Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 16

Yesuus Yeroo Lafa Irra Turetti Maal Raawwate?

Yesuus Yeroo Lafa Irra Turetti Maal Raawwate?

Namoonni hedduun waaʼee Yesuus beeku, taʼus tokko tokko wanta yommuu daaʼima turetti isa mudate qofa beeku; kaan immoo raajii ogeessa qofa akka taʼe beeku, tokko tokko immoo waaʼee duʼa isaa qofa beeku. Haa taʼu malee, jireenya lafa irratti dabarse qoruudhaan waaʼee isaa caalaatti barachuu dandeenyaa? Barumsa kana keessatti wantoota barbaachisoo Yesuus raawwate tokko tokkoo fi wantoonni kun si gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Hojiin Yesuus inni guddaan maal ture?

Hojiin Yesuus inni guddaan ‘misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu dha.’ (Luqaas 4:43 dubbisi.) Waaqayyo mootummaa ykn bulchiinsa rakkoowwan ilmaan namootaa hundumaa furu akka hundeessu misiraachoo lallabaa ture. a Yesuus dadhabe utuu hin jedhin waggaa sadiif walakkaadhaaf ergaa nama jajjabeessu kana lallabaa tureera.—Maatewos 9:35.

2. Yesuus dinqiiwwan kan raawwate maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo ‘hojiiwwan guguddaa, dinqiiwwanii fi mallattoowwan hedduu karaa Yesuus akka raawwate’ dubbata. (Hojii Ergamootaa 2:22) Yesuus humna Waaqayyootiin haala qilleensaa toʼachuu, namoota kumaan lakkaaʼaman sooruu, namoota dhukkubsatan fayyisuu fi namoota duʼan illee gara jireenyaatti deebisuu dandaʼeera. (Maatewos 8:23-27; 14:15-21; Maarqos 6:56; Luqaas 7:11-17) Dinqiiwwan Yesuus raawwate Waaqayyo akka isa erge mirkaneessu. Kana malees, Yihowaan rakkoowwan keenya hunda furuuf humna akka qabu argisiisu.

3. Akkaataa Yesuus itti jiraate irraa maal baranna?

Yesuus haala hundumaa keessatti Yihowaadhaaf ajajameera. (Yohaannis 8:29 dubbisi.) Mormiin isa irra gaʼus, wanta Abbaan isaa isa ajaje hundumaa hamma duʼaatti amanamummaadhaan raawwateera. Kana gochuudhaan, ilmaan namootaa haala rakkisaa keessatti illee Waaqayyoon tajaajiluu akka dandaʼan mirkaneesseera. Kanaafuu, Yesuus ‘faana isaa dhiheenyatti akka hordofnuuf fakkeenya nuuf taʼeera.’1 Pheexiros 2:21.

CAALAATTI BARADHU

Yesuus misiraachoo kan lallabee fi dinqiiwwan kan raawwate akkamitti akka taʼe ilaali.

4. Yesuus misiraachoo lallabeera

Yesuus hamma isaaf dandaʼametti, namoota hedduudhaaf misiraachoo lallabuuf daandiiwwan awwaara qaban irra kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼaman deemeera. Luqaas 8:1 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yesuus namoota isa dhaggeeffachuuf walitti qabamaniif qofa lallabee?

  • Yesuus namoota argachuuf carraaqqii akkamii godheera?

Waaqayyo Masiihichi misiraachoo akka lallabu dursee dubbateera. Isaayyaas 61:1, 2 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yesuus raajii kana kan raawwate akkamitti?

  • Namoonni yeroo harʼaatti argamanis misiraachoo kana dhagaʼuun kan isaan barbaachisu sitti fakkaataa?

5. Yesuus dhugaawwan faayidaa qaban barsiiseera

Yesuus Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu malees, barumsawwan faayidaa qaban kan biroo barsiiseera. Lallaba beekamaa gaara tokko irratti kenne irraa fakkeenyota muraasa ilaali. Maatewos 6:14, 34 fi 7:12 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yesuus caqasoota kanneen irratti gorsawwan gaggaarii akkamii kenne?

  • Gorsawwan kun amma illee faayidaa kan qaban sitti fakkaataa?

6. Yesuus dinqiiwwan raawwateera

Yihowaan Yesuus dinqiiwwan hedduu akka raawwatu humna isaaf kenneera. Fakkeenya tokko ilaaluuf, Maarqos 5:25-34 dubbisaa ykn VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Dubartiin viidiyicha irratti argamtuu fi dhukkubsattee turte maal amantee turte?

  • Dinqii kana ilaalchisee wanti sitti tole maali dha?

Yohaannis 5:36 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Dinqiiwwan Yesuus raawwate waaʼee isaa maal “dhugaa baʼu” ykn maal mirkaneessu?

Kana beektaa?

Odeeffannoowwan waaʼee jireenya Yesuus ibsan hedduun, kitaabota Kitaaba Qulqulluu arfan Wangeelota jedhaman, jechuunis Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis keessatti argamu. Barreessitoonni wangeelaa hundi waaʼee Yesuus karaa adda addaatiin ibsa balʼaa kennaniiru. Kitaabota kana arfan yommuu dubbisnu jireenya isaa ilaalchisee wantoota ajaaʼibsiisoo hedduu arganna.

  • MAATEWOS

    Wangeela isa jalqabaa barreesseera. Wangeelli kun barumsa Yesuus, keessumaa wanta waaʼee Mootummaa Waaqayyoo barsiise addeessa.

  • MAARQOS

    Wangeela hunda irra gabaabaa taʼe barreesseera. Wangeelli kun taʼeewwan nama gammachiisan hedduu gaggabaabsee ibsa.

  • LUQAAS

    kadhannaa fi ilaalcha Yesuus dubartootaaf qabuuf xiyyeeffannaa addaa kenneera.

  • YOHAANNIS

    mariiwwan Yesuus michoota isaa fi namoota kaanii wajjin godhe hedduu barreessuudhaan amalawwan Yesuus ibseera.

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Yesuus Waaqa Hundumaa Dandaʼu dha.”

  • Atoo maal jetta?

MAAL BARATTE?

Yesuus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabeera, dinqiiwwan raawwateera, akkasumas haala kam iyyuu keessatti Yihowaadhaaf ajajameera.

Irra Deebii

  • Yesuus lafa irra yeroo turetti hojiin isaa inni guddaan maal ture?

  • Dinqiiwwan Yesuus raawwate maal mirkaneessu?

  • Yesuus barumsawwan faayidaa qaban akkamii barsiiseera?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Dinqiiwwan Yesuus dhugumaan akka raawwataman kan amannu maaliif akka taʼe dubbisi.

“Dinqiiwwan Yesuus Raawwate Irraa Maal Barachuu Dandeessa?” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 2004)

Namni tokko Yesuus namootaaf akka yaadu beekuun isaa jireenya isaa kan jijjiire akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Waaʼeekoo Qofan Yaadan Ture” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessaa-Muddee 2014)

Wantoota guguddaa Yesuus tajaajila isaa irratti raawwate duraa duuba yerootiin ilaali.

“Wantoota Guguddaa Jireenya Yesuus isa Lafa Irraatti Raawwataman” (Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa, Kutaa Dabalataa A7)

a Barumsi 31-33 waaʼee Mootummaa Waaqayyoo balʼinaan ibsa.