Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 13

Amantaan Sobaa Maqaa Waaqayyoo kan Balleessu Akkamitti?

Amantaan Sobaa Maqaa Waaqayyoo kan Balleessu Akkamitti?

Waaqayyo jaalala erga taʼee, amantaawwan Waaqayyoon akka bakka buʼan dubbatan wantoota hamoo hedduu kan raawwatan maaliifi? Gabaabumatti, amantaawwan kun soba waan taʼaniifi; akkasumas maqaa Waaqayyoo balleessu. Haa taʼu malee, maqaa Waaqayyoo kan balleessan akkamitti? Kana ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Amantaawwan kana irratti hoo tarkaanfii akkamii fudhata?

1. Amantaan sobaa wantoota barsiisuun maqaa Waaqayyoo kan balleessu akkamitti?

Amantaan sobaa ‘dhugaa Waaqayyoo sobatti jijjiira.’ (Roomaa 1:25) Fakkeenyaaf, amantaawwan hedduun hordoftoota isaanii maqaa Waaqayyoo hin barsiisne. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun maqaa Waaqayyootti fayyadamuu akka qabnu barsiisa. (Roomaa 10:13, 14) Geggeessitoonni amantaa tokko tokko wanti suukanneessaa taʼe yommuu mudatu fedha Waaqayyoo akka taʼe dubbatu. Kun garuu soba dha. Waaqayyo matumaa madda hamminaa miti. (Yaaqoob 1:13 dubbisi.) Kan nama gaddisiisu garuu, sobawwan amantaan sobaa barsiisu namoonni Waaqayyoon jaallachuun akka isaanitti ulfaatu godhaniiru.

2. Amantaan sobaa gocha isaatiin maqaa Waaqayyoo kan balleessu akkamitti?

Amantaan sobaa namootaaf ilaalcha Yihowaa hin qabu. Kitaabni Qulqulluun amantaa sobaa ilaalchisee “cubbuun ishii hanga samii bira gaʼutti tuulameera” jedha. (Mulʼata 18:5) Jaarraawwan hedduudhaaf amantaawwan siyaasa keessa galaa, waraana deggeraa, akkasumas namoonni hangana hin jedhamne akka duʼan sababa taʼaa fi heyyamaa turaniiru. Geggeessitoonni amantaa tokko tokko jireenya qananii jiraatu; kanaafis hordoftoonni isaanii maallaqa akka isaaniif kennan gaafatu. Gochawwan isaanii kun Waaqayyoon bakka buʼuun haa hafuutii, isa illee akka hin beekne mirkaneessu.—1 Yohaannis 4:8 dubbisi.

3. Amantaa sobaa ilaalchisee Waaqayyotti maaltu dhagaʼama?

Wantoonni amantaan sobaa raawwatu kan si aarsu erga taʼee, Yihowaatti hoo maaltu dhagaʼama jettee yaadda? Yihowaan namoota ni jaallata; geggeessitoota amantaa waaʼee isaa soba barsiisanii fi hordoftoota isaanii cunqursanitti garuu ni aara. Amantaan sobaa akka baduu fi ‘matumaas deebiʼee akka hin argamne’ waadaa galeera. (Mulʼata 18:21) Dhiheenyatti Waaqayyo amantaa sobaa hunda ni balleessa.—Mulʼata 18:8.

CAALAATTI BARADHU

Amantaa sobaa ilaalchisee Waaqayyotti maaltu akka dhagaʼamu caalaatti baradhu. Wanta amantaan sobaa gochaa jiruu fi kun garuu waaʼee Yihowaa barachuu kee akka dhiistu si taasisuu kan hin qabne maaliif akka taʼe baradhu.

4. Waaqayyo duratti fudhatama kan qabu amantaa hunda miti

Namoonni hedduun amantaan daandii garaa garaa hundumtuu gara Waaqayyootti geessuu wajjin akka wal fakkaatu amanu. Kun garuu dhugaa dhaa? Maatewos 7:13, 14 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Kitaabni Qulqulluun daandii gara jireenyaatti geessu ilaalchisee maal jedha?

VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Kitaabni Qulqulluun amantaan Waaqayyoon gammachiisu hedduu akka taʼe dubbataa?

