe sitti dhagaʼama? Dhuguma Yihowaan Waaqa akkamiiti? Yihowaan karaa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼeen amalawwan isaa tokko tokkoo fi akka siif yaadu ibseera.

1. Waaqayyoon arguu kan hin dandeenye maaliifi?

“Waaqayyo hafuura.” (Yohaannis 4:24) Yihowaan qaama foonii hin qabu. Inni qaama hafuuraa samii nuti arguu hin dandeenye keessa jiraatu dha.

2. Amalawwan Yihowaa keessaa tokko tokko kam faʼi?

Yihowaan ijaan kan hin argamne taʼus, qaama dhugumaan jiruu fi amalawwan warra isa beekan biratti akka jaallatamu isa taasisan qabu dha. Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan haqa ni jaallata, warra isaaf amanamoo taʼanis hin gatu” jedha. (Faarfannaa 37:28) Kana malees, inni keessattuu warra rakkina keessa jiraniif, “jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa dha.” (Yaaqoob 5:11) “Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; warra abdii kutatanis ni oolcha.” (Faarfannaa 34:18, miiljalee) Gochi keenya Yihowaa gammachiisuu ykn gaddisiisuu akka dandaʼu hoo beektaa? Namni wantoota hamoo raawwatu isa mufachiisa, akkasumas isa gaddisiisa. (Faarfannaa 78:40, 41) Namni wanta sirrii taʼe raawwatu garuu isa gammachiisa.—Fakkeenya 27:11 dubbisi.

3. Yihowaan akka nu jaallatu kan argisiise akkamitti?

Amalawwan Yihowaa keessaa inni guddaan jaalala. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo jaalala kan qabu qofa utuu hin taʼin, ofuma isaatii iyyuu “jaalala” akka taʼe dubbata. (1 Yohaannis 4:8) Yihowaan karaa Kitaaba Qulqulluu qofa utuu hin taʼin wantoota uumeenis jaalala isaa argisiiseera. (Hojii Ergamootaa 14:17 dubbisi.) Mee fakkeenyaaf akkamitti akka nu uume haa ilaallu. Dandeettii halluuwwan babbareedoo ilaaluu, muuziqaa nama gammachiisu dhaggeeffachuu fi nyaata miʼaawaa dhandhamuu nuu kenneera. Inni jireenyatti akka gammannu barbaada.

CAALAATTI BARADHU

Yihowaan wantoota dinqisiisoo raawwachuuf maalitti akka fayyadamu baradhu. Achiis amalawwan isaa warra nama hawwatan kan argisiise akkamitti akka taʼe hubadhu.

4. Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha

Akkuma nuti hojii hojjechuuf harka keenyatti fayyadamnu, Yihowaanis hafuura isaatti fayyadama. Kitaabni Qulqulluun, hafuurri qulqulluun qaama mataa isaa kan qabu utuu hin taʼin, humna Waaqayyo wantoota tokko tokko raawwachuuf itti fayyadamu akka taʼe dubbata. Luqaas 11:13 fi Hojii Ergamootaa 2:17 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Waaqayyo namoota hafuura isaa isa kadhataniif hafuura qulqulluu isaa isaan irratti “dhangalaasa.” Maarree hafuurri qulqulluun qaama mataa isaa kan qabu moo humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha jettee yaadda? Akkas kan jette maaliifi?

Yihowaan wantoota dinqisiisoo taʼan raawwachuuf hafuura isaatti fayyadama. Faarfannaa 33:6 a fi 2 Pheexiros 1:20, 21 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Wantoonni Yihowaan hafuura isaatti fayyadamee raawwate tokko tokko kam faʼi?

5. Yihowaan amalawwan nama hawwatan qaba

Museen waggoota hedduudhaaf Waaqayyoon tajaajilaa kan ture taʼus, Uumaa isaa caalaatti beekuun akka isa barbaachisu isatti dhagaʼamee ture. Kanaafuu, Yihowaadhaan, ‘Akkan si beekuuf daandiiwwan kee na beeksisi’ jedheera. (Baʼuu 33:13) Yihowaanis amalawwan isaa tokko tokko Museedhaaf ibseera. Baʼuu 34:4-6 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan Museedhaaf amalawwan isaa keessaa warra kamfaa ibse?

  • Amalawwan Yihowaa keessaa baayʼee kan sitti tolu isa kami?

6. Yihowaan namootaaf ni yaada

Ibroonni warri saba Waaqayyoo turan Gibxii keessatti garbummaa jala turan. Sabni isaa yommuu rakkatu Yihowaatti maaltu dhagaʼame? OODIYOO kana taphachiisaatii hordofaa ykn Baʼuu 3:1-10 dubbisaa. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Seenaan kun rakkina ilmaan namootaa ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu si hubachiisa?—Lakkoofsa 7 fi 8 ilaali.

  • Yihowaan namoota gargaaruuf fedhii fi humna akka qabu sitti dhagaʼamaa? Maaliif?

7. Uumamni amalawwan Yihowaa mulʼisa

Yihowaan wantoota uumeen amalawwan isaa ibseera. VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis Roomaa 1:20 dubbisaa, akkasumas gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Wantoota Yihowaan uume irraa amalawwan isaa kamfaa hubatte?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Waaqayyo qaama mataa isaa kan qabu utuu hin taʼin, humna bakka hundatti argamu dha.”

  • Atoo maal jetta?

  • Akkas kan jette maaliifi?

MAAL BARATTE?

Yihowaan Qaama Hafuuraa ijaan hin mulʼannee fi amalawwan nama hawwatan hedduu qabu dha; isaan keessaa inni guddaan jaalala.

Irra Deebii

  • Yihowaa arguu kan hin dandeenye maaliifi?

  • Hafuurri qulqulluun maali dha?

  • Amalawwan Yihowaa keessaa tokko tokko kam faʼi?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Waaʼee amalawwan Yihowaa warra guguddaa taʼan arfanii barachuudhaan hubannaa qabdu guddifadhu.

“Waaqayyo Amala Akkamii Qaba?” (Masaraa Eegumsaa Lakk. 1 2019)

Ragaa Yihowaan bakka hundatti akka hin argamne ibsu ilaali.

“Waaqayyo Yeroo Hunda, Bakka Hundatti Argamaa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Kitaabni Qulqulluun, hafuura qulqulluu harka Waaqayyoo akka taʼetti kan ibsu maaliif akka taʼe ilaali.

“Hafuurri Qulqulluun Maali Dha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Namni qaro dhabeessa taʼe tokko Waaqayyo akka isa jaallatu amanuun isatti ulfaatee ture. Ilaalcha isaa akka jijjiiru kan isa taasise maal akka taʼe dubbisi.

“Amma Namoota Kaan Gargaaruu Akkan Dandaʼu Natti Dhagaʼama” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

a Jechi Afaan Ibrootaa Faarfannaa 33:6 irratti “hafuura” jedhamee hiikame “humna hafuuraa” jedhamees hiikamuu ni dandaʼa.