Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 12

Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu Kee Itti Fufuuf Maaltu Si Gargaara?

Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu Kee Itti Fufuuf Maaltu Si Gargaara?

Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun ulfaataa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Qoʼachuun keenya garuu eebbaa fi faayidaa hedduu nuuf argamsiisa. Tarii yeroo tokko tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee itti fufuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee itti fufuuf, carraaqqii gochuun kee kan si hin gaabbisiisne maaliifi? Haalli rakkisaan jiraatus, qoʼachuu kee itti fufuuf maaltu si gargaara?

1. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun faayidaa qaba kan jennu maaliifi?

“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha.” (Ibroota 4:12) Kitaabni Qulqulluun yaada Waaqayyoo fi jaalala inni siif qabu waan ibsuuf faayidaa qaba. Beekumsa qofa utuu hin taʼin, ogummaa fi abdii dhugaa akka qabaattu si gargaara. Hunda caalaa immoo, michuu Yihowaa taʼuuf si gargaara. Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼattu humni isaa jireenya kee irratti jijjiirama gaarii akka fidu heyyamta.

2. Faayidaa dhugaan Kitaaba Qulqulluu qabu hubachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman, qabeenya gatii guddaa qabuu wajjin wal fakkaatu. Kitaabni Qulqulluun, ‘Dhugaa bitadhu, matumaas isa hin gurgurin’ jedhee kan nu jajjabeessu kanaafi. (Fakkeenya 23:23) Faayidaa dhugaan Kitaaba Qulqulluu qabu kan hubannu yoo taʼe wantoonni gufuu taʼan yoo nu mudatanis, qoʼachuu keenya itti fufuuf carraaqqii cimaa goona.—Fakkeenya 2:4, 5 dubbisi.

3. Yihowaan qoʼachuu kee akka itti fuftu kan si gargaaru akkamitti?

Yihowaan Uumaa hundumaa dandaʼuu fi Michuu kee waan taʼeef, waaʼee isaa akka barattu si gargaaruu barbaada. ‘Fedhii fi humna hojiidhaaf si barbaachisu’ sii kennuu dandaʼa. (Filiphisiyus 2:13 dubbisi.) Kanaafuu, yeroo tokko tokko qoʼachuuf ykn wanta baratte hojii irra oolchuuf kakaʼumsi dabalataa yoo si barbaachise si gargaaruu dandaʼa. Gufuu ykn mormii si mudate moʼuuf humni dabalataa yoo si barbaachises sii kennuu dandaʼa. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee itti fufuuf akka si gargaaru, yeroo hundumaa kadhannaadhaan isa gaafadhu.—1 Tasalonqee 5:17.

CAALAATTI BARADHU

Hojiin kan sitti baayʼatu ykn mormiin kan si irra gaʼu taʼus, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu itti fufuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu. Achiis Yihowaan qoʼachuu kee itti fufuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe hubadhu.

4. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif dursa kenni

Yeroo tokko tokko hojiin waan nutti baayʼatuuf, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf yeroo akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Maarree maaltu si gargaaruu dandaʼa? Filiphisiyus 1:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Jireenya keenya keessatti ‘wantoonni caalaatti barbaachisoo taʼan’ tokko tokko maalfaa sitti fakkaata?

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif dursa kennuu kan dandeessu akkamitti?

  1. Baaldii tokkotti cirracha erga naqxee booda, dhagaa itti naquuf yoo yaalte iddoon si hin gaʼu

  2. Jalqaba dhagaa yoo itti naqxe garuu, cirracha itti naquuf iddoo ni argatta. Haaluma wal fakkaatuun, jireenya kee keessatti ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif’ dursa yoo kennite, wantoota sana raawwachuu fi wantoota kaaniif yeroo argachuu dandeessa

Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun fedhii hafuuraa keenya, jechuunis fedhii Waaqayyoon beekuu fi isa waaqeffachuuf qabnu nuuf guuta. Maatewos 5:3 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiif dursa kennuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

5. Mormiin si irra gaʼus qoʼachuu kee itti fufi

Yeroo tokko tokko warri kaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee akka dhiistu gochuuf yaalu taʼa. Fakkeenya Firaancheeskoo ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Firaancheeskoon wanta barachaa ture michoota isaa fi haadha isaatti yommuu himu maaltu isaanitti dhagaʼame?

  • Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu isaa itti fufuun kan isa kiise akkamitti?

Ximotewos Lammaffaa 2:24, 25 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Maatii fi michoonni kee wanta barachaa jirtu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

  • Akka caqasa kanaatti namni tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu keetti gammaduu yoo baate maal gochuu qabda? Akkas kan jette maaliifi?

6. Yihowaan akka si gargaaruuf isatti amanami

Yihowaatti caalaatti dhihaachaa yommuu deemnu, fedhiin isa gammachiisuuf qabnus dabalaa deema. Taʼus ulaagaalee isaa wajjin wal simnee jiraachuuf, sirreeffama tokko tokko gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe abdii hin kutatin. Yihowaan si gargaara. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Jiim inni viidiyicha irratti ibsame, Yihowaa gammachiisuuf jijjiirama akkamii godhe?

  • Muuxannoo isaa keessaa wanti si dinqisiise maali dha?

Ibroota 11:6 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan ‘warra cimsanii isa barbaaddataniif,’ jechuunis namoota isa beekuu fi isa gammachiisuuf carraaqqii cimaa godhaniif maal godha?

  • Akka caqasa kanaatti Yihowaan carraaqqii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gootu yeroo argu maaltu isatti dhagaʼama? Akkas kan jette maaliifi?

NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Kitaaba Qulqulluu kan qoʼattu maaliifi?”

  • Maal jettee deebista?

MAAL BARATTE?

Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, gammachuudhaan bara baraaf jiraachuuf si gargaara. Yihowaatti amanamuu kee itti fufi, innis si badhaasa.

Irra Deebii

  • Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa akka qabanitti kan ilaaltu maaliifi?

  • ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baastee erga beektee’ booda maal gochuu qabda?

  • Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee itti fufuuf akka si gargaaru Yihowaa gaafachuu kan qabdu maaliifi?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Tooftaawwan namoonni hedduun yeroo isaaniitti ogummaadhaan akka fayyadaman gargaaran afur ilaali.

“Yerookeetti Ogummaadhaan Fayyadami” (Dammaqaa!, Eblaa-Waxabajjii 2014)

Yihowaan dubartii abbaan manaa ishii carraaqqii ishiin Waaqayyoon gammachiisuuf gootu hin hubanne tokko kan gargaare akkamitti akka taʼe hubadhu.

Yihowaan Itti Gaafatamummaa Keenya Akka Baanu Nu Jabeessa (5:05)

Abbaan manaa tokko haati manaa isaa jabaattee dhaabbachuu ishiitiin kan fayyadame akkamitti akka taʼe ilaali.

Dhugaa Qoreen Mirkaneeffadhe (6:30)

Yeroo tokko tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa maatii diigu jedhamanii himatamu. Garuu kun dhugaadhaa?

“Dhugaa Baatonni Yihowaa Maatii Ni Diigumoo Ni Ijaaru?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)