5. Amantaan sobaa jaalala Waaqayyoo hin calaqqisiisu

Amantaawwan karaa hedduudhaan maqaa Waaqayyoo balleessu. Karaawwan kana itti godhan keessaa tokko waraana irratti hirmaachuudhaani. Fakkeenya tokko ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Waldaaleen addunyaa hedduun yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti maal raawwachaa turan?

  • Wanta raawwachaa turan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

Yohaannis 13:34, 35 fi 17:16 dubbisaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Amantaawwan waraana irratti yommuu hirmaatan Yihowaatti maaltu dhagaʼama jettee yaadda?

  • Wantoota hamoo raawwataman hedduudhaaf amantaan sobaa itti gaafatama. Karaawwan amantaaleen sobaa jaalala Waaqayyoo utuu hin argisiisin itti hafan akkamii argiteetta?

Amantaan sobaa jaalala Waaqayyoo hin calaqqisiisu

6. Waaqayyo namoonni amantaa sobaa keessaa akka baʼan gargaaruu barbaada

Mulʼata 18:4 dubbisaa, a achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Waaqayyo namoota amantaa sobaatiin gowwoomfaman gargaaruu akka barbaadu beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama?

7. Waaʼee Waaqa isa dhugaa barachuu kee itti fufi

Amantaan sobaa ilaalcha Waaqayyoof qabdu irratti jijjiirama fiduu qabaa? Mee waaʼee mucaa qajeelfama abbaa isaa fudhachuu dide tokkoo yaadi. Mucaan kun manaa baʼee jireenya gaarii hin taane jiraachuu jalqabe. Abbaan isaa gocha isaa kana hin deggerre. Maarree akkaataa mucaan fincile kun itti jiraateef abbaa isaa komachuun sirriidhaa?

  • Gochawwan amantaaleen sobaa raawwataniin kan kaʼe, Yihowaa komachuu fi waaʼee isaa barachuu dhaabuun sirriidhaa?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Amantaan hundi fakkeessitoota waan taʼaniif waaʼee amantaa dubbachuu hin barbaadu.”

  • Atoo akkas sitti dhagaʼamaa?

  • Gochawwan amantaa sobaa ilaalcha Yihowaadhaaf qabnu irratti jijjiirama fiduu kan hin qabne maaliifi?

MAAL BARATTE?

Amantaan sobaa barumsawwan sobaa barsiisuu fi gochawwan suukanneessaa raawwachuudhaan maqaa Waaqayyoo balleessa. Waaqayyo amantaa sobaa ni balleessa.

Irra Deebii

  • Wanta amantaan sobaa barsiisuu fi raawwatu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

  • Amantaa sobaa ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

  • Waaqayyo amantaa sobaa irratti tarkaanfii akkamii fudhata?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Karaawwan amantaalee hedduun Waaqayyoon itti gaddisiisan lama baradhu.

“Amantiin Hundi Tokko Dhaa? Hundumtuu Gara Waaqayyotti Geessuu?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Yihowaan namoota kaanii wajjin akka isa waaqeffannu kan barbaadu maaliifi?

“Miseensa Dhaabbata Amantii Tokkoo Taʼuun Barbaachisaa Dhaa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Qeesiin tokko wanti amantaa isaa keessatti raawwatamu isa jeeqa ture. Kun garuu dhugaa waaʼee Waaqayyoo ibsu barachuu isaa akka dhaabu isa hin taasisne.

“Sababii Qeesiin Tokko Amantii Isaa Itti Dhiise” (Dammaqaa!, Eblaa-Waxabajjii 2015)

Waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif amantaawwan, namoonni Waaqayyo akka nuuf hin yaannee fi gara jabeessa akka taʼe akka amanan gochuudhaan waaʼee isaa soba dubbachaa turaniiru. Sobawwan kana keessaa sadan isaanii ilaalchisee dhugaa isaa baradhu.

“Soba Waaqayyo Jaalala Qabeessa Miti Jedhu” (Masaraa Eegumsaa, Amajjii-Bitootessaa 2014)

a Dubartiin Baabilon Guddittii jedhamtu amantaa sobaa kan bakka buutu taʼuu ishii kan beekne akkamitti akka taʼe beekuuf Ibsa Dabalataa 1 ilaali.