Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 08

Michuu Yihowaa Taʼuu ni Dandeessa

Michuu Yihowaa Taʼuu ni Dandeessa

Yihowaan caalaatti akka isa beektu barbaada. Maaliif? Waaʼee amalawwan isaa, akkaataa inni wantoota tokko tokko itti raawwatuu fi kaayyoo isaa caalaatti beekaa yommuu deemtu michuu isaa taʼuuf fedhiin qabdus caalaatti dabalaa akka deemu waan beekuufi. Dhuguma garuu michuu Waaqayyoo taʼuu ni dandeessaa? (Faarfannaa 25:14 dubbisi.) Michuu isaa taʼuuf maal gochuu qabda? Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan kanneeniif deebii kenna, akkasumas michummaan Yihowaa wajjin qabdu michummaa kam irra iyyuu kan caalu maaliif akka taʼe ibsa.

1. Yihowaan affeerraa akkamii siif dhiheesse?

“Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.” (Yaaqoob 4:8) Kun maal jechuu dha? Yihowaan michuu isaa akka taatu si affeeraa jira. Namoonni tokko tokko Waaqayyoon arguu waan hin dandeenyeef, michuu isaa taʼuu akka dandaʼan amanuun isaanitti ulfaata taʼa. Taʼus, Yihowaan Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe keessatti isatti dhihaachuu akka dandeenyuuf waaʼee amalawwan isaa wanta beekuun nu barbaachisu hunda nuuf ibseera. Matumaa Yihowaa arginee kan hin beekne taanus, ergaa isaa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu yommuu dubbisnu, michummaan isaa wajjin qabnu ni cima.

2. Yihowaan michoota qabdu hundumaa irra ni caala kan jennu maaliifi?

Yihowaa caalaa namni si jaallatu hin jiru. Inni gammachuu akka qabaattuu fi yeroo gargaarsi si barbaachisu hundatti akka isa kadhattu barbaada. ‘Inni siif waan yaaduuf, yaaddoo kee hundumaa isa irratti gatuu’ dandeessa. (1 Pheexiros 5:7) Yihowaan michoota isaa deeggaruuf, jajjabeessuu fi dhaggeeffachuuf yoom iyyuu qophaaʼaa dha.—Faarfannaa 94:18, 19 dubbisi.

3. Yihowaan michoonni isaa maal akka godhan barbaada?

Yihowaan namoota hundumaa ni jaallata; “warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba.” (Fakkeenya 3:32) Yihowaan michoonni isaa wanta inni gaarii akka taʼetti ilaalu gochuuf akka carraaqan, wanta inni hamaa akka taʼetti ilaalu irraa immoo akka fagaatan barbaada. Namoonni tokko tokko ulaagaalee Yihowaan wanta gaarii fi hamaa taʼeef baasee wajjin matumaa wal simanii jiraachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama taʼa. Taʼus, Yihowaan Waaqa gara balʼeessa taʼe dha. Namni garaadhaa isa jaallatuu fi isa gammachiisuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godhu kam iyyuu isa biratti fudhatama qaba.—Faarfannaa 147:11; Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

CAALAATTI BARADHU

Michuu Yihowaa taʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe caalaatti baradhu; Yihowaan michoota qabdu hundumaa irra kan caalu maaliif akka taʼe hubadhu.

4. Abrahaam michuu Yihowaa ture

Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Abrahaam (Abraam jedhamees ni waamamaa) dubbatu michuu Waaqayyoo taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Uumama 12:1-4 irraa waaʼee Abrahaam dubbisaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan Abrahaam maal akka godhu isa gaafate?

  • Yihowaan waadaa akkamii isaaf gale?

  • Abrahaam qajeelfama Yihowaatiif deebii akkamii kenne?

5. Yihowaan michoota isaa irraa maal eega?

Yeroo baayʼee michoonni keenya wantoota tokko tokko akka nuuf godhan isaan irraa eegna.

  • Atoo wantoonni michoonni kee akka siif godhan barbaaddu tokko tokko maal faʼi?

Yohaannis Tokkoffaa 5:3 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan michoota isaa irraa maal eega?

Yihowaadhaaf ajajamuuf amalawwan keenya tokko tokko jijjiiruun nu barbaachisa taʼa. Isaayyaas 48:17, 18 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan michoonni isaa jijjiirama akka godhan kan isaan irraa eegu maaliifi?

Michuu gaariin wantoota eegumsa nuuf godhanii fi nu fayyadan nutti hima. Yihowaanis michoota isaatiif akkasuma godha

6. Yihowaan michoota isaatiif maal godha?

Yihowaan michoonni isaa rakkoowwan isaan irra gaʼan akka dandamatan isaan gargaara. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Yihowaan dubartiin viidiyicha irra jirtu yaadaa fi miira dogoggoraa ishiitti dhagaʼamu akka dandamattu kan ishii gargaare akkamitti?

Isaayyaas 41:10, 13 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan michoota isaa hundaaf maal gochuuf waadaa galeera?

  • Yihowaan michuu gaarii siif taʼuu waan dandaʼu sitti fakkaataa? Maaliif?

Michoonni dhugaan yeroo gargaarsi si barbaachisutti si gargaaru. Yihowaanis si gargaara

7. Michuu Yihowaa taʼuun waliin dubbachuu gaafata

Michoonni yommuu waliin dubbatan caalaatti walitti dhihaatu. Faarfannaa 86:6, 11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaa waliin dubbachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Yihowaan hoo kan nutti dubbatu akkamitti?

Nuti kadhannaadhaan Yihowaatti dubbanna; inni immoo karaa Kitaaba Qulqulluu nutti dubbata

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Michuu Waaqayyoo taʼuun matumaa hin dandaʼamu.”

  • Michuu Yihowaa taʼuu akka dandeenyu ibsuuf caqasa Kitaaba Qulqulluu kamitti fayyadamta?

MAAL BARATTE?

Yihowaan Michuu kee taʼuu barbaada; isatti dhihaachuu akka dandeessus si gargaara.

Irra Deebii

  • Yihowaan michoota isaa kan gargaaru akkamitti?

  • Yihowaan michoonni isaa jijjiirama akka godhan kan isaanitti himu maaliifi?

  • Yihowaan michoonni isaa wanta humna isaaniitii ol taʼe akka raawwatan kan isaan irraa eegu sitti fakkaataa? Maaliif?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Waaqayyoo wajjin michummaa uumuun jireenya kee irratti jijjiirama fiduu kan dandaʼu akkamitti?

“Yihowaan Waaqa Beekuu Qabnu Dha” (Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 15, 2003)

Michummaan dubartiin takka Yihowaa wajjin qabdu jireenya ishii irratti jijjiirama kan fide akkamitti akka taʼe hubadhu.

“Duʼuu hin Barbaadun Ture!” (Masaraa Eegumsaa Lakk. 1 2017)

Dargaggoonni waaʼee Yihowaa wanta isaanitti dhagaʼamu yommuu dubbatan dhaggeeffadhu.

Michuu Waaqayyoo Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha? (1:46)